1Ayyaanni Faasikaa jedhamu dhiyaate.
2 Anillee ammoo mootummaa kiyya keessatti hurbaata kiyya nyaataa dhugaa gosa Isiraa'elii kudha lamaan irratti akka murteessitan teessoo mootummaa irra akka teettan isin muudeera.»
Yesuus Akka Pheexroos Ganu Firrisee Dubbate(Mat. 26:30-35; Mar. 14:26-31; Yoh. 13:36-38)31Gooftaanillee, «Simoon, Simoon, kunoo, seexanni akka qamadi'ii isin gingilchu'uuf na kadhate.
32Yoh. 17:9-15; 21:15 Ani ammoo akka amantaan kee hin banne sii kadhadhe. Atillee hennaa gara kiyya deebite obboleeyyan kee jabeessi!» jedheen.
3322:54 Innillee, «Gooftaa kiyya, ani gara mana hidha'aatii fi gara du'aallee si woliin deemu'uuf qophaayeera» isaan jedhe.
3422:61 Inni ammoo, «Pheexroos, ani sitti hima, ati uduu lukkuun hin iyyin ani si hin beeku jettee adha hennaa sadi na ganta» jedheen.
Yesuus Gaara Ejersaa Irratti Faateffate35 9:3; 10:4; Mat. 10:9-10; Mar. 6:8-9 Achiin maayessa Yesuus, «Korojoo, karaxiitii yookiin kophee uduu hin qabatin hennaa ani isin erge, wonti isin jalaa dhidhate jiraa?» Isaaniin jedhe.
Isaanillee, «Womaa hin dhidhanne!» jedhan.
3622:49 Innillee ammoo, «Ka korojoo, yookiin karaxiitii qabu haa qabatuu; akkasuma guraadee ka hin qabnellee uffata ufii gurguree guraadee haa bitatuu.
37Isaayyaasii Raatticha 53:12 Ani akkana isiniin jedha, ‹Worra hamaa woliin laakkayame› jedhamee ka barreeffame na irratti raawwatamuu barbaachisa; Ee anaaf amma wonti ta'u narratti waan raawwatamuuf» isaaniin jedhe.
38Isaanillee, «Kunoo, Gooftaa kiyya, guraadee lamatu as jira» jedhaniinii jennaan. Innillee «Hin gaya!» isaaniin jedhe
3921:37; Mar. 14:26; Yoh. 18:1 Yesuus achi keessaa bayee akka aadaa isaa gara gaara ejersaa deeme. Darasoonnillee akkasuma isa faana deeman.
4022:46 Hulee san haga gaye, «Ataabe'etti akka hin galle dammaqa'aa faateffadhaa'a!» isaaniin jedhe.
41Isaan irraa haga darbata dhaga'aa fagaatee jilbiinfatee,
42Mat. 6:10; Yoh. 6:38 Abbaa kiyya fedhii kee yoo ta'e untoo tana narra dabarsi. Haata'uu ammoo fedhii kee malee kiyyaa hin ta'in jedhaa faateffate.
43Achiin maayessa Maleekkaan isa jajjabeessu samii irraa dhufe.
44Ibr. 5:7 Innillee dhiphatee jabaatee faateffate. Fuuruun isaa akka dhiigaa lafatti coccophe.
45Hennaa faatee irraa ka'e gara darasoota ufii dhufee waan guddisee gaddee tureef dadhabanii ka rafaniiran argee,
4622:40 «Maaf raftan? ataabe'etti akka hin galle ka'aatii dammaqaa faateffadhaa'a!» isaaniin jedhe.
Yesuusiin Qaban(Mat. 26:47-56; Mar. 14:43-50; Yoh. 18:3-11)47 Hu. Er. 1:16 Uduu inni dubbataa jiru namoonni hedduu gara isaa dhufan, darasoota kudha lamaan keessaa namichi Yihuudaa jedhamu tokko isaan afoo deemaa ture. Innillee Yesuusiin dhungachu'uuf gara isaa dhufe.
48Yesuusi ammoo, «Yihuudaa'a, Ilma Namaa dhungachu'uun dabarsitee kennitaa?» isaan jedhe.
49Worri isa woliin jiran waan ta'aaru haga argan, «Gooftaa kiyya, guraade'een dhoofnuu?» jedhaniin.
50Yoh. 18:26 Isaan keessaa tokkochi, hojjataa bulchaa gadootaa dhayee gurra mirgaa irraa mure.
51Yesuus ammoo deebisee, «Dhiisaa'a! waan kana itti hin deebi'inaa'a» jedhee gurra namichaa qaqqabee fayyise.
52 22:37 Yesuusillee worra gara isaa dhufan bulchoota gadoota, ajajoota mana woyyu'uutii fi manguddootaan, «Akka waan ani shiftaa ta'ee guraade'eef bokkuu qabattanii baatanii?
5319:47; 21:37; Yoh. 7:30; 8:20; Qol. 1:13 Guyyama guyya'aan hennaa mana woyyuu keessatti isin woliin jiru, hennaa san isin qubaanuu nan tundhe, amma garuu sa'aatiin kun sa'aatii keessanii fi baalliin abbaa dukkanaa itti hojjatu» isaaniin jedhe.
Pheexroos Yesuusiin Gane(Mat. 26:57-58, 69-75; Mar. 14:53, 54, 66-72; Yoh. 18:12-18, 25-27)54 22:33 Isaanillee Yesuusiin qabanii fuudhanii gara mana bulchaa gadootaa geessan. Pheexroos ammoo fago'otti isa faana deemaa ture.
55Hennaa jarri dallawa keessatti ibidda bobeessan Pheexroosillee gara ifaatiin edduu isaanii taa'ee uduu jiru,
56Hojjettuun takka xiinxallitee laaltee, kunillee isa woliin ture jette.
57Inni ammoo, «Intalattii nana, ani isa hin beeku» jedhee gane.
58Hennaa diqqo'oon maayessa namni biraa isa argeeti, «Ati isaan keessaa tokko» jedhe.
Pheexroos ammoo, «Namana namni sun, anaa mit» jedheen.
59Gara sa'aatii tokkoo haga tureen maayessa, «Namni biraallee inni nama Gaaliilaati dhugamaan namichi kunillee isa woliin jira» jedhe.
60Pheexroos ammoo deebisee, «Namicha nana waan ati jettu kana ani hin beeku!» jedhe. Uduma inni kana dubbataaru, lukkuun iyye.
61 22:34 Gooftaanillee midhatee Pheexroosiin laale. Pheexroosillee, adha lukkuun uduu hin iyyine hennaa sadi na ganta dubbii Gooftaan jedhe qaabate.
62Pheexroosillee diida bayee mararamee booye.
63Namoonni Yesuusiin qaban isatti baldaa dhaanan.
64Isaanillee ija isaa hidhanii, dhayaa waan turaniif, «Ka dhabanaasaan si dhaye eennu? Mee raaga dubbadhu!» jedha'aa isa gaafatan.
65Waan biraallee waan hedduu jedha'aa arabsa'aanii turan.
Yesuus Yaa'ii Murti'iititti Dhiyaate(Mat. 26:59-66; Mar. 14:55-64; Yoh. 18:19-26)66 Mat. 27:1; Mar. 15:1 Hennaa lafti bariite manguddoonni biyyaa, bulchoonni gadootaatii fi barsiisonni Seera Muuse'ee wolgayanii gara yaa'ii murti'ii fidanii,
67Yoh. 3:12; 8:45; 10:24 «Kiristoos si'ii? mee nutti himi!» Inni ammoo, «Yoo ani isinitti hime, hin amantan;
68Yoo isin gaafadhellee naa hin deebiftan, na hiitanille'e.
69Kitaaba Faarfanna'aa 110:1; Hu. Er. 7:56 Haata'uu ammoo amma irraa jalqabee, Ilmi Namaa mirga hunna Rabbii taa'a» jedheen.
70 4:3-9; Mat. 4:3 Isaan martinuu, eegasuu, «Ati Ilma Rabbii tii?» jedhaniin.
Innillee, «Akka ani isa ta'e isinuu jedha'aattan» jedhe.
71Isaanillee, «Nu'uu afaan isaatii dhageenneera, ammaa achi ragaa maal nu barbaachisa?» jedhan.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.