Oduu Nagayaa Ka Yohaannisii 2 - WAADAA LAMMATAA

Fuudhaa Fi Heeruma Qachaa Qaana'aa

1 gaanii sanniinitti bisaan guutaa jedhe. Isaanillee haga afaanii guutan.

8Amma buusa'aatii worra cidha galchutti kennaa'a jedheen. Isaanillee isaanitti kennan.

9Ka cidha galchullee bisaan daadhii ta'e hennaa afaaniin qabu eessaa akka dhufe hin beenne. Hojjattoonni bisaan woraaban ammoo hin beekan. Ka cidha galchu Abbaa cidhaa waamee,

10Akkana jedheen, «Namni maruu duraan dursee daadhii mishaa namaa kenna. Haga machaayaniin maayii ammoo booruu namaa kenna. Ati ammoo daadhii mishaa haga ammaa tursiifte!» jedheen.

11 ka taa'aniiran argee,

15Innillee xurqaayyee dhayatee, sangootaa fi hoolota mana woyyuu keessaa baasee; worra birrii jijjiiratu waan isaan birrii irra kaayataniiran garagalchee birrii isaaniillee jalaa bittinneesse.

16Worra handarii gurgurataniinillee, «Kana asii kaasaa'a; mana Abbaa kiyyaa mana daldalaa hin godhinaa'a» isaaniin jedhe.

17Kitaaba Faarfanna'aa 69:9 Darasoonni isaallee, «Hinaaffaan mana keetii, akka ibiddaa na guba» jedhamee ka barreeffame qaabatan.

18Kanaaf, «Yihuudonni kana godhu'uuf malkata maali'iin nutti mudhifta?» jedhaniin.

19 Mat. 26:61; 27:40; Mar. 14:58; 15:29 Yesuusillee deebisee, «Mana Woyyuu kana diigaa'a! Ani ammoo guyyaa sadihitti deebisee ijaara» isaaniin jedhe.

20Kanaaf Yihuudonni, «Manni Woyyu'uu kun hojjatamu'uuf woggaa afurtamii jahaa fixe, ati ammoo guyyaa sadi keessatti ijaaree fixa jettaa?» jedhaniin.

21Qor. 1ffaa 6:19 Inni ammoo waan mana woyyuu qaama ufii dubbate.

2212:16; 14:26; 20:9; Luq. 24:8, 26-27 Kanaaf haga du'aa ka'een maayii, darasoonni isaa kana akka dubbate qaabatanii, kitaaba Woyyu'uu fi waan Yesuus dubbate amanan.

Yesuus Yaada Namaa Mara Beeka

23Uduu Yeruusaalem jiru hennaa ayyaana Faasika'aa malkata inni godhe haga argan, namoonni hedduu maqaa isaatitti amanan.

24-25Haata'uu ammoo Yesuus namoota maraa hin beeka. Waan namaa eennullee isaa raguu hin barbaachisu, Inninuu waan nama keessa jiru waan beekuuf.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help