1Eeganaa, ani ka waan Goofta'aatiif jedhee hidhamaa ta'e, waamsa itti waamamtaniif akka ta'utti akka jiraattan isin kadhadha.
2Qol. 3:12-13 Kasoo Ta'u'uun gara laafumma'aan, Obsa maraan, jaalalaan wolii obsaa'a.
3Karaa nagayaatiin tokkummaa hafuuraa eegu'uuf jabaadhaa'a.
4Rom. 12:5; Qor. 1ffaa 12:13, 27 Waamamuu keessaniif akkuma hennaa waamatan abdii tokkoon waamamtan mara, qaama tokkoo fi Ayyaana tokko qabdan.
5Yoh. 10:16; Qor. 1ffaa 8:6 Gooftaan tokko, amantaan tokko, cuuphaan tokko
6Qor. 1ffaa 12:6; Milkiyaasii Raatticha 2:10 Ka waa maraa ol ta'e, ka maraa keessatti hojjatu, ka maraa keessa jiraatu, Gooftaan abbaa namoota maraa ta'e, Waaqa tokkochatu jira.
7Rom. 12:3, 6; Qor. 1ffaa 12:11 Haata'uu ammoo akka kennaa Kiristoosiitiin nu maraafuu badhaani kenname.
8Kitaaba Faarfanna'aa 68:18; Qol. 2:15 Kanaaf, «Hennaa ol baye, boojuu hedduu booji'ee,
namootaaf kennaa kenne» jedha.
9 Phex. 1ffaa 3:18-22; Mat. 12:40; Yoh. 3:13 Kanaafuu, «Ka ol baye» jechuun ka gara lafa gadi fago'ootitti gadi bu'e jechu'u malee, maal jechu'uu?
10Ka bu'e kun maraa guutu'uuf ka gara samii samii gubba'aatitti ol bayellee isuma.
11Qor. 1ffaa 12:28; Hu. Er. 21:8; Phex. 1ffaa 5:2 Innillee gari garii ergamoota, kuuwwan raattota, kuuwwan worra Oduu Nagayaa lallabuu, kuuwwanillee tisse'ae fi barsiisoota akka ta'an kennaa kenne.
12-132:22; Qor. 1ffaa 14:26; Phex. 1ffaa 2:5 Nu marti keenna gara tokkummaa Ilma Rabbii amanu'uu fi beeku'uun argamuutiif gara nama guutuu ta'u'uu haga waan Kiristoosiitiin guuttamuu geennuuf tajaajila woyyootaa hojjatu'uuf qaama Kiristoosii ijaaru'uuf guutuu akka ta'an.
14Qor. 1ffaa 3:1; 14:20; Qol. 2:8; Ibr. 13:9 Akka dogoggora soba fakkeessuu, sababaa soba namootaatiin qilleensa barumsa sobaa maraan asii fi achi daddarbama'aa asii fi achi rarra'a'aa ammaa achi daa'imman ta'uun nuuf hin ta'u.
151:22; 5:23; Qol. 1:18 Haata'uu ammoo dhugaa jaalalaan qaba'aa, waan maraanuu gara Kiristoosii mataa ta'ee, haa guddanuu.
162:21; Rom. 12:4-5; Qor. 1ffaa 12:12-13; Qol. 2:19 Sababaa kanaaf qaamni maruu akka hojjatu ribuun maruu akka hujii isaaniititti woliin wol qabatee jaalalaan uf ijaaruun qaama guddisa.
Jireenna Haarawa Kiristoosiin Irraan Argamu17 2:1-3; Rom. 1:21-24; Phex. 1ffaa 4:3 Eeganaa worri Yihuudota hin taane akkanumaan sammuu duwwa'an akka jiraata'aa turan sanitti ammaa achi akka hin jiraanne jedha'aa Gooftaa keessa ta'ee raga.
182:12; Qol. 1:21; Phex. 1ffaa 1:14 Isaan rakkinna wollaala isaaniitiin garaa jabaachuu isaaniitiin yaanni isaanii dukkanaayee, Rabbiin irraallee fagaatan.
19Rom. 1:24-25; Qol. 3:5 Waan qalbiin isaanii dhama'eef battumma'aa fi dhara maraa hojjachu'uun seebaru'uuf dabarsanii uf kennan.
20Isin ammoo, Kiristoosiin irraa akkana hin baranne.
21Yoh. 1:17 Dhugamaan dhageettaniirtan. Dhugaanillee akka Kiristoosiin keessa jirtu isa irraa barattaniirtan.
22Qol. 3:9 Jireenna keessan ka durii yaada'aa dharraa namummaa moofaa nama sobuuf nama balleessuu uf keessaa balleessaa'a.
23Rom. 12:2 Ayyaana qalbii teessaniitiin haarawoomaa'a.
24Qol. 3:10 Qajeellumma'aa fi woyyummaa dhuga'aan ta'uun namummaa haarawa akka fakkeenna Rabbiitiin uumame uffadhaa'a.
25 Zakkaariyaasii Raatticha 8:16; Qol. 3:9 Kanaafuu soba uf keessaa balleessaa nu qaama tokko waan taaneerruuf. Isin martinuu goshoo keessan woliin dhugaa qaaqaa'a.
26Kitaaba Faarfanna'aa 4:4; Yaq. 1:19-20 Lolaa'a, garuu cubbuu hin hojjatinaa'a.
27Yaq. 4:7 Lola keessan irratti aduun akka hin dhiine daabiloosii hiree hin kenninaa'a.
28Tas. 1ffaa 4:11 Ka hate ammaa achi hin hatin; haata'uu ammoo bikka ka qara hatee, worra jalaa hanqateef waan kennuuf akka argatu harkuma ufiitiin waan mishaa hojjatu'uuf haa dadhabuu.
295:4; Mat. 12:36; Qol. 4:6 Worra isa dhagayaniif badhaadha akka kennuuf akka ka dadhabe jajjabeessitan, dubbii mishaa dubadhaa malee hamaan afaan keessanii sirimaa hin bayin.
301:13-14; Isaayyaasii Raatticha 63:10 Ayyaana Woyyuu Rabbii ka guyyaa fayyinnaa saniif ittiin chaappeeffamtan hin gaddisiisinaa'a.
31Qol. 3:8; Phex. 1ffaa 2:1 Biibbayuu, aaruu, loluu, wocuu, nama arrabsu'uu fi hammeenni maruu isin keessaa haa badu.
32Qol. 3:12-13; Mat. 6:14; 18:21-25 Arja'aa fi garalaafeyyii wolii ta'aa'a. Akkumma Rabbi Kiristoosiin irraan isinii araarame, isinillee wolii araaramaa'a.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.