1Eeganaa jaalatamtoota kiyya dubbii abdi'ii kana yoo qabaanne, sodaa Rabbiitiin woyyummaa guutuu godhu'uun waan nafa kennaaf ayyaana keenna batteessu maraa irraa uf haa qulqulleessinuu. Isin garaa keessan nuu badhisaa'a.
Gammachuu Phaawuloosii2Isin garaa keessan nuu badhisaa'a, nu eennuunillee hin yakkine. Eennuunillee hin miine eennuunillee hin sobne.
3Kana murti'iif hin jedhu, tokkumma'aan du'u'uuf tokkumma'aan jiraachu'uuf, garaa keenna keessa akka jirtan firrisee jedheera.
4Waan keessaniif amantaan kiyya gudda'a, sababaa keessaniif guddisee boona; guddisee jajjabaadheera; rakkoo keenna maraa keessatti ani hin gammada.
52:13; 4:8; Hu. Er. 20:1-2 Hennaa gara Maqedooniya'aa dhufne waa maraanuu rakko'otu nu irra gaye malee, hara hin baafanne. Diida lolatu jira; keessa ammoo soda'atu jira.
6Haata'uu ammoo Waandhi worra gaddan jajjabeessu dhufa Tiito'ootiin nu jajjabeesse.
7Tas. 1ffaa 3:6-8 Dhufuu isaa calla'aanii miti. Haata'uu ammoo, nuu yaaduu keessaniif booyicha keessan waan kiyyafillee hinaafuu keessan hennaa inni nutti himu, jajjabeenna nu isiniin jajjabaanneen akkasuma ka duraa caalaa gammanneerra.
8Dhaamsi kiyya yoo isin gaddisiisee jiraate hin gaabbu, yoo gaabbellee dhaamsi sun hennaa diqqo'oof qofa akka isin gaddisiisee waan arga'aaruuf.
9Amma ammo gammadeera, wonti gammadeef waan isin gaddisiiseef uduu hin taane, sababaa gadda keessaniitiif aagii galtanii waan jijjiiramtaniif.
10Mat. 5:4; 26:75; 27:3-5; Luq. 15:17-24 Gaddi akka fedha Rabbii ta'e, ka gaabbiin keessa hin jirre, waan aagii gara fayyinnaa nama geessu ta'eef. Gaddi adunyaa tanaa ammoo du'a fida.
11Gaddi akka fedha Rabbii ta'e kun jabaachuu attamii, deebii attamii, lola attamii, sodaa attamii, yaaduu attamii, hinaaffaa attamiitii fi gadoo bayuu attamii isin jiddu'utti godhe. Waan kanaan woyyoota akka taatan waan maraanuu hubachiiftaniirtan.
12Eeganaa waan isinii barreessellee yoo ta'e, jabeenni waan keennaaf qabdan; isin biraa Rabbiin afo'otti akka mudhatuuf malee, waan ka yakkeetii fi yookiin waan ka yakkamee hin barreessine.
13Kanaaf jajjabaanneerra. Waan jajjabaachuu keennaatii fi waan gammachuu Tiito'ootiif guddifnee gammanne. Qalbiin isaa isinitti waan harabaafateef.
14Isaaf waan keessaniif yoo dhaadadhe waan hin saalfanneef, haata'uu ammoo waa maraa isinitti dhuga'aan akka dubbanne akkasuma ammoo boonuun keenna afoo Tiito'ootitti dhugaa ta'e.
15Kanaaf soddachu'uu fi hollachu'uun attamitti akka isa simattan ajajamuu keessan maraa yaada'aa jaalalti inni isiniif qabu kana caalaa eda'ameera.
16Waan maraanuu waan isin abdadheef guddisee gammadeera.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.