1 25:2 Guyyaa shaniin maayii gadichi hayyichi Hannaaniyaan mangudooninii fi beekaa seeraa ka Xarxaluus jedhamu tokko woliin gad dhufee, isaan waan Phaawuloosii bulchaa biyyaatitti iyyatan.
2Hennaa waamame Xarixaluus akkana jedhee isa himachuu jalqabe.
3Kabajjamaa Filiksi karaa keetiin nagaya guddaa waan argannuuf, banii kanaafillee yaada keetii fi dubbii keetiin biyya maraaf bakka marattillee wonti mishaan waan ta'uuf galata guutu'uun fudhanna.
4Haata'uu ammoo kana caalaa guddisee si hin tursiisu, hennama diqqoo gara-laafumma'aan akka nu dhageettu si kadhadha.
517:6; 24:14 Namni kun akka dhibe'ee ta'ee Yihuudota adunyaa irra jiran maraa booressa'aa, worra barumsa sobaa barsiisaniif gosa worra filatameetiif masakkaa ta'ee waan argineef.
621:28-30 Hennaa mana woyyuu xureessu'uuf yaalu qabneen; Atuu isa qorattee waan nu isa himannu maraa beekuu hin dandeetta.
9Yihuudonnillee ammoo wonti kun akkasuma jedhanii wolii galan.
Phaawuloos Filiksiin Afo'otti Falmate10Hennaa bulchaan ijaan dhaye, Phaawuloos akkana jedhe.
«Ati bara dheera'aaf banii kanaa ka murtii kennu akka taate waan beekuuf gammada'aati waan naan jedhan kanaa deebii deeffadha.
1121:17; 8:27 Sagadu'uuf gara Yerusaalemii haga baye, guyyaa kudha lamaa akka ta'e atuu beekuu hin dandeetta.
12Nama tokkollee yookiin ummata wolitti qabee, mana woyyu'uutitti, mana sagada Yihuudotaatii fi qacha'aattillee na hin argine.
13Ammallee waan na himataniif sitti himuu hin danda'an.
1424:5 Haata'uu ammoo waan kana ragaa sii baya. Waan seera keessa jiru ka raattotaan barreeffame maraa amanee ka isaan barumsa ‹Dogoggoraati› jedhanii waaman maqaa Waaqa abboota kiyyaa kaddaama.
15Daani'eelii Raatticha 12:2; Yoh. 5:28-29; Hu. Er. 23:6; 26:6-8 Worri qajeelaanii fi ka qajeelaa hin taanellee du'aa akka ka'an akkuma isaan Rabbiin abdatan, anillee Rabbiin irraa abdii qaba.
1623:1 Kanaafuu ani ammoo Rabbii fi nama afo'otti hennaa maraa ka mudaa hin qabne sammuu qulqullaayaa akka qabaadhuuf jabaadha.
17 11:29-30; Rom. 15:25-26; Gal. 2:10 Woggaa hedduun maayii banii kiyyaa kenna'aa fi ciincaa godhu'uuf dhufe. 21:17-28
18Kana godha'aa uduu jiru, baniinillee uduu wol hin geenne, uduu hin shibbiroofne, mana woyyuu keessatti uduu qulqullaaya'aaru na argan.
19Haata'uu ammoo Yihuudonni gariin waan na himataniin waan qabaniif Isiya'aa dhufaniiran.
20-21Wodhakkaa isaanii dhaabadhee, laagaa kiyya ol qabadhee, ‹Worri du'an hin ka'an› waan jedheef, adha murtii yaa'i'ii afoo dhaabadhe, waan hamaa tokko yoo na irratti arganiiran ta'e, mee isaan kunniin haa dubbatanii.
22Filiksi ammoo karaa dubbii isaanii sirri'itti waan beekeef, ajajaan loltuu kumaa Luusiyoos hennaa gad dhufe dubbii teessan hin mura jedhee haagana'aan tursiise.
2327:3; 28:16 Achiin maayeesa, inni ajajaa loltuu dhibbaa ka Phaawuloosiin eeguun, «Eedoo itti furi, worri firaallee hennaa waan isa barbaachisu fidaniif yookiin yoo gara isaa dhufan isa irraa hin dhooggin» jedhee ajaje.
Phaawuloos Filiksii Fi Diruusillaa Afo'otti Dhiyaate24Guyyaa hago'oon maayessa Filiksi haadha manaa ufii ta Diruusillaa jedhamtu ta gosa Yihuudi'ii woliin dhufee, Phaawuloosiin waamsisee, waan Yesuus Kiristoositti amanu'uu waan Phaawuloos dubbatu dhagaye.
2510:42; 17:32; Yoh. 16:8 Innillee waan qulqullinnaa, waan mataa ufii tooyatu'uu, waan murtii dhufu'uuf jiruu dubbata'aa uduu jiru, Filiksi sodaatee, «Amma deemi; hennaa naa tole ergee si waamsisaa» jedhee deebise.
26Filiksi Phaawuloosiin irraa birrii fudhatee, hennama san hiiku'uunii waan barbaadeef, hennaa hedduu isa waamsisa'aa qaassa'aanii ture.
27 12:3; 25:9 Woggaa lamaan maayii, Phorikiyoos Fisxoos bakka Filiksii bulchaa ta'e. Filiksillee Yihuudota gammachiisu'uuf jedhee, Phaawuloosiin hidhaa keessatti dhiise.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.