Ergaa Phaawuloos Gara Tiito'oo Erge 2 - WAADAA LAMMATAA

Barumsa Sirrii Ta'e

1 1:9; Xim. 1ffaa 6:3; Xim. 2ffaa 1:13 Ati ammoo barumsa jireenna argamsiisuuf akka ta'utti dubbadhu.

2Xim. 1ffaa 5:1 Manguddoonni ka adaba qaban, ka kabajjaa qaban. Ka uf qaban, jaalalaa fi amanta'aan jabaatanii sirrii akka ta'an gorsi.

3Xim. 1ffaa 3:11 Akkasuma haawwotiin jaaran haalli jireenna isaanii tajaajila woyyu'uuf gayaa ta'uu barbaachisa, worra hin hamanne, worra dhuddoo daadhii woyyini'ii baayi'eetiin hin sobamnee fi worra waan mishaa barsiisu haa ta'anii.

4Dubartoonni maqaan Rabbii akka hin arabamne, worra abbaa manaa ufii jaalatan, worra ijoollee ufii jaalatan, worra uf qaban, woyyoota, worra mana ufiititti hojjatan,

5Efe. 5:22-23 Worra mishaa, abbaa manaa ufiitii ajajaman akka ta'an isaan haa gorsanii.

6Ka'imtoonnillee akkasuma akka uf qaban gorsi.

7 Xim. 1ffaa 4:12; Phex. 1ffaa 5:3 Namni nu mormu waan keenna waan badaa dubbatu yoo dhabe, akka saalfatu woma maraanuu waan mishaa godha'aa fakkeenna isaanii ta'i.

8Phex. 1ffaa 2:12, 15; 3:16 Barumsa fayyinnaa kee keessatti amanama'aa fi nama kabajjamaa dubbii keetiinillee nama hin tuffatamne ta'i.

9 Efe. 6:5-6; Xim. 1ffaa 6:1-2; Phex. 1ffaa 2:18 Garboonni waan barumsa qoricha kennaa Rabbiin waa maraanuu akka galateeffataniif bulchoota isaaniitifillee akka ajajaman woma maraanuu akka isaan gammachiisan.

10Uduu hin mormineef hin hanne amanamummaa mishaa mara akka argisiisan isaan gorsi.

11 3:4; Xim. 2ffaa 1:10; Yoh. 1:14 Badhaani Rabbii ka namoota maraa fayyisu mudhateera.

12Phex. 1ffaa 2:11; Yoh. 1ffaa 2:15-16; Efe. 1:4 Badhaani kunillee cubbu'uun jiraachu'uu fi hawwii biyya lafaa waakkanne.

13Rom. 5:2; Qor. 1ffaa 1:7; Filph. 3:20; Phex. 1ffaa 1:3, 7 Abdii eebbifamaa keennaa, innillee mudhata kabajjamaa Rabbiin keenna gudda'aa fi qoricha keennaa Yesuus Kiristoosiin eega'aa uf qaba'aa bara kana qajeellumma'aan Waaqa fakkaata'aa bara kana akka jiraannu nu barsiisa.

14Phex. 1ffaa 2:9 Qorichi keenna hammeenna maraa jalaa akka nu furu waan misha'aa fi qajeelaa godhu'uuf banii isaaf ta'u ufiif qulqulleessu'uuf lubbuu ufii nuu kenneera.

15 Xim. 1ffaa 4:11-12 Kana maraa baali'iin dubbadhu, gorsi, uf eeggachiisi. Eennullee si hin tuffatin.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help