Oduu Nagayaa Ka Maarqoosii 1 - WAADAA LAMMATAA

Lallaba Yohaannisii Cuupha'aa(Mat. 3:1-12; Luq. 3:1-18; Yoh. 1:19-28)

1Jalqabni Oduu Nagayaa Ilma Rabbii ka Yesuus Kiristoosii kana.

2Kitaaba raatticha Isaayyaasii keessatti,

«Ani ergamaa kiyya ka karaa sii qopheessu

si afo'otti erga.

3 inni irra deemullee qajeelchaa jedha'aa laagaa namicha iyyu tokkoo› » jedhamee akkuma barreeffame.

4 kophee isaa gad jedhee hiikuun naan hin malle tokko na duubaan dhufa'aara.

8 ture. Achitti bineensota jidduu ture. Maleekkonnillee hin tajaajilaniin.Waamamuu Darasoota Duraa(Mat. 4:12-17; Luq. 4:14-15)

14-15 amanaa'a.» jedha'aa Oduu Nagayaa ka jeennata Rabbii lallaba'aa gara Galiila'aa dhufe.

16Uduu galaana Gaaliila'aa bira lufa'aaru Simo'onii fi obboleessi isaa Indiriyaas siiboo isaanii gara galaanaa hennaa darban arge. Isaan worra qurxummii qaba'aa turan.

17Yesuusillee, ‹ «Na faanaa koottaa worra nama wolitti qabu akka taatan isin taasisa» isaaniin jedhe.

18Yoosuu siiboo isaanii dhiisanii isa faanaa deeman.

19Akkuma diqqoo achi siiqeen, ilmaan Zabdiwoosii Yaaqoobii fi obboleessa isaa Yohaannisiin yabala irratti uduu isaan siiboo midhaaffatan argee,

20Yoma san isaan waame. Isaanillee abbaa isaanii Zabdiyoosiin, hojjattoota woliin yabala irratti dhiisanii isa faanaa deeman.

Yesuus Ayyaana Hamaa Baase(Luq. 4:31-37)

21 6:2; Luq. 4:16 Gara qachaa Qifirnaahomii dhaqanii, guyyaan Sambataa hennaa gaye, Yesuus gara mana sagada Yihuudotaa seenee barsiise.

22Mat. 7:28-29 Inni akka barsiisota seeraa uduu hin taane akka nama baallii qabuutitti waan barsiisa'aa tureef, namoonni barumsa isaa maalalfatan.

23Hennaa sanillee Mana sagada Yihuudotaa keessatti nama ayyaanni battiin dhayeeru tokkotu ture.

245:7; Mat. 8:29; Yoh. 6:69 Innillee, «Yesuusii Naazireetii si woliin maal qabna? Nu balleessu'uuf dhuftee? Eennuun akka taate si beeka, ati Woyyicha Rabbiiti» jedhee iyye.

25Yesuusillee, «Cadhisi! Isa keessaa bayi» jedhee teedeffate.

269:26 Ayyaanni battiin dhidhiitachiisee laagaa gudda'aan iyyee isa keessaa baye.

27Martinuu, «Kun maali'ii? Baalli'iin ayyaanota battii ajaja; isaanillee hin ajajamaniif. Barumsi haarofni kun maali'i?» jedha'aa baaseffatanii wol gaggaafatan.

28Gurri isaallee yoosuu biyya Galiila'aa maraa keessatti dhagayame.

Yesuus Dhukkubsattoota Hedduu Fayyise(Mat. 8:14; Luq. 4:38-41)

29Yomasan Mana sagada Yihuudotaatii bayee, Yaaqoobii fi Yohaannisiin woliin gara mana Simoonii fi Indiriyaasii seene.

30Hu. Er. 28:8 Soddaatiin Simooniillee dhibee haxaxxe'eetiin dhibamtee ciiftee turte. Yoosuu waan isi'ii itti himan.

31Itti dhiyaatee harka isi'ii qabee ol kaaseen, haxaxxeenillee bakkumatti dhiiseen. Ol kaateellee isaan keessummeessite.

32Hennaa aduun dhiite worra dhibamanii fi worra jinniin keessa jiru maraa gara isaa fidan.

33Namoonni qachaa sanii maruu balbala afo'otti wol gayan.

34Hu. Er. 16:17-18 Worra dhibee adda addaatiin qabaman heddu fayyisee; jinnii hedduullee baase. Jinnoonnillee Kiristoosiin akka ta'e beekanii waan turaniif akka dubbatan isaan hin hoffolchine.

Yesuus Faateffatee Galiilaa Keessatti Lallabe(Luq. 4:42-44)

35 6:46; Mat. 14:23; Luq. 5:16 Yesuus ganama barii dimimmisaan ka'ee, bayee gara lafa udume'ee dhaqee, achitti faateffate.

36Simoonii fi worri isa woliin jiran isa soqa'aa isa faanaa deeman.

37Hennaa isa argan, «Maruu si soqa'aaran» jedhaniin.

38Inni ammoo, «Ka'aa gara ganda dhiyoo jiranii haa deemnu, An achittillee hin lallaba; wonti ani dhufeef kana» isaaniin jedhe.

39Mat. 4:23; 9:35 Mana sagada Yihuudotaatitti lallaba'aa, jinniillee baasa'aa biyya Galiila'aa keessa deeddeme.

Yesuus Namicha Tokko Fayyise(Mat. 8:1-4; Luq. 5:12-16)

40Namichi dhibee gogaa kukkutuun qabame tokko gara isaa dhufee jilbiinfatee, «Yoo fedha kee ta'e na fayyisuu dandeetta» jedhee kadhateen.

41Yesuusillee gaddeefiit, «Harka ufii hiixatee qaqqabeeniiti hin fedhaa fayyi» jedheen.

42Akkuma inni dubbateen, dhibeen sun isa dhiise, namichillee hin fayye.

43-443:12; 7:36 Achiin maayii Yesuus namichaan «Eennuttillee waa tokko akka hin dubbanne uf eegi. Haata'uu ammoo deemii gadichatti uf mudhisi isaaniifillee ragaa akka ta'u fayyuu keetiif waan Muuseen ajaje dhiyeessi» jedhee jabeessee isa seeree geegesseen.

45Inni ammoo akkuma arge dubbata'aa, oduu biyya maraan gaye. Kanaaf Yesuus achiin maayessa hulee udumee namni hin jirre ture malee, gara qacha'aa seenuu hin dandeenne. Namoonni bakka adda addaatii gara isaa dhufa'aa turan.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help