1
12 isaa itti himi. Inni yoo si dhagaye, obboleessa kee godhadhu.
16Seera Keessa deebi'ii 19:15; Qor. 2ffaa 13:1; Xim. 1ffaa 5:19 Inni yoo si hin dhageenne ammoo, murtiin maruu ragaa nama lamaatiin yookiin sadihiitiin waan mirkanaayuuf, deebi'iitii nama tokko yookiin nama lamaa qabadhuu bira dhaqi.
17Qor. 1ffaa 5:13; Tas. 2ffaa 3:6; Tit. 3:10 Inni yoo isaanillee dhagayuu dide, Woldaa Kiristaanaatitti himi; Woldaa Kiristaanaallee yoo dhagayuu dide, akka nama hama'aatii fi nama cubbama'aatitti laakkayiin.
18 16:19; Yoh. 20:23 «Ani dhugamaan isiniin jedha, wonti isin lafarratti hiitan maruu, sami'ittillee ka hidhame ta'a. Wonti isin lafarratti hiittan maruu sami'ittillee hin hiikkama.
197:7; 21:22; Mar. 11:24; Yoh. 16:23-24; Yaq. 1:5; Yoh. 1ffaa 5:14-15 Ammallee, ani akkana isiniin jedha, isin keessaa namni lamaa, biyya lafaa irratti woma kamiifuu wolii galee yoo faateffate, Abbaan kiyya ka samii irra jiru waan isaan kadhatan san isaanii godha.
2028:20; Luq. 24:36; Yoh. 14:23 Hulee namoonni lama yookiin sadihii taa'anii maqaa kiyyaan hennaa wolgayanitti ani isaan woliin jira» jedhe.
Waan Wolii Araaramu'uu21Achiin maayessa Pheexroosi gara Yesuusii dhiyaatee, «Gooftaa'a, obboleessi kiyya yoo na yakke, hennaa meeqa dhiisaaf? hennaa torbaa?» jedheen.
22Luq. 17:3-4; Efe. 4:32; Seera Uumamaa 4:24 Yesuus deebisee, «Ani haga hennaa torbaatamii torbaa malee, hennaa torbaa callaa siin hin jedhu» jedheen.
23«Waan kanaaf jeennanni sami'ii mootii herrega hojjattoota isaa irra jiru herregatu'uuf barbaade tokko fakkaatti.
24Inni hennaa herreguu jalqabe, nama inni gatii Miliyoona hedduu irraa qabu tokko itti fidan.
25Innillee waan kafalu dhabnaan, gooftaan isaa inni haadha manaa ufii, ijoollee ufiitii fi waan qabu maraa woliin gurguramee gatiin akka kafalamu ajaje.
26Maarre hojjataan sun luka isaa jalatti kufee, ‹Naa obsi, anillee waan maraa sii kaffala› jedhee kadhate.
27Luq. 7:42 Gooftaan hojjataa sanii gaddee, gatii isaallee dhiiseefii, akka deemuuf gad isa dhiise.
28Haata'uu ammoo hojjataan sun, achii bayee, hojjattoota keessaa hiriyyaa ufii ka gatiin birrii dhibbaa irra jiru tokko argee, ‹Gatii kiyya naa kanfali› jedhee, hudhee isa qabe.
29Achiin maayessa hojjataan akka isaa sun gad kufee, ‹Naa obsi ani maraa sii kanfalaa› jedhee isa kadhate.
30Inni ammoo hin barbaanne; kanaafuu qabee haga gatii kanfaluufiif mana hidha'aatitti hiisiseen.
31Worri hiriyyaa isaa waan inni godhe kana arganii guddisanii gaddaniiti dhaqanii waan inni godhe maraa gooftaa ufiititti himan.
32Achiin maayessa gooftaan isaanii isa waamsisee, ‹Ati hojjataa hamaa'a! Waan na kadhatteef gatii san maraa sii dhiise.
337:2; Luq. 6:36-38; Qol. 3:13; Yaq. 2:13; Yoh. 1ffaa 4:11 Akka ani sii dhiise hojjataa hiriyyaa kee ta'e sanii hin dhiiftuu?› jedheen.
345:25-26; Luq. 12:58-59 Gooftaan isaallee aaree, haga gatii isa irra jiru maraa kafaluuf worra isa rakkisutti dabarsee kenne.
35 6:15; Mar. 11:25 Maarre isin keessaa tokko tokko obboleessa ufiitiif gara'aan yoo dhiisu'uufii dhabaate, Abbaan kiyya ka sami'iillee akkasuma isin irratti godha» isaaniin jedhe.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.