Oduu Nagayaa Ka Maarqoosii 10 - WAADAA LAMMATAA

Yesuus Abbaan Manaatii Fi Haati Manaa Akka Adda Hin Baane Barsiise(Mat. 19:1-12; Luq. 16:18)

1Yesuus bakka sanii ka'ee gara biyya Yihuudaatii fi laga Yordaanosi gama dhaqe. Ammallee gumiin guddaan gara isaa dachaanaan, inni akkuma amala ufii isaan barsiise.

2Fariisonni gariin dhufanii dubbii afaan isaatii bayuun isa qabu'uuf jedhanii, namni haadha manaa ufii hiikuun seeraa? jedhanii gaafatan.

3Yesuus ammoo deebisee, «Seerri Muuse'ee maal jedha?» isaaniin jedhe.

4 ufii woliin wol ta'a.

8Qor. 1ffaa 6:16 Lamaanuu tokko ta'an.› Maarre achiin maayii isaan foon tokko malee lamaa miti.

9Ka Rabbi tokko godhe namni addaan hin baasin!» isaaniin jedhe.

10Hennaa deebi'anii manatti galan, darasoonni waan dubbii kanaa isa gaafatan.

11Mat. 5:32; Qor. 1ffaa 7:10-11 Innillee deebisee, «Eennullee haadha manaa ufii dhiisee ka dubartii biraa fuudhu, seebaru'uun yakkeera.

12Akkasuma dubartiin abbaa manaa ufii jalaa baatee, ta nama biraatitti heerumtu hin seebarti» isaaniin jedhe.

Yesuus Ijoollee Didiqqoo Eebbise(Mat. 19:13-15; Luq. 18:15-17)

13Namoonni gariin akka Yesuus harka ufiitiin qaqqabee eebbisuuf, ijoollee didiqqoo gara isaa fidan. Darasoonni ammoo isaan teedeffatan.

14Yesuus ammoo hennaa waan kana arge aaree, «Jeennanni Rabbii ta worra akka ijoollee tanaa ta'aniif waan taateef, ijoolleen gara kiyya haa dhuftuu hin dhoogginaa'a gad dhiisaa!

15Mat. 18:3 Ani dhugamaan isiniin jedha; eennullee jeennata Rabbii akka ijoolle'eetitti ka hin fudhanne, horomaa itti hin galu» isaaniin jedhe.

16Achiin maayii ijoollee ammatee harka ufiitiin qaqqabee, isaan eebbise.

Namicha Dureessa Tokko(Mat. 19:16-30; Luq. 18:18-30)

17Yesuus achii ka'ee akkuma kara'atti bayeen, namichi tokko gara isaa fiigee, afoo isaatitti jilbiinfatee, «Barsiisaa mishaa'a! gara jireenna bara baraa galu'uuf maal godhuu na barbaachisa?» jedhee gaafate.

18Yesuusillee deebisee, «Maaf barsiisaa mishaa naan jetta? Rabbii tokkicha malee mishaan eennullee hin jiru.

19Seera Bawu'uu 20:12-16; Seera Leewwotaa 19:13; Seera Keessa deebi'ii 5:16-20 Ati seera ‹Hin ajjeesin, hin seebarin, hin hatin, dharaan namarratti ragaa hin bayin, hin sobin, Abba'aa fi haadha tee kabajji› jedhu hin beetta» jedheen.

20Namichillee deebisee, «Barsiisaa'a! Ani seera kana maraa ijoollummaa kiyya irraa jalqabee eegeera» jedheen.

21 Mat. 6:20; Luq. 12:33; 16:9 Yesuus isa xiinxallee laalee jaalateenii, «Waan tokkotu sirraa dhidhata. Dhaqii, waan qabdu maraa gurgurii, worra hiyyeeyyi'iif kenni, samii gubba'atti badhaadhummaa argattaa; achiin maayessa koottu na faana deemi!» jedheen.

22Namichi hennaa dubbii kana dhagaye qabeenna guddaa waan qabuuf, fuula ufii gurraachessee, gaddee achii deeme.

23 Kitaaba Faarfanna'aa 62:10; Xim. 1ffaa 6:17 Yesuus ufirra garagalee darasoota ufiitiin, «Worra dureeyyi'iif jeennata Rabbii galuun attam rakkisa'a!» isaaniin jedhe.

24Darasoonni dubbii inni dubbate haga dhagayan hin maalalfatan. Yesuus ammoo ammallee, «Ijoollee tiyya jeennata Rabbii galuun attam rakko'o!

25Namni dureessi tokko jeennata Rabbii galuu irra, gaalli qaalawa limmo'oo keessa hulluuqu'utu salpha'a» isaaniin jedhe.

26Kana irratti isaan akka malee maalalanii, «Eeganaa eentu fayyuu danda'a ree?» woliin jedhan.

27Seera Uumamaa 18:14; Kitaaba Iyyoobii 42:2 Yesuus gara isaanii laalee, «Kun Rabbiif malee namaaf hin danda'amu; Rabbiif wonti maruu hin danda'ama» jedhe.

28Pheexroosillee deebi'ee, «Nu maraa dhiifnee si faana deemneerra» jedheen.

29Yesuus ammoo deebisee, «Dhugamaan isiniin jedha; eennullee waan kiyyaa fi waan Oduu Nagayaatiif mana, obboleeyyan, intallan haadhaa, haadha, abbaa, haadha manaa, ijoolle'ee fi qonna ufii dhiise,

30lafuma tanatti manniin, obboleeyyan, intallan haadhaa, haawwota, ijoolle'ee fi qonna dachaa dhibba hin argata, adunyaa dhuftu keessattillee gara jireenna bara baraa hin gala.

31Mat. 20:16; Luq. 13:30 Haata'uu ammoo ka duraa duuba, ka duubaa afoo ta'a.»

32Isaan gara Yeruusaaleemii dhaqu'uuf kara'atti hennaa bayan, Yesuus afoo isaanii uduu deema'aaru maalalanii, worri isa faanaa deeman sodaatan. Inni ammoo worra kudhanii lamaan ammallee hojjatti isaan baasee, waan isarra gayu'uuf ta'u isaanitti himu jalqabe.

33Inni isaaniin, «Gara Yeruusaalemii hin baana; Ilmi Namaa harka bulchoota gadootaatii fi barsiisota Seera Muuse'eetitti dabarfamee hin kennama. Isaan ammoo yakka du'aa itti murteessan, worra Yihuudota hin ta'initti dabarsanii isa kennan.

34Isaan itti baldan, itti tufan, hin tumama, hin ajjeesan; haata'uu ammoo guyyaa saddaffa'aa hin ka'a» isaaniin jedhe.

Gaafii Ilmaan Zabdewoosii(Mat. 20:20-28)

35Ilmaan Zabdewoosii Yaaqoobii fi Yohaannis gara Yesuusii dhufanii, «Barsiisaa'a! waan nu si kadhannu akka nuuf gootu barbaanna» jedhaniin.

36Yesuus ammoo, «Maal akka isinii godhu barbaaddan?» isaaniin jedhe.

37Mat. 19:28; Luq. 22:30 Isaanillee deebisanii, «Hennaa teessoo kee ka ulfinnaa irra teette, tokko mirga keetiin, tokko bitaa keetiin akka teennu barbaanna» jedhaniin.

38 14:36; Luq. 12:50; Rom. 6:3 Yesuus ammoo, «Isin woma kadhattanuu hin beettan! mijuu ani dhugu dhuguu, cuuphaa ani cuuphamu cuuphamuu hin dandeettanii?» isaaniin jedhe.

39 Hu. Er. 12:2; Mudh. Yoh. 1:9 Isaan, «Hin dandeenna» jedhaniin.

Yesuus, «Isin dhugamaan mijuu ani dhugu hin dhudan, cuuphaa ani cuuphamu cuuphamuu hin dandeettan.

40Mirga kiyyaa fi bitaa kiyya ka teessisu anaa miti. Huleen kun ka worra qophaayeef kennamu» isaaniin jedhe.

41Darasoonni kurnan hafan hennaa kana dhagayan, Yaaqoobii fi Yohaannisiin loluu jalqaban.

42Luq. 22:25 Yesuus ammoo gara ufii isaan waamee akkana isaaniin jedhe, «Bulchoonni worra Yihuudota hin ta'in bulchan hunnaan akka bulchan, bulchoonni isaaniillee baallii guutu'uun akka bulchan isinuu hin beettan.

439:35; Mat. 23:11; Luq. 22:26; Phex. 1ffaa 5:3 Isin biratti akkanaa miti; haata'uu ammoo eennullee isin keessaa nama guddaa ta'uu ka barbaadu, hojjataa nama maraa haa ta'uu.

44Eennullee isin keessaa bulchaa ta'uu ka barbaadu, ka nama maraa hojjatu haata'uu.

45Isaayyaasii Raatticha 53:10-12; Xim. 1ffaa 2:5-6 Ilmi namaa lubbuu ufii kennee namoota maraa furu'uuf dhufe malee, akka isaa hojjataniif hin dhufne» jedhe.

46Yesuusii fi darasoonni isaa Yaarikoo dhaqan. Isaan gumii guddaa woliin hennaa Yaarikoo keessaa bayan, Namichi ijji balla'aa ka kadhatu tokko ka Barxiimeewoos jedhamu ilmi Xeemeewoosii karaa irra taa'ee kadhata'aa ture.

47Inni Yesuus nama biyya Naazireetii akka ta'e hennaa dhagaye, «Yesuus! Ilma Daawitii na maari!» jedha'aa iyyuu jalqabe.

48Namoonni hedduu akka inni cadhisu teedeffataniin. Inni ammoo, «Ilma Daawitii na maari!» jedha'aa ta duraa caalaa laagaa gudda'aan iyye.

49Yesuus dhaabatee, «Isa as waamaa'a!» jedhe. Inni akkasi jennaan isaan namicha waamanii, «Inni si waama'aara, jabaadhu! ka'i!» jedhaniin.

50Inni uffata ufi irraa gatee, utaalee ka'ee, gara Yesuusii dhufe.

51Yesuus, «Maal akka sii godhu barbaadda?» jedhee isa gaafate. Namichi ballaan sunillee, «Barsiisaa'a! Ija tiyya akka naa bantu barbaada» jedheen.

525:34; Mat. 9:22; Luq. 7:50 Yesuusillee isaan, «Amantiin kee si fayyiseera deemi!» jedhe. Yoosuu ijaan argee isa faanaa deeme.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help