Oduu Nagayaa Ka Maarqoosii 13 - WAADAA LAMMATAA

Yesuus Waan Diiggamuu mana woyyuu Dubbate(Mat. 24:1-2; Luq. 21:5-6)

1Akkuma Yesuus mana woyyuu keessaa bayeen, darasoota isaa keessaa tokkochi isaan, «Barsiisaa'a, dhagoota gugurdaa kanniinii fi ijaarsa gugurdaa kana mee laali!» jedheen.

2

15Luq. 17:31 Ka mana gubbaa jiru mana irraa gadi bu'ee; manaa waan tokko fudhachu'uuf hin seenini.

16Ka qonna keessa jiru uffata ufii fudhatu'uuf gara duubaa hin deebi'iin.

17Luq. 23:29 Guyyoota san dubartoota ulfa ta'aniif worra harma hoosisaniif aanne'e.

18Haata'uu ammoo dheessuun keessan ganna akka hin taane faateffadhaa'a!

19Daani'eelii Raatticha 12:1; Mudh. Yoh. 7:14 Guyyoonni sun guyyoota rakkinni hamaan itti ta'u. Rakkinni akkasii hennaa Rabbi biyya lafaa uume irraa jalqabee haga ammaatitti hin taane, deebi'eellee hin ta'u.

20Uduu Gooftaan guyyoota san gabaabsuu dhabaatee, namni tokkollee hin hafu. Haata'uu ammoo Banii ufii filateef jedhee, inni guyyaa san gabaabse.

21Hennaa san eennullee isiniin, ‹Ila laalaa'a! Kiristoos asi jira!› yookiin, ‹Ila laalaa'a! achi jira!› yoo isiniin jedhe hin amaninaa'a.

22Seera Keessa deebi'ii 13:1-3; Mudh. Yoh. 13:13 Sababaanillee Kiristoosonni dharaatii fi raattonni dharaa dhufanii, yoo isaanii danda'ame worra filatamanillee dogoggorsu'uuf malkataa fi baasa hujan.

23Isin ammoo uf eeggadhaa'a! Ani waan maraa dursee isinitti himeera.

Yesuus Waan Dhufuu Ilma Namaa Dubbate(Mat. 24:29-31; Luq. 21:25-28)

24 Mudh. Yoh. 6:12 «Guyyootuma san keessa, rakkina saniin maayessa, aduun hin dukkanoofti, jiinillee hin ifu.

25Isaayyaasii Raatticha 34:14; Iyyu'eelii Raatticha 2:10; Mudh. Yoh. 6:13 Urjiinillee samii irraa hin harcaati hunniti Sami'iillee hin raafaman.

26Daani'eelii Raatticha 7:13-14; Mar. 8:38; Tas. 1ffaa 4:15-16; Mudh. Yoh. 1:7 Achiin maayessa Ilmi Namaa, hunna gudda'aa fi ulfinnaan duumessa keessaan hennaa dhufu hin argan.

27Zakkaariyaasii Raatticha 2:6 Innillee hennaa san maleekkota ufii hin erga, kallattii arfanii fi qaccee lafarraatii haga qaccee sami'ii worra filataman wolitti qaba.»

Muka Hurbuu Irraa Barachuu(Mat. 24:32-35; Luq. 21:29-33)

28Yesuus amma ammoo, «Muka hurbu'uu fakkeenna godhadha'aatii irraa baradhaa'a! Dameen isaa quqquuqee baala hennaa biqilchu, bonni akka dhiyaate hin beettan.

29Akkasuma isinillee ammoo, kun martinuu hennaa ta'u yoo argitan, akka inni dhiyaatee balbala irra jiru beekaa'a.

30Ani dhuga'aan isiniin jedha; wonti kun maruu haga ta'uuf, dhaloonni amma jiru kun hin lufu.

31Isaayyaasii Raatticha 51:6; Mat. 5:18; Luq. 16:17 Ardii fi samiin hin lufti. Dubbiin kiyya ammoo hin lufu.

Guyya'aaf Hennaa San Ka Beeku Hin Jiru(Mat. 24:36-44)

32 Hu. Er. 1:7 «Guyyaa san yookiin hennaa san eennullee hin beeku. Abbaa malee, Maleekkonni sami'iillee hin beekan; Ilmillee hin beeku.

33Mat. 25:13; Luq. 21:36 Hennaan yoom akka ta'e isin waan hin beenneef uf eeggadhaa'a! Dammaqaa'a!

34Mat. 25:14; Luq. 12:36-38; 19:12 Kunillee akka nama mana ufii hojjattoota ufiititti dhiisee, isaan maraafuu hujii kennee, ka balbala eegu jabaatee akka eegu seeree deeme fakkaata.

35Maarre, abbaan manaa yoom akka dhufu, galgala dhufaa fi halkan wodhakkaa dhufaa, iyya lukku'uu dhufaa fi ganama dhufaa hin beettan.

36Hennaa isin hin qabaannetti yoo dhufe, uduu isin rafa'aartan akka isin hin argine,

37Woma isiniin jedhu, nama maraanuu jedhaa; dammaqaa'a!»

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help