Hujii Ergamootaa 19 - WAADAA LAMMATAA

Waan Phaawuloos Efesoonitti Hojjate

1Uduu Aphiloos Qorontoosiin jiru, Phaawuloos biyya gaaraa keessa lufee gara Efesoonii dhufe.

22:38; 8:15-16; Yoh. 7:39 Darasoota gari garii argee, «Isin hennaa amantan, Ayyaana woyyuu fudhattaniirtuu?» isaaniin jedhe.

Isaanillee, «Hin fudhanne; akka Ayyaanni Woyyuun jiru horomaa hin dhagenne» jedhaniin.

3«Eegasuu maali'iin cuuphamtan ree?» Isaaniin jedhe.

Isaanillee, «Cuuphaa Yohaannisiitiin» jedhaniin.

4Mat. 3:11; Mar. 1:4, 7-8; Luq. 3:3-4, 16; Yoh. 1:26-27 Phaawuloosillee, «Yohaannis Yesuus Kiristoosii isaan maayessa dhufutti akka amanan, bani'itti hima'aa, cuuphaa aagi'ii cuuphe» isaaniin jedhe.

5Hennaa waan kana dhagayan, maqaa Gooftaa Yesuus Kiristoosiitiin cuuphaman.

62:4; 8:17; 10:44-46 Phaawuloosillee hennaa harka ufii isaan irra kaaye Ayyaanni Woyyuun isaan irra bu'e; laagaa haarawaa fi raagallee dubbatan.

7Isaan haga namoota kudha lamaa turan.

8 18:26 Gara mana sagada Yihuudotaa seenee waan jeennata Rabbii dubbata'aa isaan hubachiisa'aa haga ji'a sadihii addaataa dubbata'aa ture.

9Qor. 2ffaa 6:17 Isaan keessaa ammoo gari gariin banii afo'otti morkataniiti barumsa amantaa Kiristaanaa arrabsan. Kanaaf Phaawuloos isaan dhiisee, darasoota hojjatti baafatee guyya guyya'aan mana barumsa Xiraanoos jedhamu keessatti isaan barsiisa'aa ture.

10Worri Isiiyaa jiraatan maruu Yihuudonnillee namoonni Giriikiillee dubbii Goofta'aa haga woggaa lamaa barata'aa turan.

Ilmaan Asge'ee

11 14:3 Rabbillee harka Phaawuloosiititti baasa nama maalalchiisu godhe.

125:15-16 Kanaafuu uffata isaa fuudhanii gara worra dhibamanii fidanii, worra dhibamaniin hennaa tuqan, isaanillee hin fayyan; ayyanni hamaanillee isaan keessaa baye.

13Luq. 9:49; 11:19 Yihuudota jinnii baasa'aa olii fi gadi deeman keessaa gariin, waan Phaawuloos lallabuun, «Maqaa Yesuusiitiin isin kakachiifina» jedha'aa worra ayyanni hamaan keessa jiru maqaa Gooftaa Yesuus Kiristoosii isaanitti waamuu badadan.

14Ijoolleen torban namicha Asiqewwaa jedhamuu ka bulchaa gadootaa Yihuudi'ii tokko waan kana godhu'uuf badada'aa turan.

15 Mar. 1:34; Luq. 4:41 Ayyaanni hamaan ammoo deebisee, «Yesuusiin hin beeka; Phaawuloosiinillee hin beeka; isin hoo eennuu fa'a?» isaaniin jedhe.

16Namichi ayyanni hamaan keessa jiru isaanitti utaalee, isaan madeessee mooyate; isaanillee qulaa mana san keessaa bayanii dheessan.

175:5, 11 Kunillee Yihuudotaa fi Giriikota Efesooniin keessa jiraatan maraa biratti hin beekkame. Isaan martinuu hin sodaatan. Maqaan Gooftaa Yesuusiillee hin kabajjame.

18Worra amanan keessaa namoonni hedduu dhufanii, cubbuu isaanii ifa baasanii himata'aa turan.

19Worra asmaa kataban keessaa namoonni hedduu kitaabban wolitti qabanii nama maraa afo'otti guban. Gatiin isaa yoo bikkamu birrii kumaa shantamaa ta'e.

206:7; 12:24 Akka kanaan dubbii Goofta'aa hunnaan mooyata'aa guddata'aa ture.

Efesoon Raafamte

21 23:11; Rom. 1:13 Haga wonti kun raawwatame, Phaawuloos achi gayee Roomaallee akkasuma arguu fedha jedhee, Maqidooniya'aa fi Akaayiyyaa keessa lufee gara Yeruusaalemii dhaqu'uuf murteeffate.

22Worra tajaajilan keessaa lamaan Ximotewoosii fi Erxoosiin gara Maqidooniya'aa ergee, ufii ammoo guyyaa hagoo Isiyaa keessa ture.

23 Qor. 2ffaa 1:8 Hennaa san waan karaa Goofta'aa kanaaf, lolli guddaan ka'e.

2416:16 Namichi meetii huju ka Dimexiroos jedhamu tokko fakii mana woyyuu waaqa tolfamaa Arxeemsii hojjata'aa waan worra sibiila baassan irraa bu'aa guddaa argata'aa tureef.

25Worra hujii kana fakkaatu hojjatan wolitti qabee akkana isaaniin jedhe, «Namoota nana! Bu'aan keenna hujii kanaan akka ta'e hin beettan.

2617:29 Waan kana Phaawuloos, fakiin harka namaatiin hojjatame waaqaa miti jedhee Efesooniin calla'atti uduu hin taane biyya hago'oon alatti Isiyaa marattuu banii heddutti himee akka isaan dogoggorse argitaniirtan; dhageettaniirtanille'e.

27Akka hujiin keenna tuffatamu callaa uduu hin taane, ta Isiiyaanii fi adunyaan marti kaddaamu, waaqa guddoo mana woyyuu ta Arxeemsii akka waan duwwa'aatitti haa laakkayamu'uuf guddinni isi'iillee diiggaminnaa sodaachisa.»

28Kana hennaa dhagayan aaranii, «Arxeemiisiin Efesoonii guddo'oo» jedha'aa iyyan.

29Yomasan qachaan maruu raafamte. Namoonni Maqidooniya'aa hiriyoota Phaawuloosii Gaayiyoosii fi Arsixirookoosiin isaan woliin butanii yaada tokko ta'anii gara hulee taphaa gad fiigan.

30Phaawuloosillee banii keessa seenuu barbaannaan darasoonni isa dhooggan.

31Bulchoota Isiya'aa keessaa goshoonni Phaawuloosii gariin nama gara isaa erganii, bakka taphaa akka hin dhandhe isa kadhatan.

32Yaa'iin asii achi jedha'aa iyya'aa wolitti bu'e. Garri caalaan isaanii ammoo waan achitti wol gayanifillee hin beenne.

33Yihuudonni namicha Iskindiroos jedhamu dhiibanii afoo bani'iititti baasan. Iskindiroosillee harkaan mudhisee, akka isaanii falmu godhan.

34Isaanillee akka inni nama Yihuudi'ii ta'e haga beekan martinuu laagaa tokkoon «Arxeemisiin Efesoonii guddo'o» jedha'aa haga sa'aatii lamaa wocan.

35«Qachaan Efesoonii Arxeemisii guddoo waaqa tolfamaa sami'ii bu'ee, mana isi'ii ta woyyumma'aa ta eeddu akka taate namni hin beenne eennu?

36Ka kana ganu yoo hin jiraanne, akka cadhiftaniif waan tokkollee ariiti'iin akka hin goone barbaachisa.

37Meeshaa mana woyyu'uu worri hin hanne namoota waaqoolee keenna hin arrabsine kanniin fidaniiran.

38Dimeexiroosii fi worri meetii bassan ka isa woliin jiran ammoo waan ittiin nama himattan yoo qabaattan, guyyaan murti'ii waan jiruuf, worri murtii kennullee waan jiruuf achitti wol haa falmanii.

39Yoo waan biraa barbaaddan ammoo yaa'ii gumi'iitiin hiikkama.

40Raafama adha ta'e kanaaf jedhanii akka nu hin himanne, waan sodaachiisuuf, waan sababaa hin qabneef, gumii tanaa deebii kennuu hin dandeennu»

41Kana jedhee, gumii gargar kaase.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help