Ergaa Phaawuloos Gara Worra Filiphisiyuusii Erge 2 - WAADAA LAMMATAA

Kasumma'aan Kiristoosiin Fakkaachuu

1Karaa Kiristoosiitiin gorsa, jaalalaan jabaachu'uun, Ayyaana Woyyu'uun tokkummaa wolii qabaachu'uun, gara-laafinnaa fi araaraan gammachuu kiyya fiixaan naa baasaa'a.

2Yaada tokkoon wolii galaa'a; jaalala tokko, qalbii tokkoo fi yaada tokko qabaadhaa'a.

3Bu'aa worra kiyyaatiif jechu'uun yookiin sababaa duwwaa uf jaju'uutiin waan tokkollee hin godhinaa'a. Haata'uu ammoo isin martinuu hiriyyaa ufii akka waan isa irra caaluutitti gara-laafumma'aan haa laalu.

4Namni martinuu waan isa fayyadu hin laalin, waan hiriyyaa isaatii ta'u malee.

5Yaanni Kiristoosiin keessa ture sun isin keessallee akkasuma haata'u.

6Inni adaba Rabbiitiin jiraata'aa uduu jiru,

Ulfinna Rabbummaa Rabbii woliin isa qixxeessu

akka waan gadi dhiisu'uutitti hin laakkofne.

7Haata'uu ammoo, Inni akka garbichaa ta'ee,

duwwaa uf godhee;

gadi uf deebisee;

nama fakkaatee mudhate.

8Fakkeennaan akka namaa ta'ee, uf salphisee,

haga fannifamee,

du'uutittillee hin ajajame.

9Sababa kanaaf Rabbi hagaa ol, ol ol isa aanse; maqaa maqaa maraa caalu kenneef.

10Kunillee worra ardi'ii fi samii,

worri ardii jala jiran maruu,

maqaa Yesuusiitiif akka jilbiinfatan.

11Arrabni maruu,

ulfinna Rabbii Abba'aatiif,

Yesuus Kiristoos Gooftaa akka ta'e, ragu'uuf.

Banii Adunya'aatiif Ifa Ta'uu

12Kanaafuu jaalatamtoota tiyya! Hennaa ani isin bira jiru callaa uduu hin taane, hennaa maraa worra ajajamu, kabajja'aa fi soda'aan fayyinna keessan raawwadhaa'a.

13Efe. 2:1-5 Waan fedha isaa mishaa soqu'uu fi raawwachuullee ka isin keessa kaayu Rabbiin waan ta'eef.

14 Efe. 2:15 Dhaloota daba'aa fi hamaa wodhakka'atti mudaa malee gara-laaffeeyyii ijoollee Rabbii akka taatan uduu hin gungumne, hamaa uduu hin yaanne maraa godhaa'a.

15Edduu isaaniititti dubbii jireennaa dhiyeessa'aa adunyaa tana keessatti akka ifaatitti mudhatan.

16Rom. 14:1-6 Kanaafuu duwwa'aaf akka hin dadhabneef ani duwwaa akka hin fiinne, guyyaa Kiristoos dhufu waan ittiin dhaadadhu naa ta'a.

17Haata'uu ammoo ciincaa amantii keessaniitiif tajaajila keessanitti eda'amee, uduu lubbuun tiyyallee baatee hin gammada. Isin woliinillee gammadeera.

18Isinillee akkasuma gammadaa'a. Na woliinillee gammadaa'a.

Tajaajila Ximootiwoosiitii Fi Ephafrodixosii

19Haata'uu ammoo anillee akkasuma waan jireenna keessanii beekee akka gammadu, daddafee Ximotewosiin isinii ergu'uuf Gooftaa Yesuusitti abdii godha.

20Nama waan jiruu keessanii qajeellumma'aan yaadee dhiphatu, ani isa malee nama biraa eennunillee waan hin qabneef.

21Martinuu ka Gooftaa Yesuus Kiristoosii uduu hin ta'in, woma ufii waan soqaniif.

22Haata'uu ammoo ana woliin akka abba'aa fi ilmaa taanee, Oduu Nagayaa na woliin akka tajaajilee fi akka qoramellee isinuu hin beettan.

23Eegasuu dubbiin tiyya maal akka ta'u hennaa beeke, dafee isa akka ergu abdii godha.

24Anillee ammoo ariifadhee akka dhufu Gooftaa hedadheera.

25Akkasuma Obboleessa kiyya ka na woliin hojjata'aa fi loltuu ta'e, isiniif ammoo ka ergamaa ta'eef, ka waan na barbaachisuun na tajaajilu Afirodiixiin isinii erguun giddi'i.

26Inni isin maraa arguu waan yaadeeruuf akka dhibame waan dhageettaniirtaniif gaddeera.

27Inni dhugamaan dhibamee du'uu gaye. Haata'uu ammoo Rabbi hin fayyiseen. Gadda irratti gadda akka natti hin edaane, gaddii sunillee anaaf malee isa calla'aafii miti.

28Eegasuu ammallee yoo isa argitaniin, akka gammaddan, anaafille gaddi akka naa salphatu guddisee ariifadhee ergaan.

29Eegasuu maqaa Goofta'aatiin gammachuu guutu'uun simadhaa'a; worra akka isaalle'e kabajjaa'a.

30Tajaajila isin naaf kennuu hin dandeenne guutu'uuf jedhee, hujii Kiristoosiitiif jedhee jiruu ufii uduu hin filatin du'uu gaye.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help