Oduu Nagayaa Ka Maatewoosii 22 - WAADAA LAMMATAA

Mammaaka Waan Fuudhaa Fi Heerumaa(Luq. 14:15-24)

1Yesuus ammallee deebisee mammaakaan akkana jedhee isaanitti hime.

2 gibira kaffaluun seera moo seeraa miti? mee nutti himi!» jedhaniin.

18Yesuus ammoo, hammeenna isaanii beekee, «Isin fakkeessitoota maaf haga kiyya na laaltan?

19Birrii gibiraa mee natti mudhisaa'a» jedhe. Isaanillee santibii tokko itti fidan.

20Innillee, «Fakiinii fi maqaan kun ka eennuu ti?» jedhee isaan gaafate.

21 Luq. 23:2; Rom. 13:7 Isaan deebisanii, «Ka mootii mootota biyya Rooma'aa ti» jedhaniin.

Achiin maayessa inni, «Kanaaf, waan mootii moototaa mootii moototaatiif, waan Rabbii Rabbiif kennaa'a» isaaniin jedhe.

22Isaanillee kana dhagayanii maalalanii isa dhiisanii deeman.

Gaafii Waan Du'aa Ka'iinsaa(Mar. 12:18-27; Luq. 20:27-40)

23 Hu. Er. 23:6, 8 Hennaa san worri Saduqootaa ka du'aa ka'insi hin jiru jedhan gara isaa dhiyaatanii akkana jedhanii isa gaafatan.

24«Barsiisaa'a, Muuseen, ‹Namni tokko uduu hin uumanne yoo du'e, obboleessi isaa haadha manaa obboleessa du'ee san dhaalee, fiixaa obboleessa ufiitiif haa dabarsuu› jedhe.

25Ilmaan haadhaa torbaa takkatu nu woliin ture. Ka hangafaa haadha manaa fuudhee uduu hin uumanne du'e, ka lammaffa'aallee isii dhaalee, uduu hin uumanne du'e.

26Sadaffa'aa haga torbaffa'aatitti isii dhaalanii uduu ijoollee hin uumatin irraa du'an.

27Kanniin maraan maayessa isiinillee hin duute.

28Waan isaan martinuu isii fuudhaniiraniif gaafa du'aa ka'iinsaa torban keessaa kamiif haadha manaa taati?»

29Yesuus deebisee akkana isaaniin jedhe, «Kitaabotaa fi hunna Rabbii waan hin beenneef, isin hin dogoggortan.

30Du'aa ka'u'uun maayessa akka Maleekkota Rabbii ta'an malee, hin fuudhan hin heeruman.

31-32Seera Bawu'uu 3:6, 16 Waan du'aa ka'uu worra du'ee, waan Rabbii isiniin jedhe isin hin dubbifnee? Inni, ‹Ani Waaqa Abrahaamii, Waaqa Yisihaaqiitii fi Waaqa Yaaqoobii ti› jedheera. Inni Waaqa worra jiraattotaati malee, Waaqa worra du'ootaatii miti.» isaaniin jedhe.

33Gumiinillee barumsa isaa kana dhagayanii maalalan.

Ajaja Guddicha(Mar. 12:28-34; Luq. 10:25-28)

34Fariisonni akka inni Saduuqota cadhisiise hennaa dhagayan wolgayan.

35Isaan keessaa, namichi Seera Muuse'ee beeku tokko, isa qoratu'uuf jedhee,

36«Barsiisaa'a, Seera keessaa ajanyi guddaan kam?» jedhee isa gaafate.

37Seera Keessa deebi'ii 6:5 Yesuus deebisee, « ‹Waaqa Gooftaa kee, garaa kee guutu'uun, lubbuu tee guutu'uun, qalbii tee guutu'uun jaaladhu›.

38Ajanyi guddaan duraa kana.

39Seera Leewwotaa 19:18; Rom. 13:9; Gal. 5:14 Lammaffaanillee kanuma fakkaata: ‹Obboleessa kee akka lubbuu teetiititti jaaladhu› ka jedhu.

40Rom. 13:10 Ajajuma lamaan kana irratti Seerrinii fi barsiifni raattotaa martinuu hundeeffamaniiran» jedhe.

Gaafii Waan Kiristoosii(Mar. 12:35-37; Luq. 20:41-44)

41Uduu Fariisonni wolgayanii jiran.

42Yesuus, «Wonti Kiristoosii maal isinitti fakkaataa? Inni ilma eennuuti?» jedhee isaan gaafate.

Isaan, «Ilma Daawitiiti» jedhaniin.

43-44Yesuus, «Attamiin Daawiti hunna Ayyaana Woyyu'uutiin masakkamee ‹Gooftaa'a› jedha'aa isa waama,

‹Rabbi Gooftaa kiyyaan,

haga ani diinota kee luka kee jala sii galchutti,

Mirga kiyya taa'i› jedheen yoo jedhu

Ayyaanaan Gooftaa jedhee isa waama'aaraa?

45Yoo Daawiti Gooftaa jedhee isa waame, attamitti Inni ilma isaa ta'a ree?» isaaniin jedhe.

46Mar. 12:34; Luq. 20:40 Namni tokkochi deebii isaa deebise hin jiru. Gaafa san irraa kaasee lamuu eennullee uggee hin gaafanneen.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help