Ergaa Phaawuloos Gara Worra Filiphisiyuusii Erge 1 - WAADAA LAMMATAA

1 Hu. Er. 16:12; Qor. 2ffaa 1:1 Garboota Yesuus Kiristoosii Phaawuloosii Fi Ximootiwosiin irraa, worra qachaa Filiphisiyuusii keessa jiraatan, ka karaa Kiristoos Yesuusiitiin qajeelaa ta'an maraaf, akkasuma tooyattootaa fi gargaartoota woldaa Kiristaanaatiif:

2 Qor. 2ffaa 1:2; Qol. 1:2 Rabbi Abbaa keennaa fi Gooftaa Yesuus Kiristoosiin irraallee badhaadhaa fi nageenni isiniif haata'u.

Galataa Fi Faatee Phaawuloosii

3-5 Rom. 1:8; Qor. 1ffaa 1:4 Hennaa maraa kadhaa kiyyaan waan keessan maraa gammachu'uun Rabbiin kadhata'aa guyyaa duraatii jalqabee haga ammaa Oduu Nagayaa lallabu'uun na woliin waan hojjattaniif henna isin yaadu maraa Rabbi kiyya hin galateeffadha.

62:13; Qor. 1ffaa 1:6-8 Ka isiniin hujii mishaa jalqabe, haga guyyaa Yesuus Kiristoos deebi'ee dhufutti akka raawwatu kana waan hubadheeruuf.

7Isin waan garaa kiyya keessa jirtaniif, ani waan keessan maraaf akkana yaaduun kiyya dhuga'a. Hidhama kiyya keessattillee falmachuu kiyyaaf akka Oduun Nagayaa cimee dhaabatu godhuu kiyya keessatti, martii keessan Ayyaana naa kenname keessaa qoodamtaniirtan.

8Rom. 1:9-11 Jaalala Kiristoos Yesuusiitiin isin maraa attam akka yaade Rabbi naa raga'a.

9-11 Qol. 1:9; Film. 6 Ulfinnaa fi galanni Rabbiif, daraaraan qajeellumma'aa ka Yesuus Kiristoosiin irraa argamu isin keessa guutee, guyyaa gaafa Kiristoos dhufuutitti qophooftanii, qajeellootaa fi mudaa malee akka taataniif waan mishaa qorattanii akka jaalattan, jaalalti teessan beekkomsaa fi hubannaa maraan ka duraa caalaa guddatee akka badhatu ani kana isinii kadhadha.

Kiristoosiin Woliin Jiraachuu

12 Xim. 2ffaa 2:9 Obboleeyyan tiyya! kun wonti narra gayeef, dhugamaan Oduu Nagayaa badhisu'uuf akka ta'e akka beettan barbaada.

134:22; Hu. Er. 28:30 Kanaafuu hidhamuun kiyya waan Kiristoosiitiif akka ta'e Waardiyoota mana mootitti'iitii fi kaawwan maraa birattillee ifa ta'eera.

14Obboleeyyan Goofta'aan jiran, irra caalaan isaanii waan hidhaa kiyyaatiif amanamanii ka duraa caalaa dubbii Rabbii sodaa malee himuu uggan.

15Gari gariin hinaaffa'aa fi qoxxe'een falmu'uun kuuwwan ammoo fedhii mishaa waan qabaniif waan Kiristoosii himan.

16Kunniin akka ani waan Oduu Nagayaatiif ittisaa ta'ee muudame beekanii jaalalaan himan.

17Sunniin ammoo hidhama kiyya irratti rakkoo waan narratti fidan isaanitti fakkaatee, waan worra isaaniitiif fayyadu barbaadanii yaada qajeela'aan uduu hin taane, akanumaan waan Kiristoosii qaaqan.

18Womaa miti! Sobaan ta'ee yookiin qajeellumma'aan ta'ee, Kiristoos hin himama kanaaf gammadeera. Ammaa achillee akkasuma gammada.

19Qor. 2ffaa 1:11 Kun kadhaa keessanii fi kennaa Ayyaana Yesuus Kiristoosiitiin naaf fayyinna akka ta'u, waan beekuuf gammada.

20 Phex. 1ffaa 4:16 Kun Hawwii kiyyaa fi abdii kiyya waan ta'eef, Waan tokkottillee hin saalfadhu. Haata'uu ammoo lubbu'uun yoo jiraadhe yookiin yoo du'e, Kiristoos jireenna kiyya irratti akka ulfaatu jabeenna guutuu qaba.

21Gal. 2:20 Naaf jiruun Kirstoos, duutillee bu'aa kiyya.

22Haata'uu ammoo fooniin jiraachuun naaf daraaraa huji'ii waan ta'eef, maal akka filadhu hin beeku.

23Qor. 2ffaa 5:8 Waan lamaan kanaan dhiphata'aa deemee Kiristoosiin woliin jiraachu'uuf dharra'a. Inni maraa irra mishaa waan ta'eef.

24Haata'uu ammoo fooniin jiraachuun kiyya isiniif guddisee barbaachisa'a.

25Kanniin hubadheeti isin biratti deebi'ee jiraachuun kiyya, isin anaan dhaadachuun keessan, Yesuus Kiristoosiin keessatti akka guddatu.

26Qor. 2ffaa 1:14 Amanta'aan guddata'aa akka gammaddan, isin maraa woliin akka turu hin beeka.

27 2:2; 4:1; Qol. 1:10 Haata'uu ammoo dhufee uduu isin laalee yookiin uduu fagaadhee qalbii tokkoon waan amantaa Oduu Nagayaatiif falmata'aa Ayyaana tokkoon akka dhaabattan, waan jireenna keessanii akka dhagayuuf, Oduu Nagayaa ka Kiristoosiitiif akka ta'utti jiraadhaa'a.

28Tas. 2ffaa 1:4-5 Woma tokkoonuu worra isin mormu hin sodaatinaa'a. Kun isaaniif badi'i; isiniif ammoo malkata fayyinnaati. Kun waan Rabbiin irraa ta'e.

29Hu. Er. 5:41; Phex. 1ffaa 4:13 Kun waan Kiristoosiitiif, isinii waan kennameeruuf. Waan isaatiif akkasuma isatti amanuu callaa uduu hin taane, waan isaatiif akkasuma rakkinnillee isin irra gaya.

30Hu. Er. 16:19-40; Tas. 1ffaa 2:2 Rakkinnuma narratti dhageettanii fi argitan santu isin irrallee gayeera.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help