Ergaa Phaawuloos Gara Worra Rooma'aa Erge 15 - WAADAA LAMMATAA

Namoota Biraa Gammachiisaa

1 14:1-2; Qor. 1ffaa 9:22 Nu worri amanta'aan jajjabaa taane, dadhabbii worra dadhabanii baadhachuu nu barbaachisa malee, uf gammachiisuu nu hin barbaachisu.

2Marti keennaa akka inni jajjabaatu faayidaa isaatiif goshoo keenna haa gammachiifnuu.

3Yoh. 8:50; Kitaaba Faarfanna'aa 69:9 Kiristoos waan uf hin gammachifneef. «Tuffiin si tuffatan narra gayeera» jedhamee akkuma barreeffame isa irratti ta'e.

44:23-24; Qor. 1ffaa 10:11; Xim. 2ffaa 3:16 Jabaachu'uuf abdiin jajjabeennaa ka Kitaabni kenneen wonti dura barreeffame maruu barumsa keennaaf waan nuuf barraayeeruuf.

5-6Yaada tokko taatanii afaan tokkoon Rabbiin, Innillee Abbaa Gooftaa Yesuus Kiristoosii akka kabajjitan Waandhi obsaatii fi jajjabeennaa akka fedha Yesuus Kiristoosiititti yaada tokko isinii haa keennu.

Phaawuloos Worra Yihuudota Hin taanetti Lallabe

7Kanaafuu Kiristoosiin ulfinna Rabbiitiif akka amantan, akkasuma isin wol simadhaa'a.

8-9Dubbii abdi'ii ka abboota keenna ittiin jabeessu'uuf kenne, akkasuma

«Kanaaf worra Yihuudi hin taane jiddu'utti si galateeffadha.

Maqaa keetiifillee hin faarfadha» jedhamee akkuma barreeffame, worri Yihuudi hin taane waan araara isaatiif Rabbiin akka kabajjan, Kiristoos waan dhugaa Rabbiitiif tajaajilaa gadoomu'uu ta'e jedha.

10Akkasuma ammoo,

«Worri Yihuudii hin taane, banii isaa woliin gammadaa'a» jedha.

11Akkasuma,

«Worri Yihuudota hin taane maruu, Gooftaa galateeffadhaa'a;

Baniin maruu haa jajaniinii!» jedha.

12Akkasuma Isaayyaasillee,

«Ka fiixaa Isseyii keessaa dhalatu hin dhufa;

inni worra Yihuudii hin taane bulchu'uuf hin ka'a,

worri Yihuudii hin taane abdii godhatan» jedha.

13Waandhi abdii hunna Ayyaana Woyyu'uutiin abdiin akka guddatu amanuu keessaniin gammachu'uu fi nagaya maraa isinii haa kennu.

Sababaa Phaawuloos Sodaa Malee Barreesse

14Ani akkasuma obboleewwan tiyya! Isin mishumma'aan akkuma guuttamtan, beekkomsa maraa akkuma argattan isin akkasuma akka wol gorsuu dandeettan waan keessan hubadheera.

15-16Haata'uu ammo worri Yihuudii hin taane, Ayyaana Woyyu'uun woyyomanii ciincaa jaalatamaa akka ta'an, Oduu Nagayaa ka Rabbiitiif akka gadichaatitti tajaajilaa, worra Yihuudii hin taaneef tajaajilaa Yesuus Kiristoosii akka ta'u, sababa badhaadhummaa Rabbiin biraa naa keennameen deebi'ee isin hubachisu'uuf jedhee, bakka tokko tokkotti uggiiti'iin isinii barreesse.

17Eegasuu waan Rabbiin biraa ta'uun Yesuus Kiristoosiin boona qaba.

18Worri Yihuudii hin taane akka ajajaman Kiristoos, dubbii, hujii, malkata, hunnaa fi maalalee gudda'aan hunna Ayyaana Woyyu'uutiin, na keessa ta'ee waan hojjateen alatti woomaa dubbatuu hin uggu.

19Kanaafuu Yerusaalemii jalaqabee haga Iliwaarqoon naannayee Oduu Nagayaa ka Kiristoosii guutumaan guutu'utti lallabeera.

20Akkasuma karaa namni biraa bu'uura buuse irratti akka hin hunye, maqaan Kiristoosii bakka itti waamametti uduu hin taane, Oduu Nagayaa lallabu'uuf tattaafadhe.

21Haata'uu ammoo,

«Waan isaa worri itti hin himamne hin argan;

worri hin dhageennellee hin hubatan» jedhamee akkuma barreeffame.

Phaawuloos Gara Rooma'aa Dhaqu'uuf Yaade

22Kanaafuu akkasuma gara keessan akka hin dhufne hennaa hedduu dhooggame.

23Amma ammoo biyya tanatti uf afo'oof hulee waan hin qabneef woggaa heddu irraa jalaqabee gara keessan dhufu'uuf haawwi waan qabuuf.

24Hennaa gara Ispaaniya'aa lufu firrisee isin argu'uuf hennaa diqqoo haga yaada isin bayeen maayii isinillee imala kiyyaaf akka na gargaartan abdii godha.

25Amma ammoo woyyoota tajaajilu'uuf gara Yerusaalemii deema.

26Maqidooniya'aa fi Akkayaan, Yerusaalemitti hiyyeeyyota woyyoota jidduu jiran gargaaruu waan murteeffataniif.

27Waan jaalataniif worri sun isaaniif ba'aa isaaniiti. Worri Yihuudii hin taane eebba Ayyaana Yihuudotaa isaan irraa eega qoodaman, isaanillee eebba lafa irraa argatan, Yihuudotaa qooduun isaanii giddi'i.

28Eeganaa kana raawwadhee, gargaarsa wolitti qabame kana, eega isinitti kenneen maayii, Karaa keessaniin lufee, gara Ispaaniya'aa deema.

29Gara keessanillee hennaa dhufu eebba Kiristoosii guutu'uun akka dhufu hin beeka.

30Obboleewwan tiyya! Anaaf Rabbiin kadhata'aati, na woliin akka xaartan, Gooftaa Yesuus Kiristoosii fi jaalala Ayyaanaatiin isin kadhadha.

31-32Fedha Rabbiitiin gammachu'uun gara keessan dhufee isin biratti akka harabaafadhu, worra Yihuudaa jiran keessaa ka hin ajajamne jalaa akka bayu, tajaajila Yerusaalemitti qabuun woyyoota ka gammachiisu akka ta'u Rabbiin naa faateffadhaa'a.

3316:20; Tas. 1ffaa 5:23; Tas. 2ffaa 3:16 Waandhi nagayaa isin maraa woliin haata'u! Amiin!

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help