1Fisxoosillee gara godinaa seeneti guyyaa sadihiin maayii Qisaariya'aa gara Yeruusaalemii baye.
224:1; 25:15 Mangudoonni gadootaatii fi bulchoonni Yihuudotaa, Phaawuloosiin himatan.
323:15 Isaan karaa irratti riphanii Phaawuloosiin ajjeesu'uuf waan malataniif, akka inni isaan gargaaree isa Yerusaalemitti ergu Fisxoosiin kadhatan.
4Fisxoos ammoo, «Phaawuloos Qisaariya'atti akka eeganiin, innillee akka dafee achii deemu deebisee isaanitti hime.
5Eegsuu yoo namni kun dhara qabaate isin keessaa worri baallii qaban ana woliin bu'anii, haa himataniinii» isaaniin jedhe.
6Isaan bira guyyaa saddeetii yookiin kudhan taa'ee gara Qisaariya'aa gad bu'e. Bariisaa dhaddacha murti'ii irra taa'ee, Phaawuloosiin akka fidan ajaje.
724:5-6, 13 Hennaa dhiyaatellee, worri Yerusaalemii gad bu'an, Yihuudonni marsaniinii dhaabatanii, waan ittiin injifachuu hin dandeenne himannaa gudda'aa fi ulfaataa irratti kaasan.
8Phaawuloosillee hennaa falmatu, «Seera Yihuudotaa, mana woyyu'uutii fi Qeesaariinillee yoo ta'e waan tokko hin yakkine» jedhe.
9 24:27 Fisxoos ammoo Yihuudota gammachisuu barbaadee Phaawuloosiin, «Gara Yerusaalemii deemtee waan kanaaf afoo kiyyatti akka sii muramu feetaa?» jedhee deebiseef.
10Phaawuloos ammoo, «Ammumaa ani hulee murtee itti argadhu teesso murtee Qeesaarii afoo dhaabadheera. Akkuma attillee sirri'itti beettu, ani Yihuudota womaa hin yakkine.
11Eeganaa yakkee yookiin waan nama ajjeesisu godhee yoo jiraadhe, du'a jalaa ola hin jedhu. Yoo himannaan na himatan kun duwwaa ta'e ammoo, isaanitti dabarsee ka na kennuu danda'u eennullee hin jiru. Gara Qeesaarii iyyadheera» jedhe.
12Hennaa san Fisxoos worra isa gorsu woliin mari'atee, «Gara Qeesaarii ol'iyyatteertaa gara Qeesaarii deemta» jedhee deebiseef.
Phaawuloos Agriipha'aa Fi Barniiqee Afoo Dhiyaate13Guyyaa hago'on maayessa mootichii Agriipha'aa fi Barniiqeen Fiisxoosiin nagaya gaafachu'uuf gara Qisaariya'aa gad bu'an.
1424:27 Guyyaa hedduu waan achi taa'aniif, Fisxoos waan Phaawuloosii mootichaatti akkana jedhee ibseef, «Namichi Filiksi hidhee gad dhiisee deeme tokko asi jira.
15Uduu ani Yeruusaleemiin jiru, bulchoota gadootaatii fi manguddoonni Yihuudotaa akka isatti murteessu kadhata'aa waan isaa natti himatan.
16Anillee, ‹Himatamaan afoo himattootaa uduu hin dhaabatin, waan itti himatameef deebii akka kennu carraa uduu hin argatin eennuunillee dabarsanii kennuun seera Rooma'aatii miti› jedhee isaanii deebise.
17Kanaaf hennaa asitti wol gayan ani uduu hin turiin gaafa lamu'uu dhaddacha murtee irra taa'ee akka nama san fidan ajaje.
1818:14-15; 23:29 Worri isa himatullee hennaa dhaabatan, himannaa hamaa ani yaade woyiituu hin himanne.
19Haata'uu ammoo waan amantaa ufiitii fi waan Phaawuloos jiraata'a jedhu waan du'aa ka'uu Yesuusii irratti isaan wol morma'aa turan.
20Anillee dubbii tana attamitti akka qoradhu mamee gara Yerusaaleemii deemtee dubbii kana achitti falmaachuu barbaaddaa? jedheen.
2125:11-12 Phaawuloos ammoo Awugisxoos Qeesaar haga murteessutti akka eeggattu ol iyyannoo hennaa inni jedhe haga gara Qeesaarii erguuf akka eeggatu ajajeen.»
2223:8 Agriiphaanillee Fiisxoosiin, «Nama san ani deebi'ee dhagayuu hin barbaada» jedheen. Innillee, «Boru dhageettaan» jedheen.
23 Mat. 10:18; Luq. 21:12 Bariisaa Agiirpha'aa fi Barniiqeen gaachena gudda'aan dhufanii, ajajaa loltuu kumaatii fi hangafoota qacha'aa woliin gara mana murte'ee seenan. Fiisxoos ajanyaan Phaawuloosiin fidan.
2425:2, 7; 22:22 Fiisxoosillee akkana jedhe, «Mootii Agriiphaa'a, isinillee namoonni nu woliin jirtan maruu, namichi isin argitan kun ammaa achi lubbu'uun jiraatuun isa hin barbachisu jedhaa'a, baniin Yihuudotaa maruu Yeruusaalemii fi asittillee natti iyyataniiran.
25Ani ammoo waan isa ajjeesiisaa akka godhee hin jirre hubadheera. Innillee gara Awugisxoos waan iyyateef isa erguu murteesse.
26Waan isaa gara gooftaa kiyya waan barreessu waan qabatamaa hin qabu. Kanaafuu haga qoratameen maayii waan barreessu akka argadhuuf, afoo keessanitti mootii Agriiphaa keessattuu afoo kee isa dhiyeesse.
27Hidhamaan yoo ergamu sababaa himatameef qulqulleessanii erguu dhabuun waan gowwummaa natti fakkaatuuf.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.