Mudhata Yohaannisii 19 - WAADAA LAMMATAA

1 11:15; 12:10 Asiin maayii sami'itti, «Hallee luyyaa! ta seebaru'uun lafa balleessite seebartuu guddoo waan itti murteeffameef waan dhiiga garbotaa harka isi'iitti haluu baaseef»

216:7; Kitaaba Faarfanna'aa 19:9; 119:137; Seera Keessa deebi'ii 32:43; Mootota 2ffaa 9:7 Murteen isaa dhuga'aa fi qajeelaa waan ta'eef, fayyisuun, ulfinni, hunnillee ka Waaqa keennaati! jedhee hennaa dubbatu laagaa akka banii hedduu dhagaye.

3 Isaayyaasii Raatticha 34:10 Ammallee, «Hallee luyyaa! jedhan. Aarri isi'ii baraa haga bara baraa hin aara»

4Manguddoonni diddaamii afurii fi busaayoonni afurii, afoo isaaniititti gad kufanii Rabbii teessoo irra taa'ee, «Amiin, halle luyyaa!» jedha'aa sagadaniif.

Cidha Hoola'aa

5 Kitaaba Faarfanna'aa 115:13; 134:1 Laagaan, «Garboonni maruu worri isa sodaatan didiqqaanii fi gugurdaan Waaqa keenna galateeffadhaa'a!» jedhu teessoo isaa biraa dhagayame.

6 11:15, 17; Hisqeelii Raatticha 1:24; Kitaaba Faarfanna'aa 93:1; 97:1; 99:1 Laagaa akka laagaa banii hedduu laagaa akka laagaa bisaan gudda'aa laagaa akka laagaa gigissaa gudda'aa jiru hennaa akkana jedhu dhagaye. «Hallee luyyaa! ka maraa bulchuu Waandhi Gooftaan keenna waan mooyeeruuf.

7Kitaaba Faarfanna'aa 118:24; Mudh. Yoh. 21:2, 9 Waan ciini hoolaa Rabbii gayeef, isiinillee waan uf qopheessiteef haagammannuu, ililfata'aa, ulfinna isaa haa dhiyeessinuu!

8Isaayyaasii Raatticha 61:10 Uffata qulqulluu haphii fuuttaa irraa hojjatame akka uffattu kennameef.» Uffanni qulqulluun haphiin fuuttaan hujii woyyootaa ka qajeellumma'aati.

9 Mat. 22:2-3; Luq. 14:5 Innillee, « ‹Worri hurbaataa cidha Hoolaa Rabbii irratti waamame eebbifamtoota› jedhii barreessi» naan jedhe. Akkasuma, «Kun dubbii Rabbii ka dhuga'aati» naan jedhe.

10 22:8-9; Hu. Er. 10:25-26; 14:15; Mudh. Yoh. 12:11, 17 Anillee isaa sagadu'uuf luka isaa jalatti kufe, innillee, «Akka akkas hin goone uf eegi! Anillee obboleeyyan kee kaawwan woliin akkuma worra ragaa Yesuusii qabanii garbicha, ragaan Yesuusii Ayyaana raaga'aa waan ta'eef, Rabbii sagadi» naan jedhe.

Nama Farda Adii Yaabbatu

11 6:2; 3:14; Hisqeelii Raatticha 1:1; Kitaaba Faarfanna'aa 96:13; Isaayyaasii Raatticha 11:4 Samii baname arge, kunoo ka farda guddaa ol fagaatu irra taa'e, «Amanama'aa fi ka dhuga'aati» jedhama. Qajeellumma'aan murteessa, hin lolalle'e.

121:14; Daani'eelii Raatticha 10:6 Iji isaa akka arraba ibiddaati; mataa isaa irra qoobii ulfinnaa heddutu jira. Maqaa biraa ka isaa malee ka eennullee hin beenne qaba.

13Isaayyaasii Raatticha 61:1-3; Yoh. 1:1 Uffata dhiinni itti faca'eeru uffateera, maqaan isaa dubbii Rabbiiti jedhameera.

14Loltoonni samii jiranillee adi'ii fi uffata haphii quuncee talbaa irraa hojjatame uffatan faradoo gugurdoo irra taa'anii duukaa deeman.

151:16; 2:27; 14:19-20; Kitaaba Faarfanna'aa 2:9; Isaayyaasii Raatticha 63:3; Iyyu'eelii Raatticha 3:13 Guraadee qaramaa worra Yihuudota hin taane ittiin dhayutu afaan isaa keessaa baya, innillee ulee sibiilaatiin isaan bulcha. Innillee daadhii woyini'ii ta lola hamaa Rabbii waa maraa danda'u itti cuunfatu san dhidhiita.

1617:14; Xim. 1ffaa 6:15 Uffataaf gudeeda isaa irratti barreeffama maqaa, «Mootii moototaa, Gooftaa, Gooftootaa» jedhu qaba.

17-18 Hisqeelii Raatticha 39:4, 17-20 Maleekkaa tokkollee ka aduu keessa dhaabate arge, Simbirran samii keessa bararan maruu kootta'aatii foon moototaa, foon ajajaa loltuu kumaa, foon worra jajjaba'aa foon farado'oo, foon worra faradoo irra taa'anii, foon gooftotaatiif garbootaa, foon didiqqa'aatii fi gugurdaa maraa akka nyaattan, «Gara hurbaata Rabbii gudda'aa wolgaya'aatii asi yaa'a'aa» jedhee laagaa gudda'aan iyye.

19 17:12-14 Ka farda irra taa'een loltoota isaatiin lolu'uuf loltoonni mootota biyya lafaatiif bineensaan wol gayan arge.

2013:1-18; 20:10; Daani'eelii Raatticha 7:11 Bineensillee hin qabame worri isa afo'otti maalalee godha'aa malkata bineensaa worri fudhatan, worra fakii isaatii sagadan ka dogoggorse raanni sobaa isa woliin qabame; lamaanuu uduu lubbu'uun jiran gara ibidda dhagaa bobayuu gara galaana ibiddaa darbaman.

21Worri fardarratti hafan guraadee afaan isaatii bayuun dhuman; allaattiin maruu foon isaanii nyaatanii quufan.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help