1Obboleeyyan tiyya! Waan baraatii fi waan ji'ootaa womaa isinii barreessu isin hin barbaachisu.
2Mat. 24:43; Luq. 12:39; Phex. 2ffaa 3:10 Guyyaan Goofta'aa akka hatuun halkanniin dhuftu akkasuma akka dhufu isinuu sirri'itti beettaniirtan.
3Ermiyaasii Raatticha 6:14; Luq. 21:34-35 Nagayaa fi fayyinna uduu jedhan hennaa san akkuma dubartiin ulfaa ciniinsifattu, badiin tasuma isaanitti dhufti. Sirima jalaa hin bayan.
4Isin ammoo obboleeyyan tiyya, guyyaan akka hattu'uu akka isinirra hin geenne, isin dukkana keessa hin jirtan.
5Luq. 16:8; Rom. 13:12; Efe. 5:8-9 Isin maruu ilmaan guyya'aatii fi ilmaan ifaati, nu worra halkanii yookiin dukkanaatii miti.
6Rom. 13:11-12; Phex. 1ffaa 4:7; 5:8 Eeganaa haa damandhuu; hagati haa jiraannuu malee, akka kaawwanii hin rafnu.
7Worri rafu halkanniin rafa; worri machaayullee halkanniin machaayan.
8Efe. 6:13-17; Isaayyaasii Raatticha 59:17 Nu ammo worra ifaa waan taaneef, amanta'aa fi jaalala akka guloo sibiilaatitti uffannee hagati haa jiraanuu.
9Tas. 2ffaa 2:14; Xim. 1ffaa 2:4 Rabbi dheekkamsaaf nu hin file. Fayyinna Gooftaa Yesuus Kiristoosii haa arganu'uuf malee.
10Rom. 14:7-9 Yoo jiraannellee yookiin yoo duunellee isa woliin lubbu'uun akka jiraannu nuuf jedhee du'e.
11Ibr. 10:24-25 Kanaaf isinillee akkasuma akkuma amma gootan woliin mari'adhaa'a; kuun kaan haa jajjabeessuu.
Gorsaa Fi Dhaamsa Dhumaa12-13 Qor. 1ffaa 16:18; Xim. 1ffaa 5:17 Obboleeyyan tiyya! Worra isin wodhakka'atti hujii Goofta'aatiin dadhaban, worra isin bulchaanii fi isin gorsan waan hujii Goofta'aatii fi hagaa olitti akka isaan kabajjitan isin kadhanna. Isin wolii nagaya qabaadhaa'a.
14 Tas. 2ffaa 3:15; Gal. 6:1 Obboleeyyan tiyya! Isin gorsinaa, worra seera malee deeman gorsaa'a, worra hin uggine jajjabeessaa'a, dadhabdootallee gargaaraa'a, namoota maraayyuu obsaa'a.
15Rom. 12:17; Phex. 1ffaa 3:9-11 Eennullee eennuun irratti waan hamaa akka hin deebifne uf eegaa'a. Haata'uu ammo hennaa maraa martii keessanuu waan mishaa wolii godhu'uuf jabaadhaa'a.
16 Filph. 4:4 Hennaa maraa gammadaa'a;
17-18Luq. 18:1-8; Rom. 12:12; Qol. 4:2 Uduu addaan hin kunne faateffadhaa'a; waan maraafuu galateeffadhaa'a. Wonti Rabbi karaa Kiristoos Yesuusiitiin isin irraa barbaadu kana.
19Ayyaana Woyyuu hin ukkaamsinaa'a.
20-21Qor. 1ffaa 14:29, 30 Raaga hin tuffatinaa'a, maraa qora'aa, mishaa qabadhaa'a.
22Waan hamaa kamiin irraallee fagaadhaa'a.
23 3:13; Qor. 1ffaa 1:8; Tas. 2ffaa 3:16; Ibr. 13:20-21 Waandhi nagayaa qaama keessan hooma'aa haa woyyoomsu; ayyaanni keessan lubbuunii fi foon keessanillee hennaa Gooftaan keenna Yesuus Kiristoos dhufu mudaa malee haa eeggamanii.
24 Qor. 1ffaa 1:9; Tas. 2ffaa 3:3 Ka isin waame amanama'a; innillee akkasuma kana hin taasisa.
25 Tas. 2ffaa 3:1 Obboleeyyan tiyya! Nuufillee faateffadhaa'a.
26Rom. 16:16; Qor. 1ffaa 16:20 Dhungoo woyyu'uun obboleeyyan maraa nagaya gaafadhaa'a.
27Qol. 4:16 Eergaan kun obboleeyyan woyyoota maraafuu akka dubbifamu Goofta'aan isin woga.
28Rom. 16:20-24 Badhaani Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii isin woliin haata'u! Amiin!
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.