1-2 Tas. 1ffaa 5:25; Qol. 4:3 Obboleeyyan tiyya! Waan hafeen dubbiin Goofta'aa akka ariiti'iin deemu, isin birattillee akka ta'uutti akka kabajjamu, namoonni hedduu waan hin amanneef, namoota hameeyyi'ii fi worra diiggaa hojjatan jalaa akka baanu nuu faateffadhaa'a.
3 Tas. 1ffaa 5:24 Haata'uu ammoo Gooftaan isin dhaabu ka hamaa irraa isin eegu amanama'a.
4Qor. 2ffaa 7:16; Gal. 5:10 Waan isin ajanyu amma akka gootan, duranaallee akkasuma akka gootan, waan keessaniif Gooftaa hedanneerra.
5Gooftaan garaa keenna gara jaalala Rabbii, gara obsa Kiristoosii haa qajeelchu.
Hujii Malee Taa'uun Barbaachisa'aa Miti6 Mat. 18:17; Rom. 16:17; Qor. 1ffaa 5:11 Obboleeyyan tiyya! Worra worra huji'iif seera malee deemaniif worra akka aaloo nu isinii dabarsineetiin hin jiraanne maraa irraa akka fooyamtan maqaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin isin ajanya.
7Tas. 1ffaa 1:6; 2:10 Attamitti akka nu fakkaachuun isin barbaachisu isinuu waan beettaniif, nu isin biratti haala malee hin jiraanne.
8Tas. 1ffaa 2:9; Qor. 1ffaa 4:12 Isin birratti waan tokkonilee akka isinitti hin ulfaanne, halkanii fi guyyaa dadhabbi'ii fi Xaari'iin hojjata'aa jiraata'aa turre malee, eennun irraallee buddeena akkanumaan hin nyaanne.
9Hu. Er. 20:35; Qor. 1ffaa 9:6; Filph. 3:17 Kunillee isin akka nu fakkaattaniif uf akka fakkeennaatitti isinii keennu'uuf turre malee, nu waan baallii hin qabneefii miti.
10Seera Uumamaa 3:19; Seera Bawu'uu 20:9 Akkasuma isin woliin hennaa jirru, «Ka hujuu hin jaalanne hin nyaatin» jennee isin seerree waan turreef.
11Sirima hujii uduu hin hojjanne waan namaa keessa gaala'aa seera malee isin keessa worra deemaniif waan namoota gari gari'ii dhageenneerra.
12Tas. 1ffaa 4:11 Worri akkanaa kunniin cadhisanii hojjata'aa buddeenuma isaanii akka nyaatan, maqaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin isaan seerra, isaan gorsinalle'e.
13 Gal. 6:9 Obboleeyyan tiyya! Isin ammoo hujii mishaa hojjachuu hin dadhabinaa'a.
143:6; Tit. 3:10; Qor. 1ffaa 5:9, 11 Dubbii keenna ka dhaamsa kanaan ergameef ka hin ajajamne eennullee yoo jiraate kana laala'aa akka saalfatu isa woliin wol hin ta'inaa'a.
15Tas. 1ffaa 5:13-14; Mat. 18:15; Yaq. 5:19-20 Haata'uu ammoo akka obboleessaatitti isa gorsaa malee, akka diinaatitti isa hin laalinaa'a.
Dhaamsa Dhumaa16 Yoh. 14:27; Tas. 1ffaa 5:23; Rom. 15:33 Rabbiin nagayaa, hennaa maraa karaa maraan, inninuu nagaya isinii haa kennu. Gooftaan isin maraa woliin haata'u.
17 2:2; Qor. 1ffaa 16:21; Gal. 6:11; Qol. 4:18 Dhaamsi kun ani Phaawuloos harkuma kiyyaan ka barreese. Ragaan dhaamsa kiyyaa marattuu akkanatti barreesseera.
18 Tas. 1ffaa 5:28 Badhaani Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii isin maraa woliin haa ta'u.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.