Ergaa Phaawuloos Gara Worra Rooma'aa Erge 5 - WAADAA LAMMATAA

Nagayaa Fi Araara Amanta'aan Argamu

1 3:24, 28; Efe. 2:14-15; Isaayyaasii Raatticha 32:17-18 Eegasuu amanta'aan yoo qajeellota taane, karaa Gooftaa Yesuus Kiristoosiitiin Rabbiin woliin nagaya haa qabaannuu.

2Efe. 3:12 Nullee akkasuma isaan gara badhaadha kanaa amanta'aan galuu arganneerra. Kanaaf nullee abdii ulfinna Rabbiitiin boonna.

3-4Yaq. 1:2-3; Phex. 1ffaa 1:5-7 Kana calla'aa miti, haata'uu ammoo rakkinni obsa, obsillee ataabee, ataabeenillee abdii akka namaa godhu beeka'aa rakkinna keennaanillee uf janya.

5Kitaaba Faarfanna'aa 22:5; 25:20; Ibr. 6:18-19; Yoh. 1ffaa 4:13 Ayyaana Woyyuu nuu kennameen jaalali Rabbii waan qalbii kenna keessatti guuteef abdiin kun nu hin saalfachiisu.

6Phex. 1ffaa 3:18 Uduu nu dadhabdoota taaneerru, hennaa barri gaye Kiristoos cubbamtootaaf du'eera.

7Waan nama qajeela'aatiif ka du'u arguun guddaa rakkisa. Nama arja'aaf ka du'uu uggu maal laataa hin argama ta'a.

88:32; Yoh. 3:16; Yoh. 1ffaa 4:9-10 Haata'uu ammo uduma nu cubbamoota taaneerru Kiristoos waan keennaaf waan du'eeruuf; kun jaalala Rabbi nuuf qabu mudhisa.

91:18; 2:5, 8; Efe. 1:7; Qol. 1:14 Eega dhiiga isaatiin qajeellota taane, karaa isaatiin lola Rabbii jalaa hin baana.

104:25; 8:7-8; Qor. 2ffaa 5:18-19; Qol. 1:21-22 Nu uduu diintota Rabbii taaneerru, du'a Ilma ufiitiin Rabbiin wolitti yoo araaramne, caala'atti ammo haga araaramneen maayii jireenna isaatiin hin fayyina.

11Qor. 1ffaa 1:30-31 Kana calla'aa miti, haata'uu ammoo araara amma argane karaa Gooftaa Yesuus Kiristoosiitiin Rabbiinillee uf janya.

Duuti Aadamiin dhufte, Jireenni Yesuus Kiristoosiin Argame

12 6:23; Qor. 1ffaa 15:21; Seera Uumamaa 2:17; 3:6, 19 Sababaa kanaaf cubbuun karaa nama tokkootiin gara ardii tanaa dhufte. Cubbuunii fi duutillee akkasuma maruu cubbuu waan hojjataniif cubbuun nama maraa irra geette.

134:15 Seerri uduu hin dhufneen duratti, cubbuun biyya lafaa irra waan jirtuuf. Haata'uu ammoo hennaa seerri hin jirree cubbuun hin laakkayamu.

14Haata'uu ammoo fakkeenna cubbuu Aadam hojjateetiif worra cubbuu hin hojjanne irrattuu, Aadamiin irraa jalaqabee haga Muuse'eetitti duuti moote. Aadam ka dhufu'uuf ta'u saniif fakkeenna waan ta'eef.

15Qor. 1ffaa 15:21-22; Yoh. 1:16-17 Haata'uu ammoo kennaan isaa haga yakka namaatii miti, sababaa cubbuu nama tokkootiif namoonni hedduu waan du'aniiraniif, Haata'uu ammoo badhaadhummaa Rabbiitiif kennaan badhaadhumma'aa ka Yesuus Kiristoosii ka nama tokkoof ta'e sanniin caalaa namoota hedduuf baay'ateera.

16Kennaan haga cubbuu namni tokko hojjateetiinii miti. Murtiin nama tokko irraa cubbu'uuf waan dhufeeruuf kennaan ammo namoota hedduu qajeelaa taasisu'uuf dhufe.

17Duuti sababaa cubbuu nama tokkootiin moote; kana caalaa kennaa badhaadhinnaa worri argatan karaa Yesuus Kiristoosiitiin mooyanii jiraatan.

18Eegasuu sababa cubbuun murti'iin gara nama maraatuu dhufte; akkasuma sababaa qajeellummaa nama tokkootiin kennaan jireenna namaa qajeelchu gara nama maraa dhufe.

193:24-26; Ibr. 5:8-9; Isaayyaasii Raatticha 53:11 Ajajamuu dhabuu nama tokkootiin hedduun isaanii cubbamoota akkuma ta'an, akkasuma ammo ajajama nama tokkootiin hedduun isaanii qajeellota ta'an.

20-217:8, 13; Gal. 3:19 Dhufuu seeraatiin balleessaan baay'ate, Haata'uu ammoo cubbuu baay'ateef cubbuun du'a irratti akkuma mooye, akkasuma ammoo, sababaa badhaadhummaa Gooftaa Yesuusiitiin, sababa qajeellummaatiif jireenna bara baraatiin akka mooyuuf badhaadhinni maraa caale.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help