Ergaa Gara Worra Ibrootaa Ergame 11 - WAADAA LAMMATAA

Amantaa

1 Rom. 8:24-25; Qor. 2ffaa 4:18; 5:7 Amantiin waan abdatan dhuga'aan hin ta'a jedhanii fudhachu'uu fi waan ijaan hin argine akka waan arganiititti hin jira jedhanii laakkayu'u.

2Manguddootaaf ka ragameef waan kanaan.

3Seera Uumamaa 1:1-31; Kitaaba Faarfanna'aa 33:6, 9; Yoh. 1:3; Rom. 1:20 Akkuma adunyaan dubbii Rabbiitiin uumame, wonti mudhatu, waan mudhatu irraa akka hin taane amanta'aan hubanna.

4 12:24; Seera Uumamaa 4:3-10; Mat. 23:35 Abeel ciincaa ciincaa Qaa'elii caalu amanta'aan Rabbii dhiyeesse, akka kanaan Rabbi ciincaa Abeelii gammachu'uun hennaa fudhate, Abeel amanta'aan qajeelaa akka ta'e ragameef. Haga du'eellee ciincaan isaa haga ammaa dubbata.

5 Seera Uumamaa 5:21-24 Heenook akka hin duune amaneeti amanta'aan gara sami'ii ol baye. Waan Rabbi ol isa fudhateef hin argamne. Uduu hin fudhatamne, Rabbiin akka gammachiise ragameeraaf.

6Amantaa malee Rabbiin gammachiisuun hin danda'amu. Namni gara Rabbii dhiyaatu akka Rabbi jiru worra isa soqaniif ka gatii kennu akka ta'e, amanuu barbaachisa.

7 Seera Uumamaa 6:8-22; Phex. 2ffaa 2:5; Rom. 3:22 Nohi waan haga ammaa hin mudhanne amanta'aan hubatee, Rabbiin sodaata'aa maatii ufii hambisu'uuf markaba amanta'aan hojjate. Sababa amantaa isaatiif biyya lafaatitti yakki murame. Inni qajeellummaa amanta'aan argamu dhaale.

8 Seera Uumamaa 12:1-5 Abrahaam gara ristii hin argatta jedhamee san biyya ufiitii bayee hulee dhaalaan argatu akka dhaqu hennaa waamame, gara dhaqu uduu hin beekin amanta'aan ajajame.

9Seera Uumamaa 12:5-9; 35:27 Inni akka keessummaa biyya ormaa jiruutitti lafa isaaf waadaa galame san keessa amanta'aan jiraate. Akkuma worra isa woliin waadaa dhaalanii, akkuma Yaaqoobii fi Yisihaaqii dukkaanaa keessa akka galtu'uutitti jiraate.

1012:22; 13:14; Mudh. Yoh. 21:14, 19-20 Qachaa hundee qabdu ta Rabbi hojjate eeggata'aa waan tureef.

11 Seera Uumamaa 17:19; 18:10-14; 21:2 Ka abdii kenne amanamaa akka ta'etti waan laakkayeef, «Saaraan haga umuriin isi'iituu lufeen maayii fiixaa argatu'uuf amanta'aan hunna argate»

12Rom. 4:19; Seera Uumamaa 15:5; 22:17; 32:12 Kanaafuu baniin baayi'inni isaanii akka urjii sami'ii ka hin laakkayamne akka xidhacha qarqara galaanaa nama tokkicha nafti isaa akka nama du'ee fakkaate keessaa dhalatan.

13 11:39; Seera Uumamaa 23:4; 47:9; Seenaa 1ffaa 29:15; Kitaaba Faarfanna'aa 39:12 Kunniin maruu amananii du'an, garuu dubbii abdi'ii ka isaanii kenname hin arganne. Haata'uu ammoo fago'oo arganii reebbatan. Biyya itti galan sanitti keessummootaa fi galtuu ta'uu ufii beekan.

14Akkas ta'uun isaanii biyya biraa qabatuu isaanii mudhisa.

15Uduu biyya keessaa bayan san yaadan ta'ee silaa deebi'uu danda'an.

16Seera Bawu'uu 3:6 Amma ammoo biyya sami'ii ta maraa caaltu hawwan. Kanaafuu, «Rabbi, Waaqa isaaniiti» jedhamee waamamu'uuf isaaniin hin saalfatu. Waan qachaa isaanii qopheesseeruuf.

17-18 Seera Uumamaa 22:1-19; Yaq. 2:21 Ka fiixaan kee isaan waamama jedhamee jechi abdi'ii kennameef, mucaa ufii tokkicha amanta'aan dhiyeesse.

19Rom. 4:17 Rabbi worra du'an keessayyuu kaasuu akka danda'u waan yaadeef, akkuma waan du'aa ka'eetitti Abrahaam Yisihaaqiin deebisee argate.

20Seera Uumamaa 27:27-40 Yisihaaqi waan durana dhufu'uuf ta'u qaabatee amanta'aan Yaaqoobii fi Eesawuun eebbise.

21 Seera Uumamaa 47:31; 48:1-20 Yaaqoob hennaa du'uu gaye, qaccee bordoo ufiititti irkifatee Rabbii sagada'aa, amanta'aan ijoollee Yooseefii maraa eebbise.

22 Seera Uumamaa 50:24-25; Seera Bawu'uu 13:19 Yooseef hennaa du'uu gaye, waan biyya Misirii keessaa bayuu ijoollee Isiraa'elii amanta'aan qaabatee, waan lafee ufiillee dhaamate.

23 Seera Bawu'uu 2:2; 1:22 Muuseen haga dhalateen maayii haati isaatii fi abbaan isaa daa'ima bareedaa ta'uu isaa arganii, amanta'aan ji'a sadihii dhossaniin; labsii mooti'iillee hin sodaanne.

24 Seera Bawu'uu 2:10-12 Muuseen haga guddateen maayii ilma intala Fari'oonii akka hin jedhamne amanta'aan dide.

25-26Gatii ufii xiinxallee waan laaleef, qabeenna biyya Misirii hedduu irra, waan Kiristoosiitiif tuffatamuun, durummaa maraa caalu akka ta'e waan yaadeef, gammachuu cubbu'uun henna'aaf argamu caalaa, banii Rabbii woliin rakkachuu filate.

27 Seera Bawu'uu 2:15; 12:41 Waan hin mudhanne akka waan arga'aaruu godhee jabaate; dheekkamsa mootichaa uduu hin sodaanne amanti'iin biyya misiriitii baye.

28Seera Bawu'uu 12:3-14, 21-30 Maleekkaan akka ijoollee hangafaa hin tundhe Faasika'aa fi dhiiga facaasuu amanta'aan godhe.

29 Seera Bawu'uu 14:16-31 Akka waan lafa gogaa irra deemaniititti galaana Ertira'aa amanta'aan ceyan. Namoonni Misirii ammoo hennaa ceeyuu yaalan hin liqinfaman.

30 Kitaaba Iyyaasu'uu 6:1-21 Dalloofni dhaga'aa ka Iyyaariko'oo guyyaa torbaaf haga irra naannayaniin maayii amanta'aan jige.

31Kitaaba Iyyaasu'uu 2:1-21; 6:22-25; Yaq. 2:25 Seebartittiin Ra'aab worra gaadu nagayaan waan simatteef, worra hin ajajamne woliin amanta'aan hin banne.

32Eeganaa ani maal jedha? Waan Gedewoonii, waan Baaraaqii, waan Saamsoonii, waan Yooftaahe'ee, waan Daawitii, waan Saamu'eeliitii fi waan raattotaa akka hin mammaanne hennaan na jalaa gabaabbata.

33Kitaaba Abboota Murti'ii 14:6; Saamu'eelii 1ffaa 17:34-35; Daani'eelii Raatticha 6:1-27 Isaan amanta'aan mootummaa injifatan; qajeellummaa hojjatan, dubbii abdi'ii ka isaanii kenname argatan,

34Daani'eelii Raatticha 3:1-30 Afaan Leencotaa cufan; hunna ibiddaa dhaamsan; qara sibiilaa jalaa bayan. Dadhabbii ufii irraa jajjabaatan; Lolatti janna ta'an; loltoota nyaaphaa ari'an.

35Mootota 1ffaa 17:17-24; Mootota 2ffaa 4:25-37 Dubartoonni worra du'e ka isaanii du'aa ka'iinsa isaanii simatan. Kuuwwanillee uduu fayyinna hin arganne, du'aa ka'iinsa caalu akka argataniif haga du'aa tumaman.

36Mootota 1ffaa 22:26-27; Seenaa 2ffaa 18:25-26; Ermiyaasii Raatticha 20:2; 37:15-16; 38:6 Kuuwwanillee itti shaqqaadamee tumamanii hidhamanii mana hidha'aatitti gataman.

37Seenaa 2ffaa 24:21; Ermiyaasii Raatticha 26:23; Mat. 23:35-37; Yaq. 5:10 Dhagaan tumamanii du'an. Ataabamanii, magaazi'iin baqaffamanii guraadeen du'an. Waa maraa dhaba'aa, rakkata'aa, dhiphata'aa, gogaa hoola'aatii fi gogaa re'e'ee uffatanii asii fi achi naannayan.

38Waan adunyaan isaanii hin taaneef, lafa gammojji'iitiif gaaratti kosha'aa fi boolla lafaatitti asii fi achi rarra'an.

39-40Wonti kunniin maruu amantaa isaaniitiin isaanii ragameefii uduu jiru dubbii abdi'ii ka isaanii kenname hin arganne. Rabbi waan caalu waan nuun qopheesseeruuf, isaan nu woliin malee, hojja ufii guutuu ta'uu hin danda'an.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help