Hujii Ergamootaa 9 - WAADAA LAMMATAA

Saa'ool Kiristoositti Amane(Hu. Er. 22:6-16; 26:12-18)

1 8:3; 9:13 Saa'ol ammoo darasoota Goofta'aa ajjeesu'uuf dhaadata'aa gara bulchaa gadootaa dhaqe.

29:14 Worra Goofta'atti amanan dhiiraa fi dubartoota yoo arge hidhee, akka fiduuf xalayaa gara mana sagada Yihuudota damaasqo'ootitti akka isaaf barreessu bulchaa gadootaa gaafate.

3Qor. 1ffaa 15:8 Uduu deemu gara Damaasqo'oo hennaa dhiyaatu; dimmaa naannoo isaatitti sami'ii ifti falaqqifnaan kufe.

4Uduu inni hulee kufe jiru, laagaa, «Saa'ool Saa'ool, maaf na ariitaa?» jedhu dhagaye.

5«Gooftaa kiyya! Ati eennu?» jedheen.

Innillee, «Ani Yesuusii at ariitu; worrana kana yoo mormite sitti jabaata»

6Hollata'aatti maalalfatee, «Gooftaa kiyya! Akka maal godhu feeta?» jedheen. Gooftaanillee, «Ka'iitii gara qacha'aa seeniitii waan godhuu si barbaachisu sitti himan» jedheen.

7Namoonni isa woliin karaa deema'aaran laagaa dhagaya'aa ufii ammoo womaa uduu hin argine; akka duuda'aatitti cadhisanii dhaabatan.

8Saa'ool hennaa lafaa ka'e, ijji isaa womaa waan hin argineef; harka isaa qabanii masakka'aa gara Damaasqo'oo seensisaniin.

9Ijji isaa uduu hin argine guyyaa sadihii ture. Hin nyaanne; hin dhunnelle'e.

10Damaasqoo keessa darasaa Hanaaniyaa jedhamu tokkotu ture. Gooftaanillee mudhataan, Hanaaniyaa kiyya jedheen. Innillee yaa Gooftaa kiyya jedhee jalaa awwaate.

11 21:39 Gooftaanillee, «Ka'iitii, gara karaa ‹Qajeelaa› jedhamu sanii deemii mana Yihuudotaa keessaa nama Saa'ool jedhamu ka biyya Xerseesii tokko soqi. Inni achitti waan faateffata'aaruuf.

12Saa'ool namni Hannaaniyaa jedhamu seenee ijji isaa akka argituuf hennaa harka isa irra kaayu manaabaan argeera» jedheen.

13Hannaaniyaanillee deebisee, «Gooftaa kiyya! Yerusaalem keessaa woyyoota irratti waan hamaa meeqaa akka godhe waan namicha kanaa namoota heddu irraa dhagayeera.

149:1-2; Qor. 1ffaa 1:2 Asittillee worra maqaa kee waaman maraa hidhu'uuf bulchoota gadootaatiin muudameera» jedhe.

15 26:1; 27:24; Rom. 1:5 Gooftaanillee, «Inni kun worra Yihuudii hin taane, moototaa fi ijoollee Israa'elootaa afo'otti akka maqaa kiyya baadhatuuf meeshaa naaf filatame waan ta'eef deemi.

16Qor. 2ffaa 11:23-28 Akka inni maqaa kiyya baadhatu'uuf jedhee rakkatu aninuu isatti mudhisa» jedheen.

17Hannaaniyaanillee deemee mana isaa seenee harka ufii irra kaayee, «Obboleessa kiyya Saa'ool, Gooftaan ka karaa ati deemtutti sitti mudhate Yesuus, akka ati argituu fi akkasuma Ayyaana Woyyu'uun akka si guutuuf na erge» jedhe.

18Yoosuu qolli akka cim'a'aa ija isaatii bu'e; innillee hin arge; ka'ee cuuphamee hurbaata nyaatee jabaate.

19Darasoota Damaasqoo jiran woliin guyyaa hagoo taa'e.

Saa'ool Damaasqo'otti Lallabe

20Yoosuu waan Yesuus Kiristoosii akka inni Ilma Rabbii ta'e mana sagadaa Yihuudotaa keessatti lallabe.

218:1; 9:1, 14; 26:10 Worri dhagayan maruu maalalfatanii, «Kun Yerusaalemiin keessatti worra maqaa Yesuusii waamu nama balleesa'aa tureemii? Ammallee hidhee gara bulchoota gadootaatitti isaan fidu'uuf dhufee?» jedhan.

22 18:28 Saa'ool ammoo itti jabaata'aa deeme. Yihuudota Damaasqoo taa'an Yesuus Kiristoosiin akka ta'e isaanitti hima'aa, waan isaa deebisan dhabsiise.

23 23:12, 16; Qor. 2ffaa 11:32-33 Haga guyyaa hedduu bubbuleen maayessa Yihuudonni isa ajjeesu'uuf mari'atan Saa'ool ammoo yaada isaanii beeke.

24Isa ajjeesu'uuf halkanii fi guyyaa balbala qachaa maraa eega'aa turan.

25Darasoonni ammoo halkanniin fuudhanii dallawa gubba'aan keeshe'een isa buusan.

Saa'ool Qachaa Yerusaaleemiin Keessatti Lallabe

26 9:20; Gal. 1:18 Saa'oolillee Yerusaalemiin hennaa gaye darasootatti eda'amu'uuf yaale. Martinuu darasaa ta'uu isaa waan hin amanneef sodaataniin.

27Barnaabaas ammoo fuudhee ergamoota bira seensisee attamitti akka Gooftaan isa argee fi itti dubbate Damaasqo'ottillee maqaa Yesusiitiin uggee attamitti akka dubbate isaanitti odeesse.

28Maqaa Gooftaa Yesuus Kiristoosiitiin uggee dubbata'aa Yerusaalemitti isaan woliin baya'aa gala'aa ture.

29Yihuudota biyya Giriikiitii dhufan woliin qaaqa'aa isaaniin wol morma'aa ture. Isaan ammoo isa ajjeesu'uuf barbaadan.

3011:25 Obboleeyyan haga kana beekanniin maayessa, gara Qisaariya'aa fidaniinii, achillee gara Xeerseesii erganiin.

31Tokkummaan woldaa kiristaana Yihuuda'aa, Galiila'aa fi Samaariyaa jiran maruu nagayaan jiraata'aa, cima'aa, sodaa Rabbiitii fi Ayyaana Woyyu'uun jajjabaata'aa baayi'innaan guddata'aa deeman.

Pheexroos Eniyaa Fayyise

32Pheexroosillee hennaa hulee maraa deemu akkasuma gara woyyoota Liidaa jiraataniillee gad bu'e.

33Achittillee nama woggaa saddeetaaf laamshayee siree irra ciisa'aa ture, ka Eniyaa jedhamu tokko arge.

343:6, 8; 14:10 Pheexroosillee, «Eniyaa, Yesuus Kiristoos si fayyiisaa ol ka'iitii, ufumaa sirree tee afadhu» jedhe. Innillee Yomasan ka'e.

35Worri Balda'aa fi Saroonaa keessa jiraatan maruu isa arganitti Goofta'atitti amanan.

36Iyoophe'ettillee darasaa Xabbitaa jedhamtu takkatu jira; afaan Giriikiitiin maqaan isi'ii «Dorqa'a» Dorqaa jechuun «Kuruphee» jechu'u; isiin ta waan mishaa uf keessaa qabduu fi ta kennaallee kennitu turte.

37Isiin ji'uma sanniin keessa dhibamtee duute; reeffa isi'iillee dhiqanii kutaa gamo'oo tokko keessa kaayan.

38Liidaanillee Iyoophe'etti dhiyoo waan taateef darasoonni akka Pheexroos achi jiru dhagayaanii nama lamaa isatti erganii, «Maal dafii nutti koottu» jedhanii kadhataniin.

39Pheexroosillee ka'ee isaan woliin dhaqee; hennaa inni achi gaye, gara gamo'oo ol baasaanii haawwotiin hiyyeessaa maruu booya'atti waan Dorqaan hennaa isaan woliin jirtuu gooteef Shinshini'ii fi uffata isiin uffattu maraa isatti mudhisa'aa afoo isaa dhaabatanii booyan.

40Mar. 5:40-41 Pheexroosillee isaan maraa gara diidaa baasee, jilbiinfatee Rabbiin kadhata'aa gara reeffaa laalee, «Xabbitaa, ka'i!» jedheen. Isiinillee ija ufii banattee hennaa Pheexroosiin argite ol kaatee teette.

41Hiixatee harka isi'ii ol isii qabee kaase haadha hiyyeeyyi'iitii fi woyyoota waamee isii jirtuu afoo isaanii dhaabsise.

42Wonti kun Iyoophee maraa keessatti waan beekkame ta'e, namoonni hedduullee Goofta'atti amanan.

4310:6, 32 Iyoophe'ettillee namicha gogaa duugu ka Simoon jedhamu tokko bira guyyaa hedduu taa'e.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help