1 14:6-9 Laagaa addaa ka namootaatii fi ka maleekkotaatiiniillee yoo dubbadhe, jaalala ammoo yoo hin qabaanne, akka sibiila shakashaka jedhuuti.
2Mat. 17:20; 21:21; Mar. 11:23 Raaga dubbachuu yoo qabaadhe, dhossaa maraaf beekkomsa maraa yoo beeke, haga gaarran hule'ee kaasuutti amantaa maraa yoo qabaadhe, jaalala ammoo yoo hin qabaanne duwwa'a.
3Mat. 6:2 Hiyyeeyyii nyaachiisu'uuf, waan qabu maraa yoo qoode, foon kiyyallee yoo ibiddaaf kenne, jaalala ammoo yoo hin qabaanne, womaa hin fayyadu.
4 Yaq. 3:17 Jaalaltti hin obsiti, hin arjoomti, jaalaltti hin hinaaftu, jaalaltti uf hin jajju,
510:24; Rom. 15:1-2; Filph. 2:4, 21 Waan hin taane hin hojjattu, waan ufii hin barbaadduu, hin biibboftu, hin aartu, gadoo hin laakkayattu.
6Rom. 12:9 Dhuga'atti gammaddi malee, waan dharaa irratti hin gammaddu.
7Kitaaba Fakkeennaa 10:12; Rom. 15:1 Maraa obsiti, maraa amanti, maraa abdii godhatti, waa maraa hin ciniinnatti.
8Jaalalti hennaa maraa hin kuftu, raaguun ammoo hin hafa, laagaa harawwaniin dubbachuun hin hafa, beekkomsallee yoo ta'e hin bada.
9Wonti nu beennu hago'o, raaga keessaallee hagoo waan dubbannuuf.
10Inni guutuun yoo dhufe, hagoon sun hin hafa.
11Hennaa ijoolle'ee, akka ijoolle'ee dubbadha, akka ijoolle'ee yaada, akka ijoolle'eetitti laakkaya, haga ka'imoome ammoo amala kiyya ka ijoollumma'aa dhiiseera.
128:3; Seera Laakkobsaa 12:7; Qor. 2ffaa 3:18; 5:7; Yoh. 1ffaa 3:2 Adha akka waan ufargaa dimimmisaa keessa laaluuti; hennaa san ammoo addaata'atti wol argina. Wonti amma beeku hago'o. Hennaa san ammoo anillee akkasuma akka beekkame hin beeka.
13 Qol. 3:14; Tas. 1ffaa 1:3; Ibr. 10:22-24; Yoh. 1ffaa 4:16 Yoo akkana ta'e amantiin, abdiiniif jaalalti kunniin sadiin jabaatanii jiraatan, kanniin maraa ka caalu jaalala.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.