Oduu Nagayaa Ka Luuqaasii 1 - WAADAA LAMMATAA

1-4 anillee akkasuma waan dubbii ati baratte san dhugaa akka beettu, duruma irraa jalqabee mara isaaniituu suutaan xiinxallee tartiibaan si barreessuun mishaa akka ta'e arge.

Maleekkaan Yohaannis Akka Dhalatuu Hime

5 isaatitti afoo Rabbiititti hennaa tajaajilu;

9 Inni duudaa dubbachuu hin dandeenne waan ta'eef, malkataan isaanitti hime.

23Innillee ji'oonni tajaajila isaa dhumnaan gara mana ufii deeme.

24-25Achiin maayessa haati manaa isaa Elsaabeex ulfoofteetti, hennaa Gooftaan mudaa kiyya narraa kaasuuf jedhee namoota jiddu'utti na yaadatee akkana naa godheera jettee, ji'a shaniitiif uf dhossite.

26Maleekkaan Rabbii Gabri'eel ji'a jahaffa'aatitti gara qachaa Naazireetii Galiilaa keessatti argamtuu,

27dhaxxe.

40Isiin gara mana Zakkaariyaasii seentee Elsaabeexiin nagaya gaafatte.

41Elsaabeex hennaa nagaya Maariyaamii dhageette, rimeenni gadaamessa isi'ii keessatti utaale; Elsaabeexillee Ayyaana Woyyu'uun guuttamte.

42nagaya keetii gurra kiyyaan dhagaye rimeenni gadaamessa kiyya keessatti gammachu'uun utaale.

45

52 Kitaaba Iyyoobii 12:19; 5:11 Bulchoota teessoo isaanii irraa buusee, worra gad aanaa ol kaase.

53 Saamu'eelii 1ffaa 2:5; Kitaaba Faarfanna'aa 107:9 Worra beelayanillee waan misha'aan isaan quubsee,

dureeyyiillee harka duwwaa geegesse.

54-55 Kitaaba Faarfanna'aa 98:3; Isaayyaasii Raatticha 41:8 Akkuma inni abbootii teenna Abrahaamii fi fiixaa isaatiif dubbate araara ufii ka bara baraa san yaadachu'uun,

hojjataa ufii Israa'eliin gargaareera» jette.

56Maariyaamillee haga ji'a sadihii isii bira teettee, achiin maayessa gara mana ufii deebite.

Dhaloota Yohaannisii Cuupha'aa

57Elsaabeex jiini isiin deettu geennaan, Ilma deette.

58Akka Gooftaan arjummaa ufii isi'ii guddise dhagayanii ollaanii fi firoonni isi'ii isii woliin gammadan.

59Seera Uumamaa 17:12; Seera Leewwotaa 12:3; Luq. 2:21 Daa'ima gadoomsu'uuf guyyaa saddeetaffa'aatitti worri dhufan, daa'ima maqaa abbaa isaa Zakkaariyaasiin itti baasuu fedhan.

60Haati ammoo inni Yohaannis haa jedhamuu malee akkas hin ta'u jette.

61Isaan isi'iin «Worra kee keessaa maqaa kanaan ka waamameeru tokkollee hin jiru» isi'iin jedhan.

62Abbaan Ilma ufiitiin eennu jedhee maqaa akka itti baasu malkataan gaafataniin.

631:13 Innillee waan irratti barreessu gaafatee, maqaan isaa Yohaannis jedhee barreesse. Isaan Martinuu hin maalalfatan.

64Yoma san afaan isaa banamee arrabni isaallee hiikkatee Rabbiinillee galatoonfata'aa dubbate.

65Ollaan isaanii martinuu hin sodaatan. Wonti kun biyya Yihuuda'aa marattuu odeeffame.

66Hu. Er. 11:21 Hunni Goofta'aa waan isa woliin jiruuf, worri dhagayan martinuu, «Daa'imni kun maal ta'inna laata?» jedha'aa garaa ufii keessatti yaadan.

67Abbaan isaallee Zakkaariyaas Ayyaana Woyyu'uun guuttamee akkana jedha'aa raaga dubbate.

68 Kitaaba Faarfanna'aa 41:13; 72:18; 106:48; 111:9 «Banii ufii gargaaree bilisa waan isaan baaseef,

Waandhi Israa'eelii Gooftaan haa eebbifamu.

69-70 Kitaaba Faarfanna'aa 18:2 Bara durii irraa jalqabee afaan raattota woyyootaatiin akkuma dubbate, fiixaa Daawitii keessaan fayyisaa jabaa nuuf kaaseera.

71Kitaaba Faarfanna'aa 106:10 Worra diina keenna ta'anii nu jibban maraa irraa nu fayyisa.

72Kitaaba Faarfanna'aa 106:45 Akka kanaan abbootii teennaa dhiifama godhe.

73Kitaaba Faarfanna'aa 105:8-9; Seera Uumamaa 22:16-18 Waadaa abbaa keenna Abrahaamiif gale woyyuu ufii qaabate.

74Isuma kanaan harka diinootaa jalaa baane.

75Tit. 2:12 Bara keenna maraa sodaa malee woyyumma'aa fi

qajeellumma'aan, afoo isaatitti akka isa tajaajillu nuu kenne.

76 Milkiyaasii Raatticha 3:1; Isaayyaasii Raatticha 40:3; Mat. 3:3 Akkasuma ati daa'ima nana raagaa Rabbii Ol Aana'aa hin jedhamta,

Karaa isaallee haxaayu'uuf Gooftaa afoo deemta.

77 Isaayyaasii Raatticha 43:11; Mar. 1:4 Akka kanaan dhiifamsa cubbu'uu ka ta'e,

beekkomsa fayyinnaa banii Rabbiitiif kennita.

78 Milkiyaasii Raatticha 4:2; Phex. 2ffaa 1:19 Waandhi keenna Waaqa araaraatii fi gara-laafessa waan ta'eef,

Inni aduun fayyinnaa gubba'aa akka nuu ifu taasisa.

79 Yoh. 8:12; Isaayyaasii Raatticha 9:1-2; 11:6; Mat. 4:16 Ifni isaallee worra dukkanaa fi gaaddidduu du'aa keessa jiraniif hin ifa. Luka keennallee gara karaa nagayaa qajeelcha» jedhee raage.

80 2:40; 3:1-18 Daa'imnillee guddatee, Ayyaanaan jabaatee haga gaafa banii Isiraa'eliititti mudhatuuf lafa udume'ee keessa jiraate.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help