Mudhata Yohaannisii 15 - WAADAA LAMMATAA

Maleekkota Rabbii Torbaa Fi Balaa Torba

1 16:1 Malkataa fi maalalee guddaa biraallee Sami'itti arge. Lolli Rabbii waan isaan irratti raawwatamuuf. Maleekkonni torbaa ka balaa dhumaa torba harkatti qabatan mudhatan.

2 4:6 Garba bilille'ee ka ibiddaan makame fakkaatu arge. Bineensaa fi fakii isaa laakkoofsa maqaa isaallee worri mooyatan meeshaa Rabbii kaddaamama'aa qabatanii hennaa galaana bilille'ee irra dhaabatan arge.

3-4Seera Bawu'uu 15:1; Seera Keessa deebi'ii 32:4; Kitaaba Faarfanna'aa 111:2; 145:17 «Waaqa Gooftaa maraa dandeettu,

hujiin kee gudda'aa fi maalale'e,

mootii worra Yihuudii hin taanee,

karaan kee qajeella'aa fi ka dhuga'aati;

Gooftaa ka si hin sodaanne;

ka maqaa kee hin kabajjine eennu?

waan ati callaan woyyuu taateef

hujiin kee qajeellumma'aan waan mudhateef,

worri Yihuudi hin taane maruu dhufanii,

afoo keetitti sagadan» jedha'aa faaruu garbicha Rabbii ka Muuse'eetii fi faaruu hoolaa Rabbiitii faarfatan.

5 11:19; Seera Bawu'uu 38:21 Kanaan maayii dukkaanaan raga'aa woyyuun ka sami'ii hin baname,

61:13 Maleekkaa torbaa ka balaa torbaa harkaa qaban, mana woyyu'uutii bayanii, uffata fuuttaa irraa hojjataman uffata mishaa qandhafaa uffatan, qaama isaanii ka sabbata worqi'iitiin hidhatan arge.

74:6-8; 14:10 Busaayaa arfan keessaa tokko baraa haga bara baraa ka jiraatu xuwwee worqi'ii torban ka lola Rabbiitiin guuttame Maleekkaa torbatti kenne.

8Seera Bawu'uu 40:34; Mootota 1ffaa 8:10-11; Seenaa 2ffaa 5:13-14; Isaayyaasii Raatticha 6:4 Ulfinni Rabbiitii fi aarri hunna isaa mana woyyuu guute. Balaan torbaa ka Maleekkaa torbaa haga raawwatamuuf eennullee gara mana woyyuu seenuu hin dandeenne.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help