1Wolitti bu'iinsi haga qabbanaayeen maayii; Phaawuloos darasoota waamsissee, isaan gorsee, nagaya itti dhaamee gara Maqidoniya'aa deemu'uuf baye.
2Biyya san keessa hennaa lufe, dubbii Rabbiitiin guddisee haga isaan gorseen maayii gara biyya Giriikii dhaqe.
3Ji'a sadihii achi taa'ee gara Sooriya'aa markabaan hennaa deemuu yaade, Yihuudonni waan seera itti muraniif Maqidoniyaa keessa lufee deebi'uuf kutate.
4Worri isa geegessan, Susiphaxiroosii Beeriya'aa, namoota Tasolonqee keessaa, Arsixirookoosii fi Sikonduus, Gaayiyyoosii fi Ximotewoosii Darbe'ee namoonni Isiya'aa Tikiqoosii fi Xirofmoosiin fa'a.
5Isaan sunniin nu afoo lufanii Xiro'aadda'atti nu eegan.
6Nu ammoo guyyaa ayyaana faasika'aatiin maayii Filiphisiyuusii markabaan kaanee, guyyaa shanitti gara Xiro'aadda'aa isaan bira geennee, guyyaa torbaa achi teenne.
Phaawuloos Xiro'aadda'atti Lallaba Dheeraa Lallabe7 2:42, 46; Qor. 1ffaa 16:2 Guyyaa jalqaba torbaan duraa xoroshoo nyaachu'uuf uduu wolgeenneerru, Phaawuloos bariisaa deemu'uuf waan yaadeef, isaan woliin qaaqa'aa ture. Haga halkan qixxe'ee qaaqa dheeresse.
8Bakka wolgeennee turretti mana mana gubba'aa yookaan gamoo keessa ifa gudda'atu ture.
9Gurbaan ka'imaa ka Oyixikoos jedhamu tokko foddaa irra taa'ee hirribni waan qabeeniif muge. Hennaa Phaawuloos qaaqa dheeresse waan hirribni qabeenii tureef, mana mana gubba'aa yookaan gamoo sadaffa'aa irraa kufee du'ee reeffa kaasan.
10Mootota 1ffaa 17:21 Phaawuloosillee gad bu'ee irratti kufee ammateenii «Lubbu'uun jiraa hin wocinaa'a» isaaniin jedhe.
11Bayee xoroshoo cabsee nyaatee haga bari'uuf isaan woliin qaaqa'aa haga tureen maayessa ka'ee deeme.
12Mucaanillee fayyinaan fudhatanii gara manaa geessanii guddisanii jajjabaatan.
Phaawuloos Xiro'aaddaa Irraa Gara Milixiinii Dhaqe13Nu ammoo Phaawuloosiin simmachuun waan nu barbaachisuuf firrifnee gara markabaa deemnee, gara Asoonii deemu'uuf kaane; inni lafoo deemuu waan yaadeef, akkana nuun jedhe.
14Asoonitti haga isa argine Siimannetti gara Milixiliinii dhufne.
15Bariisaa lamu'uu achii kaanee garba biraan afoo kiyyu'uutiin achi geenne; Bariisaa gara Saamoonii ceenee Tiroogilliyooniin bulle, bariisaa gara milixiinii dhufne.
16Phaawuloos Isiyaa keessa guddisee akka hin turreef, Efesooniin gadi dhiisu'uuf muratee waan jiruuf, yoo danda'ameef ayyaana shantamaffa'aa Yerusaalemiin keessa oolu'uuf ariifate.
Phaawuloos Manguddoota Woldaa Efesooniitiif Nagaya Dhaame17Milixiinii gara Efesoonii ergee, manguddoota woldaa kiristaanaa waamsise.
18-1918:18-19; 19:10 Hennaa gara isaa dhufan inni akkana isaaniin jedhe. Isiyaa urga seenee jalqabee gara laafummaa maraan imimmaaniin mala Yihuudonni natti dhayaniin rakkadhullee Goofta'aa ajajama'aa bara maraa isin woliin attamitti akka jiraadhe isinuu hin beettan.
20-21Rabbiin dhiifamsa gaafata'aa Gooftaa Yesuus Kiristoosiin amanuuun Yihuudotaatii fi namoota Giriikotaatii ragaa baya'aa hulee gumi'iitii fi mana isaanii keessatti isinitti hima'aa isin barsiise malee, waan isin fayyadu keessaa woma tokkollee isin irraa hin hanbifanne.
2219:21 Ammallee ani Ayyaana Woyyu'uuf ajajamee gara Yerusaalemii hin deema. Achittillee maaltu akka narra gayu hin beeku.
239:16; 21:4, 11 Haata'uu ammoo Ayyaanni Woyyuun hidha'aa fi rakkinnatu si eeggata'aara jedhee qachaa marattuu naa raga'aara.
2421:13; Xim. 2ffaa 4:7 Haata'uu ammoo fiigicha kiyyaaf tajaajila kiyya ka Gooftaa Yesuusiin irraa fudhadhe, innillee Oduu Nagayaa badhaadha Ayyaana Rabbii ragaa isaa haga raawwadhutti lubbuun tiyya na birratti akka hin ulfaanne akka waan duwwa'aatitti laakkaya.
25Ammallee kunoo ani jeennata Rabbii hima'aa wonti isin jidduu deddeebi'eef, isin maruu ammaa achi akka na hin argine hin beeka.
2618:6 Kanaafuu ani dhiiga nama maraa irraa qulqulluu akka ta'e guyyaa adhaa kanatti ragaa isinii baya.
27Gorsa Rabbii maraa isinitti himeera. Womaa isin jalaa hin hanbifanne.
28Xim. 1ffaa 4:16; Phex. 1ffaa 5:2 Isin uf eeggadhaa'a; woldaa Kiristaanaa ta Rabbi dhiiga ilma ufiitiin bitateellee tissee ta'aa'a. Hoolota Rabbii ta Rabbi akka eeddaniif Ayyaana Woyyu'uun isin muude maraa fi ufillee eegaa'a.
29-30Mat. 7:15; Yoh. 10:12 Haga ani deemeen maayii, worri baniin garaa hin nyaanne yayyiin gar-jabeeyyiin akka isin keessa seenan, darasootallee duubatti harkisu'uuf waan micciiramaa namoonni qaaqan isin keessatti akka dhalatan ani hin beeka.
3119:10; Tas. 1ffaa 2:11 Kanaafuu woggaa sadihii halkanii fi guyyaa imimmaaniin isin maraa gorsuu akka addaan hin kunne yaadata'aati jabaadhaa'a.
32 26:18 Ammallee Rabbiif akka jabaatan woyyoota maraa jiddu'utti Rabbii ristii akka argatan godhuu danda'uuf dubbii badhaadhummaa isaatitti yaboo isin kenneera.
33Saamu'eelii 1ffaa 12:3; Qor. 1ffaa 9:11 Eennuun irraallee birrii yookiin worqii yookiin uffata hin hawwine.
3418:3; Qor. 1ffaa 4:12; Tas. 1ffaa 2:9 Harki kiyya kunniin waan barbaachisu anaa fi worra ana woliin jiraniif akka tajaajileen isinuu hin beettan.
35Akkanuma dadhaba'aati dhibamtoota akka gargaartan, inninuu ka fudhatu caalaa ka kennutu ka eebbifame akkuma jedhe, dubbii Gooftaa Yesuusii kana akka qaabattan waan barbaachisuuf maraa isinitti mudhiseera.
3621:5 Kana jedhee jilbiinfatee isaan maraa woliin faateffate.
37Rom. 16:16; Phex. 1ffaa 5:14 Martinuu guddisanii booyanii morma Phaawuloosiititti rarra'anii dhungata'aa turan.
3820:25 Keessaayuu ammaa achi fuula kiyya hin argitan waan jedheef, guddisanii gaddanii haga markabaa isaa geegessan.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.