Ergaa Phaawuloos Gara Worra Tasolonqe'ee Erge ka 1ffaa 1 - WAADAA LAMMATAA

11 Hu. Er. 15:40; 17:1, 10; Tas. 2ffaa 1:1 Phaawuloos, Siliwaanosii fi Ximootewoosiin biraa:

Woldaa Kiristaanaa, ta Rabbi Abba'aatii fi Gooftaa Yesuus Kiristoosii taate, worra Tasolonqee keessa jiraataniif, Rabbi Abbaa keennaa fi Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiin irraa badhaaninii fi nageenni isiiniif haata'u.

Jireennaa Fi Amantaa Worra Tasolonqe'ee

2-3 Tas. 2ffaa 1:3, 11 Hennaa faateffannu waan keessan yoo yaannu, hujii amantaa keessanii, dadhabbii jaalala keessanii, abdii Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin waan jabaattaniif Abbaa keennaa fi Waaqa keenna afo'otti yaada'aati uduu addaan hin kunne hennaa maraa Rabbii keenna sababa keessan maraatiif hin galateeffanna.

4Tas. 2ffaa 2:13 Obboleeyyan tiyya, akka Rabbiin jaalatamtanii fi filatamtan waan beenneef.

52:13; Qor. 1ffaa 2:4-5 Oduun Nagayaa ka isinii lallabne hunnaa fi Ayyaana Woyyu'uun hubbannaa hedduun malee, dubbii calla'aan gara keessan waan hin dhufneef, isin biratti waan keessaniif attamitti akka jiraanne hin beettan.

6Hu. Er. 17:5-9; Qor. 1ffaa 11:1; Tas. 2ffaa 3:7, 9 Isinillee akkasuma dubbii Rabbii rakkoo hedduun gammachuu Ayyaana Woyyu'uu woliin fudhattanii worra nu'uuf Gooftaa fakkaatu taataniirtan.

74:10; Phex. 1ffaa 5:3 Kanaafuu amantoota Maqedooniya'aa fi Akaayiyaa jiran maraafuu fakkeenna isaanii taataniirtan.

8Rom. 1:8 Dubbiin Rabbii isin biraa bayee Maqedooniya'aa fi Akaayiyaa calla'aati waan hin dhagayamneef, haata'uu ammoo haga womaa dubbachuu hin barbaachifnetti, amantaan isin Rabbiin irratti qabdan hulee marattuu odeeffameera.

9-10Rom. 5:9; Gal. 4:8 Isaanuu gara keessan dhufnee attamitti akka jiraanne, waan keenna waan dubbataniif, Waaqa jiraata'aa fi ka dhuga'aa akka tajaajiltan, Ilma ufii ka du'a keessaa kaase, Yesuusii lola dhufu jalaa nu hambisu, samii irraa akka eeddan waaqota tolfamaa irraa gara Rabbiititti attamitti akka deebitan isaanuu hin ragan.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help