1
129:15; Hu. Er. 18:3; 20:33-34; Tas. 1ffaa 2:9; Tas. 2ffaa 3:8 Harka keennaan hujja'aa dadhabna, yoo nu arrabsan hin eebbifna, yoo nu ari'an hin obsina,
13Hu. Er. 22:22 Hamaa yoo nutti dubbatan Rabbiin isaanii kadhana. Haga ammaa fishaa adunya'aatiif xurii lafa tanaa taaneerra.
14Tas. 1ffaa 2:11-12 Akka ijoollee jaaladhuutitti isin gorsu'uuf malee, isin saalfachiisu'uuf kana isinii hin barreessu.
159:2; Gal. 4:19; Film. 10 Isin Kiristoosiin irraan haga guddiftoota kuma hedduullee yoo qabaattan, abboota heddu qabdan. Ani Kiristoos Yesuusiin irraan Oduu Nagayaa kanaan isin uumadheera.
1611:1; Filph. 3:17 Eegasuu worra na fakkaatu ta'aa jedhee, isin kadhadha.
1716:10; Hu. Er. 19:22; Filph. 2:19-23 Kanaafuu ka jaaladhuuf amanamaa ka ta'e ka Goofta'aan ilma kiyya ta'e Ximootiwoosiin isinii ergeera. Akkuma ani hulee marattuu woldaa Kiristaanaa barsiisu, karaa kiyya ka Kiristoos Yesuusiin ta'u innillee isin qaabsisa.
18Gariin ammoo akka waan ani gara keessan hin dhufnee isaanitti fakkaatee, worri uf jajan hin jiran.
1916:5-7; Hu. Er. 18:21; Yaq. 4:14 Haata'uu ammoo, Gooftaan yoo jedhe dafee gara keessan dhufa. Hunna uf jajootaa hin beeka dubbii isaanii calla'aa miti.
202:4; Luq. 17:20-21 Jeennanni Rabbii hunnaan malee, dubbii calla'aan waan hin taaneef.
21Qor. 2ffaa 10:2; 13:10 Isin kam feetan? Ulee fudhee isinii dhufa moo jaalalaa fi Ayyaana gara laafuma'aatiin isinitti dhufuu woyya?
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.