Ergaa Yohaannisii Ka 1ffaa 1 - WAADAA LAMMATAA

Dubbii Jireennaa

1 Yoh. 1:1, 14 Waan dubbii jireennaa ka dura ture ka gurra keennaan dhageenne, ka ija keennaanillee arginee guuttannee laalle ka harka keennaanillee qaqqabne isinitti oddeessina.

2Yoh. 1:4 Jireenni mudhate nulle argineerra hin rannalle'e, jireenna bara baraa ka Aabbaan bira ture, ka nuttillee mudhate isinitti himna.

3Isinillee nu woliin tokkummaa akka qabaattaniif ka argineef ka dhageenne isinitti himna, tokkummaan keenna Abba'aa fi Ilma isaa Yesuus Kirstoosiin woliin.

4Yoh. 15:11; 16:24; Yoh. 2ffaa 12 Gammachuun keessan akka raawwatamuuf kana isinii barreessina.

Rabbi Ifa

5 Yaq. 1:17 Wonti isa irraa dhagenne dhaamsi isinittillee himnu, «Rabbi ifa; dukkanti sirimaa isa bira hin jirtu» ka jedhu.

62:4, 9; Yoh. 3:21 Dukkanaa keessa jiraata'aa isa woliin tokkummaa qabna yoo jenne, soba malee dhugaan nu keessa hin jiru.

7Ibr. 9:14; Mudh. Yoh. 1:5 Haata'uu ammoo akkuma inni ifa keessa jiru, nullee ifa keessa yoo jiraanne, nu martinuu isa woliin tokkummaa qabna. Dhiinni Ilma isaa Yesuus Kiristoosii cubbuu keenna maraa irraa nu qulqullessa.

8Kitaaba Fakkeennaa 20:9 Cubbuu hin qabnu yoo jenne, uf sobna; dhugaanillee nu keessa hin jirtu.

9Kitaaba Fakkeennaa 28:13; Kitaaba Faarfanna'aa 32:1-4 Cubbuu keenna yoo himanne, cubbuu keenna nuu dhiisee hammena keenna maraa irraa nuu qulqulleesu'uuf, inni amanamma'aa fi qajeela'a.

10Cubbuu hin hunye yoo jenne, Rabbiin sobaa goonna; dubbiin isaallee nu keessa hin jiru.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help