1 15:24; Seera Leewwotaa 12:3; Gal. 5:2 Gari gariin Yihuuda'aa gad bu'aniiti, «Akka Seera Muuse'eetitti yoo hin gadoomne fayyuu hin dandeettan» jedha'aa obboleewwan barsiisan.
211:30 Hennaa Phaawuloosii fi Baarnaabaas isaan jiddu'utti mormiin ka'e, waan wol mormii Phaawuloosii fi Baarnaabasiitiif isaan keessaa gari gariin namoonni biraallee gara ergamtootaa fi gara manguddootaa gara Yeruusaalemii akka bayan murtaye.
3Woldeenni kiristaanaa karaa irratti isaan gargaara'aa isaanillee akka worri Yihuudii hin taane gara Rabbii deebi'an isaanitti hima'aati Finiqe'ee fi Samaariyaa keessa lufan obboleewwan maruu guddisanii gammadan.
4Hennaa Yerusaalemiin gayan, woldaan Kiristaanaatii fi ergamoonni manguddoonillee isaan simatanii waan Rabbi isaan irraan godhe maraa odeessan.
5Gosa Fariisotaa keessaa, «Worri amanan gari gariin ka'anii akka gadoomanii fi akka seera Muuse'ee eegan isaan ajajuu barbaachisa» jedhan.
6Ergamtoonninii fi manguddoonni waan kana mari'achu'uuf wolgayan.
710:1-43 Haga guddisanii wol mormaniin maayessa Pheexroos ka'ee akkana isaaniin jedhe, obboleewwan tiyya worra Yihuudii hin taane afaan kiyyarraa Oduu Nagayaa dhagayanii akka amanan Rabbi bara hago'oon dura isin keessaa akka file isinuu hin beettan.
8Hu. Er. 2:4; 10:44 Waandhi yaada namaa beeku akkuma Ayyaana Woyyuu nuu kenne isaaniillee kennu'uun ragaa isaanii baye.
910:34-35 Qalbii isaaniillee amanta'aan hennaa qulqulleessu nuuf isaan wol hin caalchifne.
1015:19; Gal. 5:1 Eeganaa waan nu'u fi abbootiin teenna baadhatuu hin dandeenne qambaraa gurmuu darasootaa irratti fe'u'uun amma maaf haga Rabbii laaltan?
11Gal. 2:16; Efe. 2:5-8 Haata'uu ammoo badhaadhummaa Gooftaa Yesuus Kiristoosiitiin akkuma isaanii akka fayyinuu hin amanna.
12Baniin maruu hin cadhisse. Baarnaabaasii fi Phaawuloosillee waan Rabbi harka isaanititti worra Yihuudii hin taane jiddu'utti malkataa fi maalalee godhe maraa hennaa isaanitti himan dhagaya'aa turan.
13Haga isaan cadhisaniin maayessa Yaaqoob akkana jedhee deebise, obboleewwan tiyya na dhagayaa'a.
1415:7-9 Rabbi worra maqaa isaatiif ta'u worra Yihuudii hin taane keessaa fooyatu'uun dura attamitti akka isaan laale Simoon dubbateera.
15Waan kana woliin dubbiin raattotaa wol ta'a jedhame akkuma barreefame,
16 Amoosii Raatticha 9:11-12 ‹Achiin maayii namoonni hafanii fi
worri maqaa kiyyan waamaman worri Yihuudii hin taane maruu Gooftaa soqu'uuf hin deebi'an.
17Duukkaanaa Daawitii ta kuftellee
deebisee ijaara;
ka diiggamellee deebisee hin ijaara
deebisee dhaaba
jedha Gooftaan kana godhu.
18Dur irraa jalqabee hujiin maruu Rabbiin afo'otti ka beekkame.›
19«Kanaafuu worri worra Yihuudii hin taane irraa gara Rabbii deebi'an akka isaan hin rakkifne,
2021:25; Seera Uumamaa 9:4; Seera Bawu'uu 34:15-17; Seera Leewwotaa 17:10-16; 18:6-23 waaqolee tolfamaa, battummaa, seebaruu, horii ufiin du'ee fi dhiiga irraa akka fagaatan isaanii barreessu'uuf kutadheera.
2113:15 Muuseen dhaloota duraa irraa jalqabee Sambata Sambata mana sagada Yihuudotaatitti hennaa dubbisan qachaa maraa keessattu worra seera isaa lallaban» hin qaba.
Xalayaa Amantoota Yihuudota Hin Taaneef Barreeffame22Hennaa san ergamtoonninii fi manguddoonni woldaa kiristaanaa maraa woliin, isaan keessaa namoonni filataman Phaawuloosii fi Baarnaabaasiin woliin gara Anxookiya'aa akka ergaman hoffolchan. Isaanillee obboleewwan jiddu'utti worri ijoo ta'an Yihuudaa Beersiyaan jedhamuu fi Sillaasiin fa'a.
23Akkanatti barreessaanitti isaan irraan ergan. Ergamtoonninii fi manguddoonni obboleewwanillee Anxookiya'aa fi Sooriyaa worra Kiliqiyaa worra jiran obboleewwan gossa Yihuudii hin taaneef nagaya dhaamaniiru.
24Namoonni uduu nu isaan hin ajanye nu biraa ka'anii gadoomtanii seera Muuse'ee eegu'utu isin barbaachisa jedha'aa yaada keessan booressa'aa dubbi'iin akka isin raasan waan dhageenneef,
25Waan Goofta'aa, waan maqaa Yesuus Kiristoosiitii fi worra lubbuu isaanii kennan worra jaalannu Baarnaabasii fi namoota Phaawuloosiin woliin filataman,
26Gara keessan erguu yaada tokkoon woliigalle.
27Isaanillee akkasuma afaanuma ufiitiin woma san akka isinitti himan Yihuuda'aa f Sillaasiin ergineerra.
28-29Ciincaa waaqa tolfama'aa, dhiiga horii ufiin du'eetii fi seebaruu irraa akka fagaattan; ka barbaachisu kana malee fe'aa biraa akka isinitti hin feene nuuf Ayyaanni Woyyuun waan hin eeyyamneef waan kana maraa irraa yoo uf eeddan waan mishaa gootan; nagayaan jiraadhaa'a.
30Isaanillee nagayatti isaaniin jedhanii gara Anxookiya'aa bu'an; baniillee wolitti qabanii xalayaa isaanitti kennan.
31Hennaa dubbisan waan gorsa isaatiif gammadan.
3211:27; 13:1; 14:22; 18:23 Yihuudaanii fi Sillaasillee raattota waan ta'aniif guddisanii amantoota gorsanii jabeessan.
33Haga guyyaa hedduu taa'aniin maayessa obboleeyyanitti nagaya dhaamatanii gara ergamootaa deeman.
34Sillaas ammoo achi jiraatuu fedhe.
35Phaawuloosii fi Baarnaabaasillee namoota kaawwan heddu woliin akkasuma dubbii Goofta'aa barsiisa'aa, Oduu Nagayaa lallaba'aa Anxookiyaa keessa jiraatan.
Phaawuloosii Fi Baarnaabaas Gargar Bayan36Guyyaa hago'oon maayii Phaawuloos Baarnaabaasiin, «Deebineeti bakka dubbii Goofta'aa itti lallabne qachaa marattuu obboloota haa tooyannuu; attamitti akka jiran akka beennu» jedheen.
3712:12, 25 Baarnaabaasillee Yohaannisiin Maarqoos jedhamu deebi'ee isaan woliin akka deemu yaade.
3813:13 Phaawuloos ammoo inni isaan woliin akka deemu hin hoffolchineen, isaan biraa Phinfiliya'atti fooyamee waan tureef, gara huji'ii isaan woliin hin dhufne.
394:36; 13:4 Kanaafuu Phaawuloosii fi Baarnaabaas wol dhabanii adda bayan. Baarnaabaas Maarqoosiin fudhatee markabaan gara Qophiroosii deeme.
4014:26 Phaawuloos ammoo Sillaasiin filate, obboleewwan badhaadha Rabbiitiif yaboo haga kennaan maayii hin baye.
41Woldaa kiristaanaa jajjabeessa'aa Sooriya'aa fi Kiliqiyaa keessa deddeeme.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.