1 3:6; Qor. 1ffaa 7:25; Xim. 1ffaa 1:13, 16 Sababaa kanaaf haga araara nuu keennameetitti tajaajila kana waan qabnuuf hin dadhabnu.
22:17; 5:11; Tas. 1ffaa 2:5 Haata'uu ammo nu waan dhossa'aatii fi waan nama saalfachiisu ganneerra; dharaan hin deddeebinu. Dubbii Rabbii sobaan wolitti hin hin mannu. Dhugaa ibsu'uun waan sammuu nama maraatiif tolu Rabbiin afo'otti goona.
32:15-16; Qor. 1ffaa 1:18 Oduun Nagayaa ka nu lallabne kun maal laataa yoo dhokate, worra badan jalaa dhokate.
4Yoh. 12:31; Efe. 2:2; Qol. 1:15; Ibr. 1:3; Yoh. 10:30 Isaaniifillee ka fakkeenna Rabbii ta'e, ifni ulfinna Oduu Nagayaa ka Kiristoosii akka isaanii hin ifine, waaqa adunyaa tanaa ka ta'e seexannii qalbii worra hin amannee jaamse.
5Kiristoos Yesuusiin Gooftaa akka ta'e malee, waan ufii waan hin himneef. Waan Yesuusiitiif jennee tajaajilaa keessan taaneerra.
6Kiristoosiin afo'otti ulfinni beekkomsa Rabbii ifa akka kennu; garaa keenna keessatti ifni ifuun; dukkana keessatti ka ifiti haa ifu jedhe Rabbiin waan ta'eef.
7Haata'uu ammoo guddinna hunna Rabbii irraa malee, nu irraa akka hin taane akka beekkamu waan kabajjamaa akka mi'a faaraa taanee galmee kana uf keessatti qabanneerra.
8Karaa maraanuu hin dhiibamna malee, hin dhiphannuu, hin mamna malee, abdii hin kutannu.
9Hin ari'atamna malee, hin gatamnu, hin kufina malee, hin bannu.
10Jireenni Yesuusiillee akkasuma foon keenna irratti akka mudhatuuf hennaa maraa du'u Yesuusii nafa keenna irratti baadhannee deddeemna.
11Jireenni Yesuusii ammoo nafa keenna ka du'u irratti akka mudhatuuf, nu worri jiraatoota taane, sababaa Yesuusiitiin hennaa maraa du'aaf dabarfamnee waan kennamneef.
12Kanaafuu duuti isaa nu irratti, jireenni isaa ammoo isin keessatti hojjata.
13Haata'uu ammoo ani amanee dubbadhe jedhamee akkuma barreeffame, Ayyaana amanta'aa sanuma waan qabnuuf; nullee akkasuma hin amanna. Kanaaf dubbanna.
14Ka Gooftaa Yesuusiin du'aa kaase nullee akkasuma Yesuusiin woliin akka du'aa nu kaasu isin woliinillee akka nu dhiyeessu hin beenna.
15Karaa namoota hedduutiin badhaadha irraa hafaa; ulfinna Rabbiitiif galata akka guddisu maruu waan keessaniif.
Amanta'aan Jiraachuu16Kanaafuu hin dadhabnu; haata'uu ammoo nafti keenna ka gubba'aa yoo badellee nafti keenna ka keessaa guyyama guyya'aan haarawooma.
17-18Waan hin mudhanne malee waan mudhatu yoo laaluu baanne rakkoon keenna salpha'a; hennaa heddu ulfinna bara baraa maraa caalaa waan nuu godhamuuf. Wonti mudhatu haguma henna'aati. Wonti hin mudhanne ammoo ka bara baraati.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.