1Maleekkaan shanaffa'aallee xurumbaa afuufee urjii samii gara lafaa darbame arge. Furtuun ashuutellee hin kennameef.
2Seera Uumamaa 19:28 Boolla ashuutellee hin bane; aarrillee akka aarra ibidda gudda'aa dhagaa keessaa baya; aduunii fi qilleensi aara boolla ashuutee keessaa bawuun dukkanaayan.
3Seera Bawu'uu 10:12-15 Aara san keessaa Awwaannifni gara lafaa bayee akkuma buutiin lafaa baallii qaban baalliin isaanii kenname.
47:3; Hisqeelii Raatticha 9:4 Isaanillee namoota kallacha isaanii irra chaappaan Rabbii hin jirre callaa akka miidhan ajaje malee, waan lafa irra jiru maraa waan lalise yookiin muka kamiinillee akka hin miine isaanitti himan.
5Isaan akka ji'a shanii callaa rakkisaniif kennameef malee akka ajjeesaniifii miti, miidhaan isaan midhaman akka miidhaa nama buutiin idditeeti.
66:16; Kitaaba Iyyoobii 3:21; Ermiyaasii Raatticha 8:3 Ji'oota sanniin namoonni du'a soqan. Haata'uu ammoo hin argatan, du'uu dharra'an duti ammoo isaan dheessiti.
7 Iyyu'eelii Raatticha 2:4-5 Bifti Awwaannisaa akka faradoo lolaaf qophooftee mataa isaanii irraa gulloo worqii fakkaatu qaban, fuulli isaaniillee akka fuula namaa ti.
8Iyyu'eelii Raatticha 1:6 Rifeensa akka rifeensa dubarti'ii fakkaatu qaban Ilkaan isaanii akka Ilkaan leencaa ti.
9Iyyu'eelii Raatticha 2:5 Uffata sibiila fakkaatu qaban; laagaan koola isaanii akka konkolaataa faradoo hedduu ka lolaaf yaabbatanii ti.
109:19 Eegeen isaanii akka eegee buuti'iiti. Eegee isaanii irra woraanatu jira; namootallee haga ji'a shanii miidhu'uuf baallii qaban.
11Isaan mootii qaban; innillee Maleekkaa ashuuteeti. Maqaan isaa afaan Ibraayisxiitiin «Abdoon» Afaan Giriikiitinillee «Aphaliyoon» jedhama.
12Aanne'een duraa lufteerti. Kunoo asiin maayii ammallee aanne'ee lamatu dhufa.
138:3; Seera Bawu'uu 27:2; 30:1-3 Maleekkaan jahaffa'aa xurumbaa afuufe. Gaafa worqii irraa hojjatame ka kennaa irratti dhiyeessan ka Rabbiin afoo jiru keessaa laagaa tokko dhagaye.
1416:12 Maleekkaan xurumbaa qabu ka jahaffa'aa «Maleekkoota arfan laga guddaa Efraaxisitti hidhaman isaan hiiki!» jedheen.
158:7-12 Maleekkoonni afurii namoota sadi keessaa harka tokko akka ajjeessan, sa'aatii, guyyaa, ji'aa fi wogga'aafillee worri qophaayanii turan hin hiikkaman.
16Laakkofsi loltuu farado'oollee shikita hennaa shikitaa, shikita hennaa shikitaa ti jedhu dhagaye.
17Farado'oo fi worra faradoo yaabbatanillee akkasuma manaabaan arge. Uffata diimaa akka ibiddaa gurraacha akka baddeessa'aa, boora akka bookaa fakkaatu qaban. Mataan Faradoo sanniinii akka mataa Leencaati. Afaan isaanii keessaa holataan dhagaa ibiddaa baye.
18Badiin sadiin afaan isaanii ibiddaaf, aara dhagaa ibiddaatiin ajjeefame.
199:10 Baalliin farado'oo afaan isaaniitiif eegee isaanii irra waan ta'eef, eegeen isaanii bofa fakkaata. Mataallee hin qaban, sanniinillee hin miidhan.
20 16:9, 11; Qor. 1ffaa 10:20; Kitaaba Faarfanna'aa 115:4-7 Balaa kanaan ka hin ajjeefamne namoonni hafan jinnii arganii yookiin dhagayanii yookiin deemuu dadhabanii, worqii, birrii, waan akka sibiilaa, dhaga'aa fi muka irraallee waaqa tolfamaa hojjatamanii akka hin saganne, waan hujii harka isaaniitiifillee aagii hin galle.
21Waan ajjeesuu isaaniillee yookiin waan asmaa isaanii yookiin waan seebaruu isaanii waan hatuu isaaniitiifillee aagii hin galle.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.