1-2 Rom. 1:1 Phaawuloos garbicha Rabbiitii fi ergamaan Yesuus Kiristoosii, worra Rabbiin filatamaniif akka amantaa isaanii ta'u, abdii bara baraatii fi akka kaddaamuu dhuga'aa beekaniif ka ergame; waan jireenna kanaatiif Rabbiin hin sobne baroota hedduun duratti abdii kenne.
3Xim. 1ffaa 1:11; 2:6-7; Efe. 1:9-10 Hennaa barri gaye akkuma qorichi keenna Rabbi ajajee yaboon naa kenname dubbii lallaba Oduu Nagayaa naa kennameen dubbii ufii ibse.
4 Qor. 2ffaa 8:23; Gal. 2:3; Xim. 2ffaa 4:10 Tokkummaa amanta'aatiin Tiitoo ilma kiyya ka dhuga'aatiif:
Rabbi Abbaan, qoricha keennaa fi Gooftaa Yesuus Kiristoosiin irraa badhaani, araaraa fi nageenni sii haata'u.
Tiitoon Qarxeesiin Keessatti Hojjate5 Hu. Er. 14:23; Xim. 2ffaa 2:2 Sababaa kanaaf waan hafe akka karaa qabsiiftu, qachoota maraa keessatti akkuma ani si ajaje woldaa Kiristaanaa keessattillee manguddoota akka muuddu Qarxeesitti si dhiise.
6Xim. 1ffaa 3:2-7 Manguddoonni Woldaa Kiristaanaa ka mudaa hin qabne, haadha manaa tokkotti'ii fi ka ijoollee amanan qabu, waan adaba dhabu'uutii fi ajajamu diidu'un ka hin himatamne yoo jiraate, muudi.
7Qor. 1ffaa 4:1-2; Xim. 2ffaa 2:24; Phex. 1ffaa 5:2 Bulchaan woldaa Kiristaanaa mana Rabbii ka mudaa hin qabne, ka hin koorre, ka hin lolle, ka hin machoofne, ka hin morminee fi waan shinga'aa ka hin jaalanne,
8Ka keessummaa simatu, ka waan mishaa ta'e jaalatu, ka uf eegu, qajeelaa, woyyu'uu fi ka uf qabu haa ta'uu.
9Xim. 1ffaa 3:2-7 Akkasuma barumsa jireenni keessatti argamuun gorsu'uu fi worra morman dogoggora isaanii itti hime deebisuu akka danda'uuf, akkuma barate dubbii amaname saniin haa jabaatuu.
10 Hu. Er. 15:1 Worra hin ajajamne, ka waan duwwaa qaaqanii fi soban, keessattu gosa worra gaadoomanii keessaa heddu.
11Xim. 2ffaa 3:6; Phex. 1ffaa 5:2 Kunniinillee waan shinga'aatii fi waan ta'uu hin barbaachifne barsiisa'aa, maatii maraa waan dogoggorsaniif afaan isaanii cufuu barbaachisa.
12Isaanuma keessaa raanni tokko, «Namoonni Qarxeesii hennaa maraa kijibdoota, busaayaa hama'a, nyaattootaa fi worra hujii hin qabne» jedheera.
13-14Xim. 2ffaa 4:2 Ragaan kun dhuga'a; Sababa kanaaf mammaaka Yihuudotaatii fi ajaja worra dhugaa irraa fagaatanii akka hin caqafne worra amanta'aan fayye akka ta'an jabeessii isaan gorsi.
15Mat. 15:11; Rom. 14:14, 20 Worra qulqullu'uu fi wonti martuu qulqullu'u. Worra battaayanii fi hin amannee ammoo, wonti qulqulluu ta'e womaa hin jiru. Haata'uu ammoo qalbi'ii fi yaanni isaanii battaayeera.
16Xim. 2ffaa 3:5, 17 Isaan Rabbiin beenna jedha'aa ifa dubbatan. Haata'uu ammoo worra nama jibbisiisuu fi worra hujii mishaa hojjachuu hin dandeenne waan ta'aniif, hujii ufiitiin isa ganan.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.