Hujii Ergamootaa 6 - WAADAA LAMMATAA

Hojjattoonni Torbaa Filataman

1 2:45; 4:35 Bara san keessa darasoonni eda'a'aa deeman, Yihuudonni biyya Giriikiitii dhufan, Yihuudota Yihuudaa keessa jiraatanitti guuguman. Tajaajila guyya guyya'aan hojjattama'aa ture keessatti haadha hiyyeeyyii isaanii waan dagataniif.

2Darasoonni kudha lamaanuu amantoota maraa waamanii akkana isaaniin jedhan; «Dubbii Rabbii dhiifnee tajaajila dhiyanaa kennuun waan hin taane.

36:10; 16:1-2; Xim. 1ffaa 3:7-10 Obboleeyyan tiyya! Worra ragaa mishaa qaban, Ayyaana Woyyu'uu fi ogumma'aan guuttaman, namoota torbaa uf keessaa filaa'a. Waan kanaaf isaan muunnaa.

42:42; Luq. 1:2 Nu ammoo Rabbiin faate'ee fi dubbii isaa barsiisu'uun jabaannaa» jedhan.

5 11:24; 8:5; 21:8 Dubbiin kun banii maraa hin gammachiise. Nama amanti'ii fi Ayyaana Woyyu'uun guuttame Isxifaanoos, Filiphoosiin, Phiroqorosiin, Niqaaroniin, Ximonanii, Pherime'ee fi ka gara Yihuudumma'aa galee ture Anxookiyootaa fi Niqolaawonosiin filatan.

61:23-24; 13:3; Xim. 1ffaa 4:14; 5:22 Afoo ergamtootaa isaan dhaabsisaniiti harka isaan irra kaayanii faateffatan.

7 12:24; 19:20 Dubbiin Rabbii babadhata'aa deemee, Yerusaalemitti laakkoofsi darasootaa guddisee baayi'ata'aa deeme. Gadoota keessaa namoonni hedduun worra amanta'aaf ajajaman ta'an.

Isxifaanosiin Qaban

8Isxifaanoos hunna Rabbiitii fi badhaadhummaa Rabbiitiin guuttamee, banii wodhakka'aatti maalale'ee fi malkata guddaa godhe.

9«Mana sagada Yihuudotaa ta bilisa baaftuu» jedhamtu namoota Qaareena'aatii fi Iskinidiriya'aa, worri kiliqiya'aatii fi Isiyaa keessaa dhufan gariin ka'anii Isxifaanosiin morman.

106:3; Luq. 21:15 Ogumma'aa fi Ayyaana inni dubbatuun mormuu hin dandeenne.

11Mat. 26:59-66; Mar. 14:55-58 Hennaa inni, «Muuse'ee fi Rabbiin arrabsu dhageenneera» namoota jedhan isa irratti kakkaasan.

12Mat. 10:17 Banii, manguddootaa fi barsiisota Seera Muuse'ee aarsaniiti itti dhiyaatanii isa qabanii gara gumi'ii fidanii,

137:48-49; 21:28 «Namni kun bakka qulqulluu kanaaf seerallee arrabsuu dhiisuu dide.

1421:21; Mat. 24:2; 26:61 ‹Yesuusiin Naazireetii hulee kana diigee, Seera Muuseen nuu dabarsellee hin jijjirra› hennaa inni jedhu dhageenneerra, worra jedhan ragaa sobaa dhiyeessan»

15Mat. 13:43 Worri yaa'ii murti'ii taa'aniiran maruu xiinxallanii hennaa laalan fuulli isaa akka fuula Maleekka'aa ta'ee argan.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help