1 Mat. 5:48; Luq. 6:36 Eeganaa akka ijoollee jaalatamaniititti Rabbiin faanaa deemaa'a.
2Yoh. 13:34; Gal. 2:20; Ibr. 9:14; Seera Bawu'uu 29:18; Kitaaba Faarfanna'aa 40:6 Akkuma Kiristoos isin jaalate, kenna'aa fi ciincaa urgaayaa uf godhee Rabbiif uf kenne, isinillee jaalalaan jiraadhaa'a.
3Qol. 3:5; Qor. 1ffaa 6:18-19 Wonti woyyootaa hin taane, seebaruun, battumma'aa fi dharra'uun isin biratti sirimaa hin dhagayamin.
4Wonti nama saalfachiisu amshaagguunii fi haasofni ceem'aaniif shaqqaaddiin fa'a waan hin barbaachifne waan ta'eef, isin biratti hin argamin. San caalaa ammoo worra galataa ta'aa'a.
5Qor. 1ffaa 6:9-10; Hu. Er. 8:21; Mudh. Yoh. 21:8 Waan kana beekaa'a, seebara yoo ta'e yookiin battii yookiin ka dharra'u, ka waaqa tolfamaa kaddaamullee, Kiristoosiif jeennata Rabbiititti ristii hin qabu.
62:2; 4:14; Rom. 1:18; Qol. 2:3-4; 3:6 Sababaa kanaaf ijoollee hin ajajamne irratti lolli Rabbii waan dhufuuf, eennullee dubii duwwa'aan isin hin sobin.
7Qor. 2ffaa 6:14 Eeganaa namoota akkanaa woliin tokko hin ta'inaa'a.
82:11, 13; Filph. 2:15; Phex. 1ffaa 2:9 Dura dukkana keessa turtan; amma ammoo Goofta'aan worra ifaati.
9-10Mat. 5:14; Yoh. 12:36; Tas. 1ffaa 5:5; Gal. 5:22 Daraaraan ifaa mishummaa, qajeellumma'aa fi dhugaa mara uf keessaa waan qabuuf. Kanaafuu waan Gooftaa gammachiisu qora'atii, akka ijoollee ifaatitti jiraadhaa'a.
11Qor. 2ffaa 6:14 Hujii dukkanaa ka daraaraa hin qabne woliin wol hin ta'inaa'a, caala'atti ammoo isaan ifatti baasaa malee,
12Waan isaan dhossa'atti godhan dubbachuunuu nama saalfachiisa.
13Yoh. 3:20-21; Qor. 1ffaa 4:5 Maruu ammoo ifatti hennaa baye addaataa mudhata.
14Isaayyaasii Raatticha 26:19; 60:1-2; Yoh. 8:12; Rom. 13:11 Ka mudhatu maruu ifa waan ta'eef,
«Ati ka raftu, dammaqi!
worra du'an keessaa ka'i;
Kiristoosi si'iif ibsa» jedhame.
15 Mat. 10:16; Yaq. 3:13 Eeganaa akka Ogeeyyi'iititti malee, akka worra ogummaa hin qabneetitti hin jraatinaa'a, attamitti akka jiraattan uf eegaa'a.
16Qol. 4:5 Guyyoonni hammeeyyii waan ta'aniif, carraa qabdan maratti fayadamaa'a
175:10; Rom. 12:2 Kanaaf fedhiin Rabbii maal akka ta'e hubadhaa malee, gowwoota hin ta'inaa'a.
18 Luq. 21:34; Kitaaba Fakkeennaa 20:1; 23:20, 29-35 Ayyaana Woyyu'uun guuttamaa malee, daadhii woyini'iitiin hin machaayinaa'a, kun xaarii waan ta'eef.
19Kitaaba Faarfanna'aa 33:2-3; 96:1; Qol. 3:16; Yaq. 5:13 Faaruu faarfachu'uun weedduu Ayyaanaatiin woliin qaaqaa'a. Goofta'aaf garaa keessan keessatti weeddisa'aa faarfadhaa'a.
20Qol. 3:16-17 Hennaa maraa waan maraafuu maqaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin Waaqa Abbaa keenna waa maraafuu galateeffadhaa'a.
Abbaa Manaatii Fi Haadha Manaa21 Mat. 20:26; Phex. 1ffaa 5:5 Isin martinuu ulfinna Kiristoosiitiif jedha'aatii, wolii ajajamaa'a.
22 Seera Uumamaa 3:16; Qol. 3:18; Phex. 1ffaa 3:1 Haawwota manaa! Akkuma Goofta'aa ajajamtan abbaa manaa keessanii ajajamaa'a.
231:22-23; Qor. 1ffaa 11:3; Qol. 1:18 Akkuma Kiristoos woldaa Kiristaanaatii mataa ta'e, nafa ufii woldaa Kiristaanaa akkuma fayyise, abbaan manaa mataa haadha manaati.
24Akkuma woldaan Kiristaanaa Kiristoosii ajajamtu, akkasuma haatii manaa ammoo waa maraanuu abbaa manaa ufiitii haa ajajamanii.
25-26Qol. 3:19; Phex. 1ffaa 3:7 Isinillee abboonni manaa! Akkuma Kiristoos woldaa Kiristaanaa jaalate, haadha manaa teessan jaaladhaa'a. Inni Woldaa Kiristaanaa dubbii ufiitiin bisaaniin dhiqee qulqulleessee Rabbii Woyyoomsu'uuf kana godhe.
271:4; Qol. 1:21-22; Qor. 2ffaa 11:2 Xurii yookiin fula qonshooruu yookiin waan akkana jiru uduu isii irratti hin taane, woyyitti'iif ta mudaa hin qabne akka taatu, woldaa Kiristaanaa kabajjamtuu ta ufii godhatuu barbaade.
28Akkasuma abbaan manaa akka nafa ufiitiiti haadha manaa isaanii jaalachuun isaan barbaachisa. Ka haadha manaa ufii jaalatu uf jaalata.
29-301:23; Rom. 12:5; Seera Uumamaa 2:23 Eennullee ka nafa ufii jibbu waan hin jirreef, akkasuma ammoo qaama nafa isaa waan taaneef, akkuma Kiristoos woldaa Kiristaanaatiif godhe, hin nyaachisa, hin eega.
31 Seera Uumamaa 2:24 Kanaafuu namni haadhaa fi abbaa ufii hin dhiisa, haadha manaa ufiititti maxxana. Isaan lamaanuu foon tokko ta'an.
32Qor. 2ffaa 11:2; Mudh. Yoh. 19:7 Kun dhossaa gudda'aa, ani ammoo kana waan Kiristoosiitiif waan woldaa Kiristaanaatiif jedha.
33Ta'ullee isin keessaa akkasuma ammoo marti keessanuu akkuma uf jaalattanitti haadha manaa teessan jaaladhaa'a; haati manaallee abbaa manaa ufii haa kabajjituu.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.