1 isaan dhooggan.
16Yesuus ammoo daa'imman gara ufii waamee, daa'imman gara kiyya akka dhufan dhiisa'aanii hin dhoogginaa'a, Jeennanni Rabbii worra akkanaa kanniiniif waan ta'eef.
17Mat. 18:3 Ani dhugamaan isiniin jedha, eennullee jeennata Rabbii akka daa'imaatitti ka hin fudhanne, sirimaa hin galu» jedhe.
Gaafii Namicha Dureessa Tokkoo(Mat. 19:16-30; Mar. 10:17-31)18 10:25 Bulchoota keessaa tokko, «Barsiisaa arjaa'a, jiruu bara baraa argatu'uuf maal godhuu na barbaachisa?» jedhee isa gaafate.
19Yesuusillee, «Maaf arjaa naan jetta? Rabbii tokkicha malee, namni arjaan tokkollee hin jiru.
20Seera Bawu'uu 20:12-16; Seera Keessa deebi'ii 5:16-20 Ati seera, ‹Hin seebarin, hin ajjeesin, hin hatin, dharaan hin ragin, Abba'aa fi haadha kee kabajji!› jedhu hin beetta» jedhe.
21Namichillee deebisee, «Ani waan kana maraa ijoollummaa kiyya irraa jalqabee eegeera» jedhe.
22Mat. 6:20 Yesuusillee waan kana dhagayee, «Ammallee waan tokkotu si hafa. Waan qabdu maraa gurguriitii hiyyeeyyi'ii kenni, Sami'itti hin duroomtaa. Koottuu na faana deemi!» jedhe.
23Inni ammoo haga kana dhagayeen maayessa dureessa waan ta'eef, guddisee gadde.
24Yesuusillee akka inni guddisee gadde argee, akkana jedhe, «Worra dureeyyi'iif, jeennata Rabbii galuun attamitti rakkisa'a!
25Dureessi gara jeennata Rabbii galuu irra, gaalli qaalawa limmo'oo keessa hulluuqutu irra salpha'a» jedheen.
26Worri waan kana dhagayan, «Eegasuu eentu fayyuu danda'a ree?» jedhan.
2719:8-9; Mar. 14:36 Inni ammoo, «Wonti namaaf hin danda'amne Rabbiif hin danda'ama» jedhe.
28Pheexroosillee, «Kunoo, nu waan maraa dhiifnee sifaana deemneerra» jedheen.
29Innillee, «Ani dhugamaan isiniin jedha, namni waan jeennata Rabbiitiif jedhee, mana ufii, maatii ufii, obboleeyyan ufii, haadhaa fi abbaa yookiin ijoollee ufii ka dhiise,
30Bara kanaaf adunyaa dhuftutti eennullee ka dachaa hin arganne hin jiru» isaaniin jedhe.
Yesuus Hennaa Sadaffa'aatiif Waan Du'a Ufii Dubbate(Mat. 20:17-19; Mar. 10:32-34)31Yesuus kudha lamaanuu gara ufii waamee, akkana isaaniin jedhe, «Amma gara Yeruusaalemii deemna wonti Ilma Namaa ka raattotaan barreeffame maruu hin raawwatama.
329:22, 44 Ilma namaa worra Yihuudota hin taaneef dabarsanii hin kennaniin, isaanillee itti baldan asii fi achi daddarba'aa itti tufan.
33Haga isa dhaananiin maayessa hin ajjeesan, guyyaa saddaffa'aatitti hin ka'a» isaaniin jedhe.
34 24:45; Mar. 9:32 Isaan ammoo waan kana maraa keessaa tokkollee hin hubanne. Hiikkaan dubbii sanii isaan jalaa waan dhokatee tureef wonti inni dubbate sun isaanii hin galle.
Yesuus Ballaa Fayyise(Mat. 20:29-34; Mar. 10:46-52)35Yesuus hennaa gara Iyaarikoo dhiyaate namichi ballaan tokko karaa irra taa'ee kadhata'aa ture.
36Innillee akka namoonni baay'een karaa san irra lufa'aaran dhagayee, wonti kun maal? jedhee gaafate.
37Isaanillee, «Yesuusii Naazireetiititu karaa kana lufa'aara» jedhanii itti himan.
3817:13; Mat. 9:27 Innillee, «Yesuus, Ilma Daawitii na maari!» jedha'aa iyye.
39Worri afo'otti deemaa turan akka inni cadhisu xixaniin. Inni ammoo, «Ilma Daawitii na fayyisi!» jedha'aa guddisee iyye.
40Yesuusillee dhaabatee, namicha ballaa gara isaa akka fidan ajaje. Hennaa gara isaa dhiyaate,
41Mar. 10:36 Yesuus, «Maal akka sii godhu barbaadda?» jedhee isa gaafate.
Innillee deebisee, «Gooftaa kiyya, arguu barbaada» jedhe.
42 7:50; 17:19 Yesuus deebisee, «Argi! amantaan kee si fayyiseera» jedheen.
437:16; 17:15 Ijji isaallee yoosuu argitee, Innillee Rabbiin galateeffata'aa Yesuusiin faanaa deeme. Gumiin sun maruu haga waan kana argan Rabbiin galateeffatan.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.