Ergaa Phaawuloos Gara Worra Qorontoosii Erge Ka 2ffaa 13 - WAADAA LAMMATAA

Gorsaa Fi Nagaya Dhaamatuu

1Gara keessan dhufuun kiyya kun hennaa sadaffa'aati. «Wonti maruu ragaa lamaa fi sadihiin mirkanaaya»

2-3Akkuma hennaa lamaffa'aa isin bira ture dubbadhe, akkasuma fagoollee yoo ta'e, Kiristoos na keessa bulee akka dubbatu ragaa yoo barbaadan, deebi'ee yoo dhufe akka garaa isinii hin laafne; firrisa worra cubbuu hujaniin kaawwan maraafuu firrisee jedha. Firrisee Kiristoosillee waan keessaniif hin dadhabu. Haata'uu ammoo isin keessatti jaba'a.

4Rom. 6:9-10; Filph. 2:7-8; Ibr. 2:9 Dadhabbi'iin fannifameera. Haata'uu ammoo, hunna Rabbiitiin jireennaan jiraata. Nullee akkasumaa isa woliin waan dadhabneef. Haata'uu ammoo waan isinii ta'een hunna Rabbiitiin isa woliin jireennaan jiraanna.

5 Qor. 1ffaa 11:28; Rom. 8:9-10; Gal. 2:20 Isin amanta'aan jiraatu'uuf, jiraatuu dhabuu keessan uf qora'aa uf laalaa'a; maal laataa yoo ka gayumsa hin qabne waan isinitti fakkaate, Yesuus Kiristoos isin keessa akka jiru hin beettanii?

6Nu ammoo worra gaye akka hin taane akka beettan abdii godha.

7Waan hamaa akka hin goone, Rabbiin isinii kadhanna; Nu worra gayumsa qabu taanee mudhatu'uufii miti. Haata'uu ammoo nu hagamillee yoo worra gayumsa hin qabne taane, isin hennaa maraa waan mishaa akka gootaniif.

8Hu. Er. 24:16; Qor. 1ffaa 13:6 Nu dhuga'aaf hojjanna malee, dhugaa irratti mormii hin qabnu.

9Ibr. 13:21 Nu dadhabnee, isin jabaa hennaa taatan waan gammanneef. Isin guutuu akka taatan, kanaafillee akkasuma hin faateffanna.

102:3; 10:4, 8, 11 Ani hennaa gara keessan dhufu wonti Gooftaan baallii naa kenneef, isin diigu'uuf oduu hin taane, baallii naa kennameetti fayyadamee isin ijaaru'uuf, akka isin hin miineef fagoo taa'ee, waan kana isinii barreesseera.

Nagaa Dhaamatuu

11 Filph. 2:2; 4:4; Rom. 12:16, 18; 15:33 Waan hafeen obboloota tiyya nagayaan taa'aa'a. Guutuu ta'aa'a; gorsa kiyya dhagayaa'a; yaada tokko ta'aa'a; nagayaan jiraadhaa'a; Waandhi jaalalaatii fi nagayaa isin woliin ta'a.

12Rom. 16:16; Qor. 1ffaa 16:20; Tas. 1ffaa 5:26; Phex. 1ffaa 5:14 Dhungoo woyyu'uun nagaya wol gaafadhaa'a.

13 Gal. 6:18; Rom. 5:5 Woyyoonni maruu nagaya isinii dhamaniiran.

14Ayyaanni Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii, jaalalti Rabbiitii fi tokkummaan Ayyaana Woyyu'uu isin maraa woliin haa ta'u. Amiin!

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help