1 4:2; Hisqeelii Raatticha 2:9-10 Ka teessoo irraa ta'eef harka isaa ka mirgaa keessaa fi duuba irratti barreeffame barreeffama erbe'ee ka chaappaa torbaan cufame arge.
2Maleekkaan cimaan kitaaba cufu, chaappoota ka hiikuu malu eennu? Jedhee laagaa gudda'aan hennaa labsu arge.
3Ardii, sami'itti, lafa jalattillee yoo ta'e kitaaba banuu yookiin laaluun eennullee hin danda'amne.
4Kitaaballee banuu yookiin laaluun ka malu eennullee waan hin argamneef guddisee booye.
522:16; Seera Uumamaa 49:9-10; Isaayyaasii Raatticha 11:1, 10; Rom. 15:12 Mangudoota keessa tokko, «Hin booyin! Kunoo, leenci gosa Yihuuda'aa Inni hidda Daawitii kitaaba banu'uuf chaappaa torbaallee hiiku'uuf mooyateera» naan jedhe.
6 Isaayyaasii Raatticha 53:9; Yoh. 1:29; Zakkaariyaasii Raatticha 4:10 Teesso'oo fi busaayota arfan wodhakkaa, manguddoota jiddu'uttillee akka hoolaa qalmaatitti dhabatee arge. Gaafa torbaa fi ija torba qaba. Isaanillee Ayyaannan Rabbii torban ka gara lafa maraa ergaman.
7Hoolaan sunillee dhufee harka mirgaa ka teessoo irra taa'ee irraa kitaaba fudhate.
814:2; 8:3-4; Kitaaba Faarfanna'aa 141:2 Hennaa kitaaba fuudhe, busayoonni afurii fi manguddoonni diddamii afurii hoolaa afo'otti kufanii, isaan maruu girgiraa worqi'ii ka hixaanaatiif faatee qulqullootaa meeshaa ittiin kaddaaman qaban.
9-1014:3-4; Kitaaba Faarfanna'aa 33:3; 98:1; 144:9; Isaayyaasii Raatticha 42:10; Phex. 1ffaa 1:18-19 «Kitaaba fuutee chaappootallee hiikuun keeti,
waan qalamteef dhiiga keetiin,
Rabbiif, afaan maraa, gosa maraa, banii maraa keessaa namoota furtee;
jeennata Waaqa keennaatiif gadicha akka ta'an gooteerta;
adunyaa irrattillee hin mooyan» jedha'aa laagaa haarawaan faarfatan.
11Daani'eelii Raatticha 7:9-10; Ibr. 12:22 Achiin maayessa naannaya teessoo busaawotaatiif mangudootaatitti laagaa Maleekkaa hedduu dhagayee, laakkofsi isaanillee shikita hennaa shikitaatiif kuma hennaa kumaatamaati.
124:11; Seenaa 1ffaa 29:11 Laagaa gudda'aan,
«Hoolaa qalame sanii,
hunni, durummaan, ogummaan, jajjabeenni,
ulfinni, galanninii fi eebbillee isaa mala» jedhan.
13 7:10-12; Filph. 2:10 Ardii, samii'i, lafa jalattii fi uumamni galaana irra jiranii fi wonti isa keessa jiru martuu hennaa,
«Eebbi, ulfinni, galanni, hunni, baraa haga bara baraa ka teessoo isaa irra taa'eef, hoolaa Rabbiitii haata'u» jedhan dhagaye.
14 19:4 Busaayaan arfanuu, «Amiin!» jedhan manguddoonni kufanii sagadan.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.