1-2 Hu. Er. 9:15; 13:2; Gal. 1:15 Ka ergamaa ta'u'uuf waamame garbicha Yesuus Kiristoosii Phaawuloosiin irraa, Oduu Nagayaa Rabbii ka afaan raattotaatii fi ka kitaaba woyyootaa keessatti firrisee abdii kenneefiif fooyame.
3-49:5; Mat. 22:42; Xim. 2ffaa 2:8 Oduun Nagayaa kun waan fooniin fiixaa Daawitii irraa dhalateef, akka Ayyaana Woyyu'uutittillee ammoo du'oota keessaa ka'ee, hunna gudda'aan Ilma Rabbii ta'ee mudhatee waan Ilma isaati; Innillee Gooftaa keenna Yesuus Kiristoos.
515:15-19; Gal. 2:7-9; Hu. Er. 26:16-18 Isaa fi maqaa isaatiif worra Yihuudota hin taane maraa jiddu'utti akka ajajamuun amanti'iin ta'e argamu, badhaadhuma'aa fi ergamummaa fudhanne.
6Isaan jiddu'uu akkasuma worri ka Yesuus Kiristoosii ta'u'uuf waamamtan isin fa'a.
7 Qor. 1ffaa 1:1-3; Qor. 2ffaa 1:1-2; Efe. 1:1-2; Seera Laakkobsaa 6:24-26 Worra Rabbiin jaalatamtan, woyyoota ta'u'uuf worri waamamtanii fi worri Roomaa keessa jirtan maruu, abbaa keenna Rabbii fi Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiin biraa badhaadhaa fi nageenni isiniif haata'u.
Faatee Galataa8 16:19; Tas. 1ffaa 1:8 Amantaan keessan adunyaa maraa irratti waan dhagayameef, firrisee waan keessan maraafuu Rabbii kiyya karaa Yesuus Kiristoosiitiin hin galateefadha.
9-10Filph. 1:8; Efe. 1:16 Oduu Nagayaa ka Ilma isaa ka ayyana kiyyaan tajaajilu Rabbi waan ragaa kiyya ta'eef, maal laataa yoo heddu turellee gara keessan amma akka dhufu fedha Rabbiitiin karaan akka naa banamuuf Rabbiin kadhata'aa hennaa maraa yoo faatefadhu waan keessan uduu addaan hin kutin kadhadha.
11Akka isin jabaataniif kennaa Ayyaanaa isinii qoodu'uuf isin arguu hawwa.
12Filph. 1:5; Phex. 2ffaa 1:1 Kana jechuun kiyya amantaa jidduu tiyyaa fi teessan jirtuun isin woliin akka wol jajabeesinuuf.
1315:22; Hu. Er. 19:21 Obboleewwan tiyya akkuma worra Yihuudota hin taane biratti ta'e isin birattillee daraaraa akka argadhuuf hennaa heddu gara keessan dhufu'uuf akka yaade; haga ammaa ammoo dhooggamuu kiyya akka naa beetan barbaada.
14Qor. 1ffaa 1:23, 24 Namoota Giriikii, ka hin baranneef, Ogeeyyi'ii fi worra hin hubanneef yabootu narra jira.
15Hu. Er. 28:30, 31 Isin worra Roomaa jirtaniif Oduu Nagayaa himu'uuf qophaayera. Kanaafuu haga naa danda'ameen worra Roomaa jirtaniifillee ammoo Oduu Nagayaa himu'uuf qophaayeera.
Hunna Oduu Nagayaa16 Kitaaba Faarfanna'aa 119:46; Mar. 8:38; Hu. Er. 13:46; Qor. 1ffaa 1:18, 24; Xim. 2ffaa 1:8 Oduu Nagayaatiin hin saalfadhu. Dura worra Yihuudiitiif akkasuma nama Giriikiitii fi worra amanu maraafuu hunni Rabbii fayyinsaaf waan ta'eef.
173:21-22; Gal. 3:11; Ibr. 10:38; Imbaaqoomii Raatticha 2:4 «Qajeelaan amanta'aan jiraata» jedhamee akkuma barreeffame qajeellumaan Rabbii amantaa irraa gara amanta'aa isaan waan mudhatuuf.
Yakka Namaa18 2:5, 8, 9; Efe. 5:6; Qol. 3:6; Isaayyaasii Raatticha 66:15 Namoota dhugaa badoomaan dhooggan badooma isaanii maraa irratti lolli Rabbii sami'ii cubbuu isaanii irratti bu'a.
19Hu. Er. 14:15-17; 17:24-28 Rabbi waan isaanitti mudhiseef waan Rabbii beekuu danda'uun isaan birratti addaataa waan ta'eef.
20-21Kitaaba Faarfanna'aa 19:1; 104; Kitaaba Iyyoobii 12:7-9; 37—38; Isaayyaasii Raatticha 40:26; Ibr. 11:3 Amalli isaa ka hin mudhanne, innillee hunna isaa ka bara baraa akkasuma Waaqumaan isaa uumama adunya'aatii jalaqabee, karaa waan inni uummeetiin beekkamee ifa ta'ee waan mudhatuuf; kanaafuu Rabbiin beeka'aa akka Rabbummaa isaatitti waan hin kabajjinee fi waan hin galateeffanneef waan itti sababatan dhaban. Haata'uu ammoo yaada isaaniitiin duwwaa ta'an; qalbiin isaanii ta hin hubbanee fi ta dukkanoofte.
22Ermiyaasii Raatticha 10:14; Qor. 1ffaa 1:19-21 Nu ogeeyyi'i uduu ufiin jedhan, jaanjoo ta'an.
23Seera Keessa deebi'ii 4:15-19; Kitaaba Faarfanna'aa 106:20 Ulfinna Rabbii ka hin banne, nama du'uuf, bifa simbirraaniitiin, waan luka afur qaban, uumama lafa irra deemanitti fakkeessanii jijjiiran.
24Hu. Er. 14:16; Tas. 1ffaa 4:5 Kanaafuu nafa isaaniitiin akka wol shingeessaniif Rabbi qalbii isaanii keessatti fedha batummaa fooniitiif dabarsee isaan kenne.
25Kunillee dhugaa Rabbii sobaan waan jijjiiraniif, uumma dhiisanii uumama waan kaddaamanii tajaajilaniif, innillee bara baraan ka eebbifame! Amiin.
26Kanaafuu Rabbi hawwii shinga'aatiif dabarsee isaan kenne. Dubartoonni isaanii amala isaaniitii fi hujjii ta'u waan amala isaaniitiif hin taaneen jijjiiran.
27Seera Leewwotaa 18:22; Qor. 1ffaa 6:9 Akkasuma worri dhiiraa amala isaaniif ta'u dubartoota bira gayuu dhiisanii fedhii foon ufiitiin gubatan. Dhiirti dhiira woliin shingaa raawwatan, waan badaa kanaa waan godhaniif adabbii isaaniif ta'u uf irratti fidan.
28Haguma Rabbiin beekuu jibaniin Rabbi waan hin taane akka godhan samuu faayyidaa hin qabneef dabarsee isaan kenne.
29Gal. 5:19-21; Efe. 5:3-4 Hammeenna, luquna, dhara maraan guuttaman; hinaaffaa, lubbuu ajjeesuu, mormii, amala dharaatii fi hammeennaan guuttaman.
30Xim. 2ffaa 3:2-4 Worra hasaasanii fi hamatan, worra Waaqa jiban, worra nama arrabsan, worra boonanii fi uf jajan, karaa baduma'aa worra wolitti soqanii fi worra maatii isaaniitiif hin ajajamne.
31Worra hin hubanne, worra woliigaltee diigan, worra jaalala hin qabnee fi worra araara hin qabne.
32«Worra kana godhan irratti seera Rabbii ka du'aatitu isaaniif ta'a» ka jedhu beeka'a, worra waan kanniin godhu callaa uduu hin taane, worra waan kana godhanillee, «Wolii galan.»
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.