1-2 Yaq. 1:1 Pheexroos ergamaa Yesuus Kiristoosii ta'e irraa worra baqattoota worra biyya Pheenxoosii, Galaatiyaa, Qaphadooqiyaa, Isiya'aa fi Bitaaniyaa keessa faca'anii jiraataniif, worra akka beekkomsa Rabbii Aabbaatiin beekkamtanii filatamtan, worra Yesuus Kiristoosii ajajamu'uuf dhiiga isaatiin biifamtanii qulqullaayu'uuf Ayyaana Woyyu'uun woyyoomtaniif;
Ayyaanninii fi nageenni isinii haa guddatu.
Abdii Jireennaa3-5 Efe. 2:4-6 Du'oota keessaa ka'uu Yesuus Kiristoosiitiin abdii jiraata'aa fi hin baanne ka ristii hin darbine xurii hin qabneef akka guddinna dhiifamsa isaatiin Rabbi lammaffaa nu uumate Abbaan Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii haa eebbifamu. Ristiin kunillee isin worra bara dhumaa worra fayyinna hunna amantaa Rabbii eeggattaniif samii isinii taa'a.
6-74:12-13; 5:10; Yaq. 1:2; Ibr. 12:11 Kanaan guddiftanii gammaddan. Haata'uu ammoo, worqii ibiddaan haga fedhe qoramee baddu caalaa amantaan keessan kabajjamaan qorame hennaa Yesuus Kiristoos deebi'ee dhufu akka gaalata ulfinnaa fi jajamuu isinii ta'u amma ammoo hennaa diqqo'oof qormaata gara garaatiin gadditaniirtan.
8-9Yoh. 20:29; Qor. 2ffaa 5:7 Amma yoo womaallee arguu baattan isatti amantanii raawwii amantii keessanii, fayyinsa lubbuu teessanii akka fudhattaniin ulfinna hin dhumannee fi gammachu'uun guuttamtanii gammaddan.
10 Mat. 13:17; Luq. 10:24 Waan badhaadha isinii kennamuu raattonni raaga dubbatan waan fayyinna kanaa jabaatanii soqanii qoratan.
11Luq. 24:26; Kitaaba Faarfanna'aa 22:1-31; Isaayyaasii Raatticha 53:1-12 Ayyaanni Kiristoosii ka isaan keessa jiru, waan rakkoo Kiristoosiitii fi Ulfinna isaan maayessa dhufu firrisee raga'aa, yoom yookaan bara attamii akka raawwatu qorata'aa turan.
12Efe. 3:10 Isaan Ayyaana Woyyuu samii gubba'aa isaanii ergameen namoonni Oduu Nagayaa isinitti himan amma waan isinitti himan kanaan isin tajaajilan malee, akka ufi hin tajaajille isaanii ife. Waan kana Maleekkonninuu arguu hawwa'aa turan.
Woyyumma'aan Jiraachuu13 Luq. 12:35 Kanaafuu waan gootan marattuu qalbii teessan qopheessaa'a; worra uf qabdan ta'aa'a; hagatti jiraadhaa'a. Badhaadha Gooftaan Yesuus hennaa mudhatu isinii kennu san abdii godhadhaa'a.
14Rom. 12:2; Efe. 4:17-18 Akka fedha ijoollee hin ajajamnee, jireenna dura wollaalaan keessa jiraattan san hin hordofinaa'a.
15-16Haata'uu ammoo, «Akkuma inni Woyyuu ta'e, isinillee woyyoota ta'aa'a» jedhamee waan barreeffameef akkuma ka isin waame woyyuu ta'e, isiniilee akkasuma jireenna keessan maraanuu woyyuu ta'aa'a.
17 Mat. 6:9; Rom. 2:11 Rabbiin nama maraa wol hin caalchifnee fi nama maraa irratti akka hujii isaatiin itti muru, yoo ka «Aabbaa» jettanii waamtan ta'e, haga adunyaa tana irra keessummumma'aan jirtan, isa sodaata'aa jiraadhaa'a
18-19Qor. 1ffaa 6:20 Jireenna duwwaa abboota keessan irraa dhaaltaniif waan lufu birrii yookiin worqi'iin uduu hin taane, dhiiga Kiristoosii ka gatii gudda'aa ka akka dhiiga korbeessa muda'aa fi xurii hin qabneen akka furamtan hin beettan.
20-21Rom. 16:25-26; Xim. 2ffaa 1:9-10 Inni uduu biyyi lafaatuu hin uumaminiin dura beekkame. Haata'uu ammoo akka amantaan keessaniif abdiin keessan Rabbiin irra ta'u worra du'an keessaa isa kaasee ulfinna isaa kennetti waan amantaniif bara dhumaa irratti isinitti mudhate.
22 4:8; Rom. 12:10; Yoh. 1ffaa 3:18 Dhuga'aaf ajajamma'aa jaalala obbolumma'aa ta uf tuullumma hin qabneen lubbuu teessan qulqulleessa'aa gara'aan jabeessa'aa wol jaaladhaa'a.
23Yoh. 1:13; Yaq. 1:18 Isin worri lammaffaa dhalattan fiixaa badu irraa miti. Dubbii Rabbii ka bara baraan jiraatuun, fiixaa hin banne irraa dhalattan malee.
24Isaayyaasii Raatticha 40:6-8; Yaq. 1:10-11 Kanaaf Kitaabni Woyyuun
«Worri foon uffatan maruu akka margaati,
ulfinni isaa maruu akka daraaraa raasa'aati,
margi hin goga; daraaraaniillee hin harca'a.
25Dubbiin Goofta'aa ammoo bara baraan jiraata.
Dubbiin Oduu Nagayaa ka isinitti himamellee kana.»
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.