1Ji'oota san keessa biyyi lafaa maruu akka galmaayu mootii mootota Awugisxoosiin biraa ajanyi baye.
2
10Maleekkaan Rabbiillee akkana isaaniin jedhe, oduu gammachu'uu ka banii maraaf ta'u waan isinitti himuuf, «Hin sodaatinaa'a!
11
18Worri dhagayan maruu waan tisseen itti himte san maalalfatan.
19Maariyaam ammoo waan kana maraa garaa ufiititti yaada'aa eega'aa turte.
20Tissoonni akkuma isaaniin jedhame waan dhagayanii argan maraafuu Rabbiin galatoonfata'aa kabajja'aa deebi'an.
21.
30-31 waan Simoon waan daa'imaatiif dubbate maalalfatan.
34-35 Gaddi akka guraadee qaramellee garaa kee woraana» jedhe.
36Raattittiin Haannaa jedhamtu, ta guddiftee jaarteertu, mucattiin Faanu'eelii, ta gosa Aseerii takka achi jirti. Isiin heerumtee woggaa torba haga jiraatteen maayessa, abbaan manaa isi'ii du'e.
37Xim. 1ffaa 5:5 Achiin maayessa haadha hiyyeessaa taate. Haga woggaa saddeettamii afurii abbaa manaa malee teette. Isiin mana woyyuu keessatti soomaa fi faateffanna'aan halkanii fi guyyaa Rabbiin tajaajilte.
38Haannaan hennama san dhuftee Rabbiin galateeffattee, waan daa'imaa worra bilisa bayuu Yeruusaaleemii eeggatu marattuu dubbatte.
Gara Naazireetii Deebi'an39 Mat. 2:23 Yooseefii fi Maariyaam waan Seerri Goofta'aa ajaju mara haga godhanii fixaniin maayessa, gara qachaa ufii gara Naazireetii, ka Galiilaa keessatti argamuu deebi'an.
401:80; 2:52; 4:16 Daa'imni guddatee jabaate; nama qaroo ta'e; badhaanni Rabbiillee isa irra jira.
41Seera Bawu'uu 12:1-27; Seera Keessa deebi'ii 16:1-8 Abbaa fi haati isaallee woggama wogga'aan guyyaa ayyaana Faasika'aa gara Yeruusaalemii dhaqan.
42Hennaa mucaan woggaa kudha lamaa guute, akkuma baratame isaan gara Yeruusaaleemii dhaqan.
43Guyyoonni ayyaanaa sun haga lufeen maayessa, hennaa deebi'an Yesuus Yeruusaaleemitti hafe. Akka Inni achitti hafe Maariyaamii fi Yooseefillee hin beenne.
44Imaltoota woliin waan deeme seeyanii deemsa guyyaa tokkoo deemanii firoota ufiitii fi nama beekan maraa iyyaafataniin.
45Isaan achii hennaa isa dhaban soqa'aa gara Yeruusaaleemii deebi'an.
46Guyyaa sadihiin maayessa mana woyyuu keessatti edduu barsiisotaa taa'ee isaan dhagaya'aa, hennaa inni gaafii isaan gaafatu argan.
47Yoh. 7:15 Worri isa dhagayan martinuu beekkomsa isaatii fi deebii inni deebisu maalalan.
48Abbaa fi haatillee hennaa isa argan hin maalalan. Haati isaa, «Ilma kiyya maaf akkana nu goote? Anii fi abbaan kee akka malee yaaddofnee si soqaa'aarra» isaan jette.
49 Yoh. 2:16; Kitaaba Faarfanna'aa 26:8 Yesuus deebisee, «Isin maaf na soxxan? Ani mana Abbaa kiyyaa keessa taa'uu akka na barbaachisu hin beettanii?» isaaniin jedhe.
50Isaan waan inni dubbate hin hubanne.
51Achiin maayessa inni worra ufii woliin gara qachaa Naazireetii deebi'ee, worraafillee ajajame. Haati isaa waan kana maraa garaa ufii keessatti eega'aa turte.
521:80; 2:40; Saamu'eelii 1ffaa 2:26; Kitaaba Fakkeennaa 3:4 Yesuus ogumma'aa fi hojja'aan gaachenaanillee Rabbii fi nama afo'otti guddate.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.