1 25:12 Gara Ixaaliya'aa markaabaan akka deemnu haga murtaaye, Phaawuloosii fi worri hidhaa keessaa ka biraallee kutaa worraana Agusxoosii keessatti ajajaa loltuu dhibbaa Yuuliwoos ka jedhamutti dabarsanii isaan kennan.
219:29; 20:4 Markaba gara Adiraamixiisii daangaa Isiya'aatiin deemuuf ta'u keessa seennee achii kaane. Namichi Maqedooniya'aa Arixirokkoosiin Tasolonqe'eellee nu woliin ture.
324:23; 28:2 Bariisaa gara Siidoona'aa yoo geennu, Yuuliyoos Phaawuloosiif garaa laafee akka inni gara firoota ufii dhaqee waan isa barbaachisu akka isaa fidaniif hoffolcheen.
4Achii kaaneeti bubeen afoo keennaan waan turteef qophiroositti daadayannee deemne.
5Haga Galaana Kiliqiya'aa fi Phiinfiliyaa bira jiru haga ceeneen maayessa gara muraa Luuqiyaa keessa jiruu geenne.
6Ajajaan loltuu dhibbaa markaba Iskindiriya'aa dhuftee gara Ixaaliya'aa deemtu argeeti isii nu yaabbise.
7Guyyaa hedduu suuta jedha'aa deemnee rakkinnaan gara kolba Qeendoosii geenne. Bubbeen waan nu dhooggeef Qerxeesitti daadayannee kolba seelmuuna'aatiin deemne.
8Rakkinnaan qaccee irra lufnee gara qachaa michuu jedhamtuu ta qachaa Lalisiya'aatitti dhiyaattutti dhufne.
927:22; Seera Leewwotaa 16:29-31; Qor. 2ffaa 11:25-26 Hennaa dheera'aan maayessa, hennaan soomaa amma waan lufeeruuf markabaan deemuun waan nama sodachiisuuf.
10Phaawuloos, «Namoota nana, deemsa kana keessa miidha'aa fi badiin guddaan akka ta'u arga'aara; badiinillee jireenna mataa keennaa qofa uduu hin ta'in, fe'a'aa fi markaba irratti jedhee isaan gorse.
11Ajajaan loltuu dhibbaa ammoo ka Phaawuloos dubbate caalaa ka markaba oofuuf abbaa markabaa amana.
12Buufata san irra turuun waan isaanii hin tolleef garri caalaan yoo isaanii danda'ame dhiya irraa mirgaa fi bita'atti gara galanii gara kolba finiqee jedhamtuutiin gara buufata qarxeesii gayanii achi turanii achii ka'u'uuf mari'atan.
Dambaliin Galaana Irratti Ka'e13Qilleensi haphiin bita'aa hennaa bubbise akka yaada isaanii waan ta'e isaanitti fakkaatee, ka'anii qaccee Qeerxeesiitiin lufan.
14Haata'uu ammoo guddaa uduu hin turin danbaliin Awuraaqis jedhamu achitti markaba isaaniititti bu'e.
15Markabnillee fudhatamee bubbee injifatee deemuu waan hin dandeenneef, gadhiifnee oofamne.
1627:30 Hulee bisaaniin marfamte ta Qeedaa jedhamtutti daadayannee markabattii hunnaan tooyanne.
17Gara goobaa haga baasaniin maayii markaba haadaan hidhanii jabeessanii gara hulee xindhacha sirtiis jedhamtuu akka hin kufne sharaa buusanii qilleensaan oofaman.
18Bubbeenillee jabaatee nu dhiphifnaan bariisaa lamu'uu fe'aa irraa gara galaanaa darban.
19Guyyaa sadaffa'aa meeshaa markaba keessaa harka keennaan daddarbine.
20Guyyaa heddu adu'uu fi addeessa uduu hin argine hennaa bubbeen guddisee nutti jabaatu sirimaa abdiin hin hafna jedhu maruu nu keessaa dhumate.
21 27:33-38 Uduu hin nyaatin guyyaa heddu haga turaniin maayii, Phaawuloos jidduu isaanii dhaabatee akkana jedhe, isin namoota nana uduu na dhageettaniirtan ta'ee, Qeerxeesii kaatanii rakkoon kun martii silaa isin irra hin gayu ture.
2227:10, 31 Ammallee jabaadhaa'a jedhee isin gorsa. Markaba kana malee isin keessaa lubbuun tokkollee hin baddu.
23Halkan edaa Maleekkaan Waaqaa ka Waaqa ani ka isaa ta'ee fi ka ani kaddaamuu na bira dhaabatee,
2423:11 ‹Phaawuloos, hin sodaatin! Qeesaariin afoo hin dhaabatta. Rabbi kunoo namoota sii woliin deeman maraa sii keenneeraa› naan jedhe.
25Kanaafuu isin namoota kiyya jabaadhaa'a akkuma natti dubbate akkasuma akka ta'u Rabbiin waan amanuuf.
2628:1 Haata'uu ammoo gara lafa bisaaniin marfamtee gawuu nu barbaachisa.
27Halkan kudha arfaffa'aatitti galaana Adriiya'aatitti hennaa garanaa fi garasi oofamnu worri markaba oofan halkan qixxee gara lafa woyii waan dhiyaatan isaanitti fakkaate.
28Haada bikkanii yoo gad dhiisan akka hojjaa namaatiin diddama akka ta'e arganii, diqqoo turanii lammaffaa yoo darban hojjaa namaatiin kudha shan akka ta'e argan.
29Gara hulee dhagaa qabuu akka hin kufne sodaatanii markaba duubaan sibiila ulfaataa gad buusanii uduu guyyaa ta'ee jedhanii hawwan.
30Worri markaba oofan markaba keessaa dheessuu barbaadanii sibiila ulfaataa markaba afo'oon gad buusanii isarraan bidiruu gara galaanaa hennaa buusan,
3127:22 Phaawuloos ajajaa loltuu dhibbaatii fi loltootaan, «Kunniin markaba keessa yoo hin turre, isin hafuu hin dandeettan» isaaniin jedhe.
32Hennaa san loltoonni haada bidiru'uu muranii akka kuftu gad dhiisan.
33Hennaa lafti bari'e Phaawuloos akka hurbaata nyaatan isaan maraa kadhata'aa ture. Akkana isaaniin jedhe, uduu eeddan uduu hin nyaatin, qooqa haga teettan adhi guyyaa kudha arfaffa'a.
34Saamu'eelii 1ffaa 14:45; Saamu'eelii 2ffaa 14:11; Luq. 12:7; 21:18 Kanaafuu akka hurbaata nyaattan isin kadhadha, kunillee akka jiraattaniif isinii ta'a; isin keessaa rifeensi mataa nama tokkollee hin badu.
35Luq. 9:16; 22:19; 24:30; Qor. 1ffaa 11:23-24 Kana jedhee buddeenallee fuudhee isaan maraa afo'otti Rabbiin galatoonfatee kutatee nyaatuu jalqabe.
36Maruu jajjabaatanii ufumaa hurbaata fudhatanii nyaatan.
37Namoonni markaba keessa jiran, nama dhibba lamaa fi torbaatamii jaha.
38Haga nyaatanii quufaniin maayessa qamadii gara galaanaa darbanii markaba irraa salphifatan.
Caccabuu Markaba Gudda'aa39Haga lafti barite huleen sun eessa akka taate hin beenne, Haata'uu ammoo lafa lolaan seenu ka xindhachaa arganii garas dhiibu'uuf kutatan.
40Sibiila ulfaataa sani hiikanii galaana keessatti gadi dhiisan; hennama san haada muka markabaa hiikanii sharaa diqqoo qilleensaaf ol bananii gara qacce'ee laalanii deemu jalqaban.
41Haata'uu ammoo bakka galaanni lamaa itti wolgayuutti kufanii markaba daangaa irra oofanii uf afo'oon lafa gad woraanee socho'uu dide; duubaan ammoo dhiibbaa danbali'iitiin caccabuu jalqabe.
42Loltoonni worra hidhaman keessaa tokkollee daakee akka isaan jalaa hin baane ajjeesu'uuf mari'atan.
4327:22-25 Ajajaan loltuu dhibbaa ammoo Phaawuloosiin hambisuu yaadee marii isaanii dhoogge. Worri daakkaa beekan ammoo markaba irraa gad uf dhiisa'aa, dursanii gara lafaa akka bayan,
44Worri hafan wodhakkaan saanqa'aan, gariin ammoo markaba cabeen akka bayan ajaje. Akkasumaan maruu nagayaan gara lafaa gayan.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.