Hujii Ergamootaa 13 - WAADAA LAMMATAA

Baarnaabaasii Fi Saa'ol Ergaman

1 11:20-27 Woldaa Kiristaanaa ta Anxookiyaa jirtu keessa, raattootaa fi barsiisootatu jira. Isaanillee, Barnaabaas, Simoonii «Gurraacha» jedhamu Luukiiyoos biyya Qareena'aa Heroodisii bulchaa kutaa arfaffa'aa, hiriyyaa isaa Minaahee fi Saa'ooliin fa'a.

29:15; Gal. 1:15-16 Isaan kunniinillee Gooftaa kaddaama'aa hennaa sooman, Ayyaanni Woyyuun Barnaabaasii fi Saa'ooliin hujii ani isaan waameef naa fooyaa'a jedhe.

36:6; 14:23 Hennaa san soomanii faateffatanii haga harka isaan irra kaayaniin maayii huji'iif isaan ergan.

Barnaabaasii Fi Saa'ool Qophiroositti Lallaban

4 15:39 Isaanillee Ayyaana Woyyu'uun ergamanii gara Selewiqiya'aa dhaqan. Achiillee Markabaan gara Qophiroosii deeman.

512:25; 13:13; 15:39 Hennaa Silmaanaa turan, mana sagada Yihuudi'iititti dubbii Rabbii lallaban; tajaajilaan Yohaannis isaan gargaaru'uuf isaan woliin ture.

6Lafa bisaaniin marfamte san maraa haga Phaafa'aa hennaa deddeeman mortuu Baaryasuus jedhamu raatticha sobaa nama Yihuudi'ii tokko argan.

7Innillee nama waa hubatu Sergiyoos Phaawuloos jedhamu ka biyya bulchu woliin ture. Innillee dubbii Rabbii dhagayuu barbaadee, Barnaabaasii fi Saa'ooliin gara ufii waame.

8Xim. 2ffaa 3:8 Mortichi ka maqaan isaa Elimaas jedhamu ammoo bulchaan biyya sanii akka hin amanne fedheeti isaan morme.

9Phaawuloos ka jedhamu Saa'ool ammoo Ayyaana Woyyuu keessa ta'ee, namicha moru guuttatee laalee,

10«Ati ka dhartinii fi hammeenni marti si keessa guute; ilma daabiloosii! Diina dhuga'aa! Karaa Goofta'aa micciiruu hin dhiiftuu?

119:8; 22:11 Amma harki Goofta'aa si dhaya; jaamaa taata; haga henna'aatiif ifa hin argitu» jedheen.

Hennama san hurriinii fi dukkanti itti buutee, nama harkaan qabee isa masakku soqa'aa tafaafure.

12Hennaa san bulchaan biyyaa waan ta'e haga arge barumsa Goofta'aatiin guddisee maalalfatee amane.

Baarnaabaasii Fi Saa'ool Pheerge'ee Fi Anxookiya'atti Lallaban

13 12:25; 15:37-39 Phaawuloosillee goshoota isaa woliin Phaafa'aa ka'eeti gara Phinifiliyaa Pheerge'etti aantuu dhaqe. Yohaannis isaan irraa fooyamee gara Yerusaalemii deebi'e.

14Isaan ammoo Pheergeeniin lufanii gara Anxookiya'aa fi gara Phisigiya'aa gayanii, guyyaa Sambataatiin gara mana sagada Yihuudotaa seenanii taa'an.

1515:21 Haga Kitaabni seeraatiif kitaabni raattootaa dubbifamaniin maayii bulchoota mana sagada Yihuudotaa isaanitti erganii, «Obboleeyyan teenna waan banii gorsitan yoo qabaattan mee dubbadhaa'a» jedhaniin.

1621:40 Phaawuloosillee ka'ee malkataan agarsiisee akkana jedhe.

«Namoonni Israa'eliitii fi worri Rabbiin sodaattan maruu dhagayaa'a!»

17Seera Bawu'uu 1:7; 6:1, 6; 12:51 Waandhi banii Israa'elii kun abboota keenna fooyatee, biyya Misiirii keessummummaa uduu jiran banii isaa ol ol qabe hunna isaa gudda'aan achii isaan baase.

18Seera Bawu'uu 16:35; Seera Laakkobsaa 14:34; Seera Keessa deebi'ii 1:31 Gammojjii keessatti woggaa afurtamaaf isaan nyaachise.

19Seera Keessa deebi'ii 7:1; Kitaaba Iyyaasu'uu 14:1-2 Biyya kana'aaniitii fi worra Yihuudii hin taane torba balleessee lafa isaanii isaan dhaalchise.

20Kitaaba Abboota Murti'ii 2:16; Saamu'eelii 1ffaa 3:20 Kanaan maayessa haga raatticha Saamu'eelii woggaa dhibba afuriif shantamaa abootii murti'ii isaanii kenne.

21Saamu'eelii 1ffaa 8:5; 10:21 Achiin maayii mootii isaan bulchu akka isaanii moosisuuf kadhataniin. Rabbi nama gosa Biiniyaamii keessaa ilma Qiisii Saa'oliin woggaa afurtamaaf isaanii kenne.

22Saamu'eelii 1ffaa 13:14; 16:12; Kitaaba Faarfanna'aa 89:20 Isallee haga buuseen maayii, Daawitiin isaan irratti mootii taasise; hennaa isaa ragaa bayu, ‹Nama akka garaa kiyyaa ta'e nama fedha kiyya maraa raawwatu ilma Isseyii Daawitiin argadhe› jedhe.

23Saamu'eelii 2ffaa 7:12; Isaayyaasii Raatticha 11:1 Fiixaa nama kanaa keessaa Rabbi akka dubbii abdii Isiraa'elii kenneetitti Yesuusiin fayyisaa fide.

24Mar. 1:4; Luq. 3:3 Dhufuu isaatiin dura Yohaannis durseeti banii Israa'elii maraaf cuuphaa aagi'ii lallaba'aa ture.

25Mat. 3:11; Mar. 1:7; Luq. 3:16; Yoh. 1:20, 27 Uduu Yohaannis tajaajila isaa raawwatu, «Ani eennuun akka ta'e na hubattanii? Ani isaa miti. Haata'uu ammoo ka miseensa kophee luka isaa hiikuun naaf hin malle anaan maayii hin dhufa jedhe.

26«Isin obboleeyyan teenna, fiixaa ijoollee Abrahaamiitii fi isin keessaa worra Rabbiin sodaatan, dubbiin fayyiinsaa kun isinii ergame.

27Namoonni Yerusaalem jiraatanii fi bulchoonni isaanii dubbii raattotaa ka Sambata dubbifamu hubachuu waan dadhabaniif akka dubbii raattotaatitti isatti murteessan.

28Mat. 27:22-23; Mar. 15:13-14; Luq. 23:21-23; Yoh. 19:15 Yoo sababaa du'aaf isa geessullee hin argine, Philaaxoos dursee akka isa ajjeesu kadhataniin.

29Mat. 27:57-61; Mar. 15:42-47; Luq. 23:50-56; Yoh. 19:38-42 Waan isaatiif waan barreeffame maraa haga raawwatan, fannoo irraa buusanii awwaalan.

303:15 Rabbi ammoo worra du'an keessaa isa kaase.

311:3; 10:40-41 Banii biratti worra ragaa ta'aniif isa woliin Galiila'aa gara Yerusaalemii worra bayanitti guyyaa hedduu isaanitti mudhate.

3213:23; Kitaaba Faarfanna'aa 2:7 Nullee abdii abbootaa inni kenne oduu gammachu'uu isinitti himna.

33Abdii kana inni faaruu lammaffa'aa keessatti,

‹Ati ilma kiyya,

Ani adha si uumadhe› jedhamee akkuma barreeffame, Yesuusiin nuu kaasee nu'u ijoollee isaaniitiif raawwate.

34 Isaayyaasii Raatticha 55:3 Akka hin shamnee fi worra du'an keessaallee akka isa kaasee ka akkanatti amaname,

‹Abdii Daawitii woyyichaa isinii kenna› jedheera.

35 Kitaaba Faarfanna'aa 16:10 Deebi'ee hulee biraatittillee woyyuun akka shamuuf hin dhiiftu waan jedhuuf.

36Mootota 1ffaa 2:10; Kitaaba Abboota Murti'ii 2:10 Daawitillee bara isaatitti fedha Rabbii haga tajaajileen maayii du'ee, abbooti'iin wolitti eda'amee shame.

37Ka Rabbi kaase kun ammoo hin shamne.

3810:43 Eeganaa obboleeyyan tiyya, karaa isaatiin dhiifamsi cubbu'uu akka isinii ta'uuf, Seera Muuse'eetiin qajeellota ta'uu hin dandeenne.

39Rom. 10:4 Ka isatti amanu maruu isaan akka qajeellota ta'an isin biratti ka beekkame haata'u.

40Eeganaa,

‹Isin worri tuffattan laalaa'a, maalalfadhaa'a! badaa'a!

waan tokko yoo isinitti hime hujii isin hin amanne,

bara keessanitti ani waan hujuuf› jedhamee

41Imbaaqoomii Raatticha 1:5 Wonti raattotaan dubbatame akka isin irra hin geenne uf eegaa'a!» jedhe.

42Hennaa bayan waan kana Sambata dhufu akka isaanitti himu kadhataniin.

4311:23; 14:22 Gumiin haga adda yaa'een maayessa, Yihuudonninii fi worri gara Yihuudi'ii seenanii kaddaaman hedduun isaanii Phaawuloosii fi Baarnaabaasiin faanaa deeman. Isaanillee badhaadhummaa Rabbiitiin jabaatanii akka jiraatan isaan hubachisan.

44Sambata lammaffa'aa namoota hago'oon ala namni qachaa sanii maruu dubbii Rabbii dhagayu'uuf wolgayan.

4514:2; 17:5 Yihuudonnillee banii heddu hennaa argan hinaaffa'aan guuttamanii isaan abaara'aa dubbii Phaawuloos dubbatu morman.

463:26; 18:6; Mat. 10:6 Phaawuloosii fi Baarnaabaas, «Firrisa dubbii Rabbii ifa baafnee isinitti himuu barbaachisa; Yoo dhiibdan, dubbiin jireenna bara baraa akka isiniif hin taane yoo gootanii fi yoo ufitti murteessitan, nu ammoo gara worra Yihuudota hin taanee deebina.

47Isaayyaasii Raatticha 42:6; 49:6 Akkasuma Gooftaan,

‹Haga daangaa dhuma lafaa fayyinnaaf akka taatu,

Worra Yihuudota hin taaneef ifa si taasiseera› jedhee waan nu ajajeeruuf» jedhan.

48Worri Yihuudota hin taanellee dhagayanii gammadanii dubbii Rabbiillee kabajjan. Worri jireenna bara baraatiif qophaayan maruu amanan.

49Dubbiin Goofta'aa biyya maraa keessatti babadhate.

5017:4-5 Yihuudonni ammoo, worra kaddaaman, dubartoota kabajjamaanii fi bulchoota qachaa booressan Phaawuloosii fi Baarnaabaasiin irratti lola kaasanii biyya isaaniitii baqachiisan.

51Mat. 10:14; Mar. 6:11; Luq. 9:5; 10:11 Isaan ammoo daaraa luka isaanii ufirraa dhadhayatanii, gara Iqooniyoonii dhuqan.

52Darasoonnillee gammachu'uu fi Ayyaana Woyyu'uun guuttaman.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help