1 Hu. Er. 17:1 Phaawuloos, Siliwaanosii fi Ximootewoosiin biraa woldaa Kiristaanaa ta Rabbii Abbaa keennaatii fi Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii ta Tasolonqee keessa jirtuuf.
2Rom. 1:7; Qor. 1ffaa 1:3 Rabbii Abbaa keennaa fi Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiin irraallee badhaaninii fi nageenni isinii haa ta'u.
Murtii Hennaa Kiristoos Deebi'ee Dhufu Kennamu3 2:13; Tas. 1ffaa 1:2-3 Obboleeyyan tiyya! Hennaa maraa waan keessaniif Rabbiin galateeffachuu nu barbaachisa; amantaan keessan guddisee guddata'aa, jaalalti isin wolii qabdanillee ittuma eda'a'aa waan deema'aaruuf, galateeffachuun keenna sirri'i.
4Tas. 1ffaa 2:14, 19; 3:2, 7; Qor. 2ffaa 7:4 Kanaafuu ari'amu'uu fi rakkoo isin irra gaye maraa keessatti waan obsitanii fi amanta'aanillee waan jabaattaniif, tokkummaa Woldaa Kiristaanaa keessatti nu isiniin boonna.
5 Filph. 1:28 Waan isaatiifillee worra rakkinni isin irra gayuuf, jeennata Rabbiitiif worra gayaa taatanii akka laakkayamtaniif kun malkata murtii qajeelaa Rabbiiti.
6-7Rom. 12:19; Mudh. Yoh. 18:6-7 Gooftaan Yesuus maleekkota baallii qaban woliin sami'ii arraba ibiddaatiin hennaa dhufu worra rakkinna isin irra geessaniif rakkinna, worra rakkinni nu woliin isin irra gaya'aaruu ammo harabaafachiisa; kun Rabbiin afo'otti dhugamaan qajeellummaa waan ta'eef.
8Rom. 1:18-19; 2:8; Phex. 2ffaa 3:7, 10 Worra Rabbiin hin beennee fi Oduu Nagayaa Gooftaa Yesuus Kiristoosiitiifillee worra hin ajajamne haluu isaan baya.
9-10Mat. 25:41; 13:43; Tas. 1ffaa 2:13 Gaafa san woyyootaan ulfaachu'uu fi ragaa keennallee waan amantaniirtaniif, worra amanan maraa biratti ajaa'ibsiifamu'uuf hennaa dhufu, worri afoo Goofta'aatii fi ulfinna hunna Rabbii irraa fagaatanii badii bara baraa keessatti adabaman.
11-12Tas. 1ffaa 1:2-3 Kanaafuu akkuma Ayyaana Waaqa keennaa akkuma Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii maqaan Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii isin biratti ulfaachu'uuf, isinillee isa biratti ulfaachu'uuf, Waandhi Gooftaan keenna isaan waamamu'uun worra gayaa akka taatan godhee akka isin laakkayu, fedha mishummaa isaa maraaf, hujii amanta'aa jabeennaan akka raawwatu, waan keessaniif hennaa maraa faateeffanna.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.