1 24:16 Phaawuloos yaa'ii murti'ii guuttatee laalee, «Obboleewwan tiyya! Ani haga guyyaa adhaa sammuu misha'aan Rabbiin afoo jiraata'aara» jedhe.
2Yoh. 18:22-23 Hannaaniyaan bulchaa gadootaallee afaan keessa akka dhayan worra isa bira dhaabataniiran ajaje.
3Mat. 23:27-28 Hennaa san Phaawuloos, «Ati bada ka mana nooraa adi'iin dibame fakkaatu! Rabbi si dhaya! Ati seeraan natti murteessu'uuf achi teetteerta, ufii ammoo seera malee, akka na dhayaniif ajajjaa?» jedheen.
4Worri Phaawuloosiin bira dhabataniiran ati gadicha hayyicha Rabbii arrabsitaa? jedhaniin.
5Seera Bawu'uu 22:28 Phaawuloosillee, «Obboleewwan tiyya! Gadicha hayyicha akka ta'e waan hin benneef bulchaa ummataa irratti waan hamaa hin dubbatin jedhamee dubbii Rabbii keessatti barreeffameera» isaaniin jedhe.
6 24:15-21; 26:5; Filph. 3:5 Phaawuloos ammoo gariin isaanii Saduuqoota gariin ammoo Fariisota ta'uu isaanii waan beekeef, «Obboleewwan tiyya, ani nama Fariisii Ilma Farisichaati; waan abdii worra du'anii ka'aniitiif natti murteessan» jedhee yaa'ii murti'ii keessatti iyye.
7Hennaa inni waan kana jedhe, Fariisotaa fi Saduqoota jiddu'utti lolli ka'e yaa'iin murti'iillee adda fooyame.
8Mat. 22:23; Mar. 12:18; Luq. 20:37 Saduqoon, «Du'aa ka'iitiin, maleekkonni yookiin ayyaanillee hin jiru worra jedhan waan ta'aniif, Fariisonni ammoo lamaanuu hin amanan.»
925:25; Luq. 23:4 Guddisanii iyyan; worri gossa Fariisotaa barreessitoonni Seera Muuse'ee ka'aanii, «Nama kana irratti waan hamaa womaa hin argine! Ayyaanni yookiin maleekkaan itti dubbatee jiraatinnaa!» jedhanii wol morman.
10Hennaa lolli guddaan ka'e ajajaan loltuu kumaa Phaawuloosiin akka hin caccabsine sodaatee loltoonni bu'aanii jiddu'uu akka isa fuudhan gara ganda loltootaa akka galaaniin ajaje.
11 18:9; 19:21; 27:24 Halkan lammaffa'aa Gooftaan maddii isa dhaabatee, «Phaawuloosii kiyya, Yerusaalemitti waan kiyyaaf akka ragaa baate, akkasuma Rooma'aattillee ragaa akka baatu hin barbaachisaa jabaadhu» jedheen.
Phaawuloosiin Ajjeesu'uuf Mari'atan12Hennaa lafti bari'e, Yihuudonni Phaawuloosiin haga isa ajjeesanitti akka hin nyaannee fi akka hin dhunne wolii kakatan.
13Namoonni seera woliigalte'ee kana godhan afurtamaa ol ta'an.
1425:3 Isaanillee gara bulchoota gadootaatii fi gara manguddootaa dhufanii, «Phaawuloosiin haga ajjeefnutti womaa akka hin tundhe wol abaarree wolii kakanneerra.
15Eegasuu isin amma gumii woliin tataniiti akka waan isa jabeessitanii qorattanii fakkadha'aatii akka gara keessan gad buusu ajajaa loltuu kumaatitti iyyadhaa'a. Nullee uduu hin dhiyaatin, ajjeesu'uuf qophoofneerra» isaaniin jedhan.
16Ilmi obboleettii Phaawuloosii ammoo, dhara isaanii hennaa dhagaye, dhufee gara ganda loltootaa seenee, Phaawuloositti hime.
17Phaawuloosillee ajajaa loltuu dhibbaa keessa tokko waamee, «Mucaa kana gara ajajaa loltuu kumaa geessi waan isatti himu qaba» jedheen.
18Innillee fuudhe gara ajajaa loltuu kumaa geesse, «Mucaan kun waan sitti himu waan qabuuf Phaawuloosii hidhameerutuu waamee gara kee akka fidu na kadhatee natti kenne» jedheen.
19Ajajaan loltuu kumaa harka qabee achiin siiqee, hojja isaatitti, «Waan natti himtuu qabdaa?» jedhee gaafateen.
20Innillee, «Yihuudonni, waan Phaawuloosii haga duraanii irra jabeessitee akka waan qoratuu fakkaattee, boru gara yaa'ii murti'ii akka baaftu, si kadhachu'uuf wolii galaniiran.
21Eegasuu ati maarre hin jedhin; haga isa ajjeesaniif akka hin nyaannee fi akka hin dhunne wolii kakataaniiranii, isaan keessaa namoonni afurtamaa olii dhara dhayanii, ammallee qophaayaanii deebii kee eeggata'aaran» jedheen.
22Ajajaan loltuu kumaa, «Waan kana natti himuu kee eennutillee hin himin» jedhee itti seeree mucaa geegesse.
23Ajajoota loltuu dhibbaa keessaa lamaan waamee, gara Qisaariya'aa akka deeman loltuu dhibba lamaa, worra faradoo torbatamaa fi loltuu dhibba lamaa worra eboo lolaa qaban, «Halkan keessa sa'aatii sadihiititti qopheessaa'a» isaaniin jedhe.
24Phaawuloosiin gara bulchaa biyya gara Filiksii nagayaan akka isa geessaniif farda yaabbisanillee akka qopheessan isaan ajaje.
25Xalayaa akkana jedhullee barreesse.
26«Qelaawudewoos Luusiyoosiin irraa bulchaa kabajjamaa Filiksiitiif nageenni siif haata'u.
2721:30-33; 22:25-27 Nama kana Yihuudonni qabanii isa ajjeesu'uuf hennaa yaadan loltoota woliin dhaqqabee isa hambiseen; akka nama Rooma'aa ta'e waan beekeef.
2822:30 Sababaa himatameef beekuu yaadee, gara yaa'ii murti'ii baaseen.
2918:14-15; 25:18-19; 23:6, 9; 26:31 Waan seera isaanii mormeef akka isa himatan arge malee, waan ajjeechaa yookiin hidha'aaf isa geessuu miti.
3024:1-8 Nama kana Yihuudonni akka itti muratan hennaa natti himan yoma san gara kee erge himatootallee ammoo afoo keetitti akka himatan ajajeera» nagayaan taa'i.
31Loltoonillee akkuma ajajaman Phaawuloosiin qabanii halkanniin gara Antiphaaxirisii geessaniin.
32Bariisaa worri fardaa akka isa woliin deemu godhanii isaan gara gandaa deebi'an.
33Isaanillee gara Qisaariya'aa seenanii xalayaa bulchaa biyyatitti kennanii, Phaawuloosiin afoo isaa dhaabsisaniin.
3422:3 Haga dubbiseen maayii godina kamiin keessaa akka ta'e gaafateen; nama kiliqiya'aa ta'uu isaa haga beeke,
35«Worri si himatan yoo dhufan hennaa san si dhagaya» jedhee, dallawa Heroodisii keessatti akka isa eegan godhe.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.