Ergaa Pheexroosii Ka 1ffaa 3 - WAADAA LAMMATAA

Abbaa Manaatii Fi Haadha Manaa

1-2 Efe. 5:22; Qol. 3:18; Tit. 2:5 Akkasuma isin haawwota manaa! Abbaan manaa keessan gariin ka hin amanne yoo jiraatan akka isaan uduu womaa hin dubbanne amala haadha manaa ufiitii ajajaman akkasuma abbaa manaa keessaniif ajajamaa'a. Isaanillee qulqullinnaa fi sodaa jireenna keessan keessatti Rabbiif qabdan arganii akkasuma godhan.

3Xim. 1ffaa 2:9 Bareenni keessan waan gubbanaan mudhatu, mataa dhayachu'uun, worqii godhachu'uu fi uffata babbareedaa uffachu'uun hin ta'in.

4Haata'uu ammo Rabbiin afo'otti ka gatii guddaa qabu Ayyaana gara-laafessaa fi lashii qabu ka hennaa maraa hin banne sun, namummaa keessan ka keessaa haata'uu.

5Dubartoonni woyyuun durii worri Rabbiin abdatan sun akkasuma abbaa manaa isaaniitii ajajamu'uun waan badhaafamaniiraniif.

6Akkasuma Saaraan Abirahaamiin, «Gooftaa kiyya» jettee waama'aa isaa ajajamte, isinillee ammoo waan nama naasisu tokko uduu hin sodaanne waan mishaa yoo gootan ijoollee isi'iiti.

7 Efe. 5:25; Qol. 3:19 Akkasuma isinillee Abboonni manaa! Uumama dadhabaa waan ta'aaniif haadha manaa teessanii beeka'aafii woliin jiraadhaa'a. Faateen keessan akka isin jalaa hin qabamne akkasuma akka worra jireenna Ayyaanaa dhaaluutitti isaan kabajjaa'a.

Waan Mishaa Hujju'uuf Rakkachuu

8 Filph. 2:2-3 Waa maraanuu isin martinuu yaadaan tokko ta'aa'a. Rakkoon nama biraa akka waan keessan ta'eetitti laakkayaa'a. Akka obboleewwaniititti wol jaaladhaa'a, gara-laafeyyi'iif kasoo ta'aa'a.

92:23; Mat. 5:44; Tas. 1ffaa 5:15; Rom. 12:14, 17 Hamaa hama'aan yookiin nama isin arrabse arrabaan hin deebisinaa'a; bikka san isaan eebbisaa'a, eebba dhaalu'uuf waan waamamtaniirtaniif.

10Kitaaba Faarfanna'aa 34:12-16; Yaq. 1:26 Akkuma Kitaabni Woyyuun jedhu,

«Namni jireenna barbaaduu fi

bara mishaa arguu fedhu,

arraba ufii hamtuu dubbachuu irraa,

hidhii ufiitiin dhara dubbachuu irraa uf haa eeguu.

11Inni hamaa irraa haa fagaatuu, waan mishaa haa hojjatuu, soqatee faanaa haa deemu,

12Ijji Goofta'aa gara worra qajeellotaa laalti;

gurri isaallee kadhaa isaanii waan dhagayuuf;

fuulli isaa ka aari'ii, gara worra waan hamaa hojjatuuti.»

13Waan mishaa godhu'uuf yoo hinaaftan, ka isin rakkisu eennu?

142:20; Mat. 5:10; Isaayyaasii Raatticha 8:12-13 Haata'uu ammoo waan mishaa hojjata'aa yoo rakkoon isin irra gaye, isin eebbifamtoota sodaachisaa isaanii hin sodaatinaa'a hin raafaminalle'e.

15Haata'uu ammoo Gooftaa keessan Kiristoosiin onnee keessan keessatti woyyoomsaa'a. Waan abdii keessanii worra isin gaafatu maraafuu deebii kennu'uuf hennaa maraa qophaayaa'a. Haata'uu ammoo gara-laafumma'aa fi soda'aan haata'uu.

16Jireenna keessan mishaa isin Yesuus Kiristoosiin keessaan qabdan akka waan isin waan hamaa gootaniititti namoonni isin hamatan akka saalfatan, isin yaada mishaa qabaadhaa'a.

17Fedhiin Rabbii eega akkana ta'e, hamaa hojjachu'uun rakkachu'uu mannaa, mishaa gootanii rakkachuu woyya.

182:21-24; Rom. 6:10 Kiristoos akkasuma gara Rabbii nu dhiyeessu'uuf jedhe, inni qajeela'a; haata'uu ammoo nu worra qajeellummaa hin qabneef sababa cubbuu keennaatiif du'eera. Ayyaanaan ammoo jiraataa ta'e.

19Inni Ayyaanuma saniin deemee lubbuu mana hidha'aa keessa jiranitti Oduu Nagayaa hime.

20Seera Uumamaa 6:1-22; 7:1-24; Phex. 2ffaa 2:5 Namoonni hagoon sun lubbuu nama saddeetii badii bisaanii ka hennaa Nohi markaba qopheesse badii jalaa bayan. Hennaa obsa Rabbii ka bara Nohii san kuuwwan ammoo hin ajajamne.

21Ibr. 10:22; Efe. 5:26 Bisaan kun fakkeenna cuupha'aa ta'ee amma nu fayyisa. Cuuphaan kunillee cuuphaa xurii nafaa dhiqachu'uu uduu hin taane waadaa namni yaada qulqullu'uun Rabbiin kadhatu. Kunillee du'aa ka'iinsa Yesuus Kiristoosii ti.

22Efe. 1:20-21 Kiristoos amma gara sami'ii ol bayee mirga Aabba'aa taa'eera. Maleekkonni worri baallii qabaniif hunna qabeeyyiin martinuu baallii isaa jala jiran.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help