Ergaa Phaawuloos Gara Ximootewoosii Erge ka 1ffaa 6 - WAADAA LAMMATAA

1 Efe. 6:5-6; Tit. 2:9-10 Maqaan Rabbiitiif barumsi isaa akka hin arabfamne, worri ba'aa garbumma'aa jala jiran maruu worra isaan bulchanii fi akka ulfinni isaanii barbaachisu haa laalani.

2Film. 16 Garboonni bulchoota amanan qaban obboleeyyan isaanii waan ta'aniif, isaan hin tuffatin. Hujii mishaa isaaniitiin waan fayyadamaniif worra amananiif jaalatamtoota waan ta'aniif, ka duraa caalaa haa tajaajilanii kanniin barsiisii gorsi.

Barumsa Sobaatii Fi Durummaa Dhuga'aa

3 Gal. 1:6-9; Xim. 2ffaa 1:13 Eennullee barumsa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii ta'een ala, ka barumsa addaa barsiisuuf dubbii nagaayaa, barumsa Rabbiin sodachu'uu kana ka hin fudhanne yoo jiraate, inni nama womaa hin beenne ka,

4-51:4, 7; Xim. 2ffaa 2:14; Tit. 3:10-11 Uf jajjuun bokkoke. Rabbiin qoruun, dubbi'iin wol woraanuu lola hammaa uf keessaa qaba. Kanniin keessaa hinaaffaa, mormuu, nama arrabsuu, yaada bada'aa fi Aaruu fa'a. Worra qalbii hin qabne, worra dhugaan irraa fudhatamte, worra Rabbiin sodachuun isaan keessa hin jirretu isaan keessatti argama. Namoota akkanaa kanniin irraa fagaadhu.

6 4:8; Filph. 4:11-12; Ibr. 13:5 Nama jiruun kiyya na gaya jedhuuf ammoo Rabbiin fakkaachuun bu'aa gudda'a.

7Kitaaba Iyyoobii 1:21; Kitaaba Lallabaa 5:15 Nu gara lafa tanaa womaa waan hin finneef womaa fudhachuu hin dandeennu.

8Kitaaba Fakkeennaa 30:8 Waan nyaannuu fi waan uffannu yoo qabaanne ammoo, inni nu gaya.

9Mat. 13:22; Kitaaba Fakkeennaa 28:20, 22; Luq. 12:20 Haata'uu ammoo worri dureeyyii ta'uu barbaadan badi'ii fi diiggamaan waan namoota liqimsuun, ceemsiisuun, waan nama miidhuuf, hawwii gudda'aa fi soba ataabe'ee irratti kufan.

10Mat. 6:19; Luq. 12:15; Efe. 5:5 Birrii jaalachuun hidda badii maraa waan ta'eef, namni gariin uduu kana hawwan amantaa ufii irraa dogoggoranii karaa hedduun uf miidhaniiran.

Gorsa Phaawuloos Ximootewoosii Kenne

11 Xim. 2ffaa 2:22 Ati ammoo namni Rabbii kana irraa dheessi, qajeellumma'aan, Rabbiin sodaachu'uun, amantaa, jaalala, jajabaachu'uu fi gara laafummaallee hordofi.

121:18; Xim. 2ffaa 4:7-8; Filph. 3:12-14; Qor. 1ffaa 9:25-26; Ibr. 12:1 Lola amanta'aa mishaa loli jireenna bara baraa mishaa waamamteef ka raattota hedduu biratti amanamteef qabadhu.

13Mat. 27:11; Yoh. 18:36-37 Rabbi waan maraa lubbu'uun jiraachisu'uuf, Yesuus Kiristoosii Philaaxoosii Pheenxenicha afo'otti amanamummaa mishaa rage afo'otti si ajaja.

14Tas. 1ffaa 3:13 Gooftaan keenna Yesuus Kiristoos haga mudhatuuf, xuri'ii fi mudaa tokko malee jiraachu'uun ajaja eegi.

15Mudh. Yoh. 17:14; 19:16; Seera Keessa deebi'ii 10:17 Mudhata ufii san hennaa ufiititti woyyu'uu fi ka hojja ufiititti bulchaa ta'e, mootii moototaatii fi Gooftaan gooftotaa hin mudhisa.

16Yoh. 5:26; Seera Bawu'uu 33:20 Ka hin duune isa calla'a. Ifa ennullee itti dhiyaatuu hin dandeenne keessa jiraata. Namni tokkollee isa hin argine. Isa arguullee hin danda'u. Ulfinninii fi hunni bara baraan isaaf haata'uu Amiin!

17 Kitaaba Iyyoobii 31:24; Kitaaba Faarfanna'aa 62:10; Mat. 6:19-21; Mar. 10:23-25; Luq. 12:15-21; Yaq. 1:10 Bara adhaa worri dureeyyii ta'an, waan uf jaju'uu akka hin yaanne Rabbiin jiraata'aan akka gammannuu waa maraa caalchisee nuu keennuun malee, durummaa darbu akka abdii hin godhanne isaan gorsi.

18Ibr. 13:16 Jireenna dhuga'aa akka argatan bara dhufuufillee galmee bu'uura mishaa isaanii ta'u irratti wolitti qabata'aa,

19Mat. 6:20; Luq. 16:9 waan mishaa godha'aa hujii misha'aan dureeyyii akka ta'an, worra nama gargaaranii fi worra namaa qoodan ta'u'uuf akka qophaayan isaan gorsi.

20 4:7; Xim. 2ffaa 1:14; 2:14, 16 Ximootewoosii kiyya! «Beekkomsa» soba jedhamu, ka duwwa'aa odeessu'uu fi mormii duwwaa adunyaa tanaa tolu irraa fagaata'aa yaboo sitti kenname eegi.

211:6, 19; Xim. 2ffaa 2:18 Namoonni gari gariin beekkomsa kana qabna jedha'aa, amantaa irraa dogoggoraniiran. Badhaani Rabbii isin woliin haata'u.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help