1-3 5:24; Luq. 22:4, 52 Pheexroosii fi Yohaannis banii waan barsiisaniif, du'aa ka'iitiin worra du'anii karaa Yesuusiitiin jedhanii waan lallabaniif bulchoonni gadootaa, dura bu'oonni mana woyyu'uutii fi Saduqoonni aaranii isaan qaban. Hennaan sun waan dhiyeeruuf haga lafti bari'uuf isaan hidhan.
42:41, 47; 5:14; 6:7 Haata'uu ammoo worra dubbii dhagayan keessaa heddutu amane. Laakkofsi dhiiraallee haga kuma shanii ta'e.
5-6Bariisaallee, bulchoonninii fi manguddoonni barsiisonni Seera Muuse'eetii fi bulchaan gadootaa Haannaan, Qayyaaffa'aa fi Yohaannis Iskindiroosii fi firoonni bulchaa gadootaa maruu Yeruusaaleemitti wolgayan.
7Luq. 20:1-2 Isaanillee Pheexroosii fi Yohaannisiin banii wodhakaa dhaabsisanii, «hunna kamiin yookan maqaa eennuutiin isin waan kana gootan?» jedhaanii isaan gaafatan.
8Luq. 12:11-12; Hu. Er. 6:3, 5; 7:55; 9:17; 13:9 Hennaa san Pheexroos Ayyaana Woyyu'uun guuttamee akkana isaaniin jedhe, «Isin bulchoonni biyyaatii fi manguddoonni,
9Nu ammoo nama naafa kanaaf wonti mishaan godhame maali'iin akka fayye yoo qorre,
103:6, 15-16 Ka isin fanniftaniin ka Rabbillee worra du'an keessaa kaase, maqaa Yesuus Kiristoosii Naazireetitiin namichi kun fayyaa ta'ee afoo keessan akka dhaabate isiniif banii Isiraa'elii maraa afo'otti ka beekkame haa ta'u.
11Kitaaba Faarfanna'aa 118:22; Luq. 20:17 Inni kun dhagaa
isin worri mana dhaga'aa ijaartan tuffattan,
dhagaa mataa utubaa manaa qajeelchu ta'e.
12Fayyinni karaa biraa karaa eennuutiinillee hin jiru, maqaan akka nu ittiin fayyinuuf kenname ka namoota fayyisu samii gaditti Yesuusiin malee, ka biraa hin jiru.»
13Pheexroosii fi Yohaannis addaataa akka dubbatan haga argan, namoota Kitaaba hin beenneef hin baranne ta'uu isaanii hubatanii Yesuusiin woliin akka turan beekanii maalalfatan.
14Namicha fayyeellee isaan woliin akka dhaabateruu haga argan; waan isaaniin jedhan dhaban.
15Gumii keessaa gara diidaa akka bayan isaan ajajaniiti,
16Yoh. 11:47; Hu. Er. 3:8-10 «Namoota kanniin maal haa goonuu? Maalaleen beekkama ta'e harka isaaniititti akka godhame Yeruusaalemiin keessa worra jiraatan marattuu mudhateera, dhossuu hin dandeennu.
17Haata'uu ammoo banii keessatti guddisee akka hin babadhanne ammaa achi eennullee maqaa kanaan akka hin dubbanne isaanitti baanata'aa isaan haa seerruu jedhanii woliin mari'atan.»
18 5:28, 40 Isaan waamanii maqaa Yesuusiitiin horoma akka hin dubbanneef akka hin barsiifne isaan seeran.
195:29 Pheexroosii fi Yohaannis ammoo deebisanii, «Rabbiin dhagayuu caalaa isin dhagayuun barbaachisaa akka ta'e isinumti murteesaa'a.
2022:15; Luq. 10:23-24; Qor. 1ffaa 9:16; Yoh. 1ffaa 1:1-3 Nu waan arginee fi ka dhageenne himuu dhiisuu hin dandeennu» isaaniin jedhan.
21Isaanillee attamitti akka isaan adaban sababaa waan isaan irraa dhabaniif ammallee baanata'aa banii sodaatanii isaan hiikan. Namoonni maruu waan ta'e saniif Rabbiin kabajja'aa waan turaniif.
22Namni maalaleen fayyinnaa ta'eef kun nama woggaa afurtamaa oliiti.
Faatee Amantootaa23Hiikkamanii gara worra isaanii dhaqaniiti waan bulchoonni gadootaatii fi manguddoonni isaaniin jedhan maraa isaaniti himan.
24Seera Bawu'uu 20:11; Kitaaba Nahimiya'aa 9:6; Kitaaba Faarfanna'aa 146:6 Isaanillee hennaa waan kana dhagayan, garaa tokko ta'anii laagaa ol qabatanii Rabbiin akkana jedhan, «Gooftaa keenna!, Ati ka ardii, samii, galaanaa fi waan isaan keessa jiraatan maraa uumte.
25Kitaaba Faarfanna'aa 2:1-2 Ayyaana Woyyu'uun Ilma keetiin abbaa keenna afaan Daawitiitiin,
‹Worri Yihuudi hin taane maaf guuguman?
Baniinillee waan duwwaa maaf yaadan?
26Ati Waaqa mootonni adunya'aa,
bulchoonnillee
Goofta'aa fi ka dibame Kiristoosiin irratti wolta'anii ka'an›
jettee dubbatte.
27 Mat. 27:1-2; Mar. 15:1; Luq. 23:1, 7-12; Yoh. 18:28-29 Ilma kee woyyuu dibame Yesuusiin irratti Heroodisii fi Pheenxeenichi Philaaxoos banii Yihuudota hin taanee fi Isiraa'eliin woliin,
282:23 Harki keetiif yannii kee banii Isiraa'elii woliin akka ta'u akkuma duraan dursaanii murteessan maraa raawwachu'uuf qachaa kanatti wol gayan.
29Efe. 6:19 Ammallee Gooftaa keenna! Gara baanuu isaanii laali!
30Fayyisu'uuf harka kee yoo diriirsite hennaa maqaa Ilma kee woyyicha Yesuusiitiin maalaleenii fi baafni ta'u hojjattoonni tee akka karaa ifa ta'een dubbii kee guutuu akka dubbatan isaanii kenni.
3116:25-26; 13:52 Haga faateeffataniin maayii huleen isaan itti wolgayanii turan sun hin socho'e. Isaan marattuu Ayyaana Woyyuu guute, dubbii Rabbiillee addaataa dubbatan.
322:44-45; Yoh. 17:21-22 Worri amanan garaa tokko fi yaada tokko qaban. Wonti isaan qaban martinuu ka woliiti malee, ka qaban keessaa eennullee kiyya jedhee hin dubbane.
332:47; 4:2 Eergamtoonillee du'aa ka'iitii Goofta Yesuus Kiristoosii hunna gudda'aan ragaa bayan. Maraa irra badhaadha gudda'atu jira.
342:45; Luq. 12:33; Hu. Er. 5:2; Qor. 2ffaa 8:14 Isaan jidduu rakkataan tokkollee hin jiru lafa yookiin mana qaban maraa gurgura'aa gatii itti gurgurame fida'aa,
35luka ergamtootaa jala kaayan. Maraayyuu akkuma isaan barbaadanitti qoodan.
3611:22, 24; 13:2; 15:39 Yooseef nama biyya Qophiroosii ka dhalootaan gosa Leewwi'ii ka ergamoonni, «Barnaabaas» jedhaniin tokkotu ture. Barnaabaas jechuun, «Ilma booharti'ii» jechu'u;
37innillee qonna qabu gurguree, birriillee fidee luka ergamtootaa bira kaaye.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.