Ergaa Pheexroosii Ka 1ffaa 4 - WAADAA LAMMATAA

1-2 Qor. 2ffaa 5:14-15; Rom. 6:6-7 Eegasuu ammaa achi bara jireenna keessanii ka lafarraa akka hawwii foonii uduu hin ta'in akka fedhii Rabbiititti jiraadhaa'a. Isinillee akkasuma akka nama mi'a woraanaa hidhateetitti yaada kanaan jabaadhaa'a. Namni rakkate, nafa ufiitiin cubbuu hojjachuu dhiiseera.

3Efe. 2:2-3; Tit. 3:3 Barri fedhii worra Yihuudota hin taanee gootan wol qirqissu'uuf, hawwiin foonii machaayyuu, sirbuu, akka malee dhuguu, hulee shinga'aatitti argamu'uu fi waaqolee tolfamaa kaddaamuun barri akkasii sun isin gaya.

4Isaanillee waan isin isaan woliin hujii hamaa san hin hujjanneef isin maalalanii isin arrabsan.

5Xim. 2ffaa 4:1 Isaan ammoo waan godhan kanaaf Rabbii worra jiraniif worra du'etti murteessu'uuf qophaaye afo'otti deebii kennan.

6Sababaan worra du'etti Oduun Nagayaa himameef, kanuma. Kunillee fooniin akka namaatitti isaanitti murama. Ayyaanaan ammoo akka Rabbi jaalatutti jiraatan.

7Qor. 1ffaa 10:11; Yoh. 1ffaa 2:18 Haata'uu ammoo dhumti waa maraatuu dhiyaateera. Kanaafuu akka nama sammuu qabuutitti yaadaa'a. Akka Rabbiin kadhatuu dandeettan hagatti jiraadhaa'a, uf qabaa'a.

81:22; Kitaaba Fakkeennaa 10:12; Yaq. 5:20 Jaalalti cubbuu hedduu waan dhossituuf, waa maraa dura jabeessa'aa wol jaaladhaa'a.

9Ibr. 13:2 Guugummii tokko malee wol-keessummeessaa'a.

10Akka tooyataa amanama'aa kennaa Rabbii ka adda addaa hujii irra oolchuu tokkootitti isin maruu kennaa Rabbiin irraa argattan kanaan wol-tajaajilaa'a.

11Rom. 12:7; Phex. 1ffaa 5:11 Namni kamuu yoo dubbatu akka dubbii Rabbiititti haa dubbatuu. Ka tajaajilu, hunna Rabbi naa kenneen jedhee haa tajaajiluu. Ulfinnaa fi baalliin baraa haga bara baraatitti karaa Yesuus Kiristoosiitiin Rabbiif haa ta'u! Amiin.

Rakkoo Obsuu

12 1:6-7; Yaq. 1:12 Goshoota tiyya! Rakkinni isin jiddu'utti akka ibiddaa isin qoru'uuf ta'aaru, akka waan rakkinniniif ajaa'ibni woyii isinitti dhufeetitti hin maalalfatinaa'a.

13Rom. 8:17; Yaq. 1:2 Haata'uu ammoo hennaa Kiristoos ulfinna ufiitiin mudhatu gammachuun keessan guddaa akka ta'u worra rakkoo isaa qoodamtan waan taataniif gammadaa'a.

142:20; Mat. 5:10-11; Hu. Er. 5:41 Maqaa Kiristoosiitiin yoo tuffatamtan, Ayyaanni ulfinnaa, Ayyaanni Rabbii waan isin irratti harabaafatuuf isin worra eebbifame.

15Isin keessaa nama ajjeesu'uun, hatu'uun, nama irratti waan hamaa hojjachu'uun, waan isa hin galchine keessa galee hin rakkatin.

16Hu. Er. 11:26; Filph. 1:20 Haata'uu ammoo Kiristaana ta'uu isaatiin yoo rakkoon isarra gaye, Rabbiin haa galateeffatuu malee hin saalfatin.

17 Ermiyaasii Raatticha 25:29; Hisqeelii Raatticha 9:6; Tas. 2ffaa 1:8 Hennaan murtiin mana Rabbii keessaa jalqabu gayeera. Murtiin kun yoo ka nurraa jalqabu ta'e, worri Oduu Nagayaa ka Rabbiitii hin ajajamne dhumtii isaanii attam ta'inna?

18 Kitaaba Fakkeennaa 11:31 Kitaabni woyyuun,

«Namni qajeelaan yoo ka rakkinna keessatti fayyu ta'e,

dhartichinii fi cubbamtichi attam ta'ee jiraata ree?»

19 Kitaaba Faarfanna'aa 31:5; Luq. 23:46 Kanaafuu akka fedhii Rabbiititti worri rakkinni irra gayu, waan mishaa hojjata'aa lubbuu isaanii Rabbii amanama'atti yaboo haa kennatanii.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help