Ergaa Yaaqoob Erge 3 - WAADAA LAMMATAA

Arraba Ufii Eeguu

1Obboleeyyan tiyya! Marti keessan barsiisota hin ta'inaa'a. Worri akkasii murtii caalu akka argatu waan beettaniif.

2Nu martinuu waan hedduun hin dogoggora; namni waan ufii dubbatuun hin dogoggore, inni nama nafa ufii tooyatuu danda'uu fi nama guutu'u.

3 Kitaaba Faarfanna'aa 32:7-8 Akka faradoonni nuu ajajamtuuf lugaama afaan isaaniititti goonee, gara feene geessina.

4Akkasuma markaboonni hagamillee guddaa ta'anii, qilleensaan yoo oofamanillee namichi oofu gara ufii fedhe ooftu'uun markaba baayi'ee diqqo'oon gara ufii fedhe oofa.

5Akkasuma arrabni waan diqqoo ta'ee uduu jiru waan gudda'atti dhaadata. Ibiddi diqqoon bosona guddaa attamii gubidi.

6Mat. 15:11, 18; Kitaaba Fakkeennaa 16:27 Arrabni ibidda; arrabni qaama nafaa jidu'utti adunyaa hamtu'u; qaama nafaallee hin batteessa; foon maraa hin xureessa; deemsa jireenna keennaa maraa hin guba; Ibidda asaabaatittillee hin gubata.

7Busaayaa, simbirroonni, worri sossochoo'anii fi galaana keessa jiraatan, gosoonni uumamaa maruu namaan leenji'aman.

8Kitaaba Faarfanna'aa 140:3 Haata'uu ammoo eennullee arraba ufii leenjisuu hin danda'u. Hadhaa nama ajjeessuun guutamee fi hamaa gara hin qabne.

9 Seera Uumamaa 1:26-27; Milkiyaasii Raatticha 2:10 Isumaan Aabba'aa fi Gooftaallee eebbifna. Isumaan namoota fakkeenna Rabbiitiin uumamanillee abaarra.

10Afaanuma tokko keessa eebbinii fi abaarsi baya. Obboleeyyan tiyya! kun garuu ta'uun hin barbaachisu.

11Burqaan tokko bisaan mi'aayuu fi bisaan haadhayu hin burqisiisaa?

12Mat. 7:16 Obboleeyyan tiyya! munni hurbu'uu ejersa yookiin woyiniin hurbuu daraaruu hin dandeettii? Bisaan sooqiddaa keessaa bisaan mi'aayaan hin bayu.

Ogummaa Adunya'aatii Fi Sami'ii

13Isin keessaa ogeessinii fi hubataan eennuu? Jireenni mishaan ogumma'aa fi fayyaalumma'aan hujii ufii haa mudhisuu.

14Efe. 4:31 Hadhaan hinaaffa'aa fi wol qooduun garaa keessan keessa yoo jiraate, kanaan uf hin jajinaa'a. Dhugaa malee soba hin dubbatinaa'a.

15Ogummaan akkasii sun ka lafaati, ka fooniiti, ka seexanaati malee ka samii irraa dhufuu miti.

16Gal. 5:15; Qor. 1ffaa 3:3 Bakka hinaaffa'aa fi uf jaalachuun jiru san boorreessa'aa fi hujiin hamaan waan jiruuf.

17 Xim. 1ffaa 1:5 Ogummaan Rabbiin irraa ammoo woyyitti'i, araaramtu'u. Gara-laafettii ta maarre jettu, ta araaraa fi daraaraa misha'aan guuttamte, ta mami'ii fi ta uf tuuluulee hin qabne.

18Isaayyaasii Raatticha 32:17; Ibr. 12:11; Mat. 5:9; Filph. 1:11 Daraaraan qajeellumma'aa namoota nagaya buusaniin facaafama.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help